BAGA AYYANA IRREECHAA BARA 2010TIIN ISIN GAHE!

BAGA AYYANA IRREECHAA BARA 2010TIIN ISIN GAHE!

                                             (Hidhamtoota Siyaasa Mana Hidhaa Qilinxoo irraa.)



Uummanni Oromoo bahaa dhihaan, kaabaa kibbaan, biyya keessaa fi biyyaa alaa kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2010 kabajachuuf yeroo dhiphoo fi gadda gannaa baatanii booqaa birraatti ceetan isiniin jenna. 
Uummanni kun jaarraa tokkoo fi walkkaa oliif mootummoota Itiyoophiyaa adda addaatiin sababoota adda addaatiin qee’ee isaarraa buqqa’uun, hidhamuun, ajjeesamuun, biyyaa ari’amunii fi aadaa fi afaan isaa balleessuun sirni siyaasaa, diinagdee fi hawasawaa isaa balleessamaa fi diigamaa tureera keessumaa mootummaan ADWUI akkuma aangoo biyya kanaa qabateen uummata Oromoo irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuun maqaa ABOtiin gubaatii bosonawwan Oromiyaatiin, Waldaa Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaatiin, waaqeffannaatiin, paartilee mormitootaa siyaasaatiin fi daangaalee naannoowwan ollaa Oromiyaa jiraniin uummata kana reebaa, hidhaa, ajjeesaa, biyyaa ari’aa fi qee’ee isaa irraa buqqisaa tureera. 


Erga bara 2006 asii moo maqaa Maaster Pilaanii Qindaa’aa Magaalaa Finfinnee fi Magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetiin, kabaja Ayyana Irreechaa Hora Arsadee Bara 2009tiinii fi daangaawwan naannoowwan Oromiyaa fi Somaalee Itiyoophiyaatiin uummanni Oromoo reebaman, ajjeefamn, hidhaman, qe’ee isaaniirraa buqqa’an, qabeenyaan isaanii samaman, biyyaa ari’amanii fi dirreerra jiran kanneen immo uummanni keenya yeroo kamuu caalaa qabsoo hadhooftuu fi humna qabeessa ta’e keessa jiraachuu isaanii agarsiisa.


Egaa uummanni kun gochaawwan kanneen irratti haa raawwataman malee duudhaa isaa, aadaa fi afaan isaa fi qee’ee isaa kunuunsachaa fi guddifachaa asiin gahee jira. Haaluma kanaan akkuma barame uummanni oromoo fi uummatni Itiyoophiyaa kallattii maraan bakka adda addaarraa walitti dhufuun kabaja Ayyana Irreechaa Bara 2010 Hora Arsadee Magaalaa Bishootuutti gaggeeffamu irratti argamuun baga dukkana gannaa baatanii gara booqa birraatti ceetan waliin jechuun galata qalshachuuf qophiirra jiru.
Nuyis, maqaalee armaan oliitiin Oromiyaa irraa humnaan butamnee mana hidhaa feederaalaa kan ta’e Qilinxoo keessatti hidhamtoota siyaasa ta’uun dararamaa jirru kabaja Ayyaana Irreechaa baranaa kanarratti qaamoleen adda addaa waan of eeggachuu qabdan akka armaan gadiitti isin yaadachiisuu barbaadna. 


Uummanni kabaja ayyana kanaarratti argamtan martinuu erga hirreeffattanii booda uummata Oromoo galtee qabsoo Oromootiif gochaawwan armaan oliitiin dhuman, (wareegaman), yeroo ammaa sababa daangaa jedhamuun uummanni keenya bakka nagaan jirutti qaama mootummaa hidhateen dhumanii fi keessumaa kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2009 irratti uummata ayyaan kana kabajachuu dhufe irratti ajaja mootummaadhaan irraan eeliikoopteraan jalaan matarayesiin rasaasa itti roobsaa kaan bishaanitti nam’uun kaan immoo boollatti nam’uun akkasumas rasaasaan dhumaniif gamtaan daqiiqaa tokkoof kadhaa sammuu taasisuun akka yaadatan isin gaafanna. 


Mootummaan badii uummata Oromoo fi Ayyaana Irreechaa bara 2009 irratti raawwate irraa of qusachuun haasawaa siyaasaa, faajjii fi alaabaa mataa isaa baachuun uummata ofii hin waammanne irratti lallabuu dhiisuun bakka kana dirree siyaasaa irraa bilisa akka godhu ni ibsina.


Maqaa Gumii Abbootii Gadaatiin abbootiin gadaa tokko tokko mootummaa qofa faarsuu irraa of-qusattanii gochaawwan badii saba kanarratti ta’aa turanii fi ta’aa jiran hubachuun miidhaa uummata kanarra gahu balaaleffachuun aantummaa uummataa keessanii agarsiisuun waantoota sirni gadaa kaleessa raawwachaa ture xiinxaluun uummata keessaniif akkuma gadaa kaleessa har’as injifannoon gaarii akka ta’uuf akka gumaachitan isin gaafanna.
Mootummaan feederaalaa balaa uummata keenyarra gahu irraa qolachuu irratti duuluun sababa adda addaan miidhaa waan jiruuf uummanni keenyi hundi walcina dhaabbachuun uummata miidhaman akka dandamachiiftan isin gaafanna.


Dhumarratti, yeroo kamiyyuu caalaa gochaawwan badii hamoo ta’an mootummaan feederaalaa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti gochaa jiru ofirraa qolachuuf uummanni Oromo hundi keessan yeroo kamuu caalaa tokko ta’uun barri kun bara injifannoo Oromoo fi Oromiyaatti kan nu ceesisuu danda’u akka ta’uuf kan itti waadaa waligaltan isiniif haa ta’u.


Barri kun kan nagaa, kan tokkommaa fi kan injifannoo NUU Haa Ta’u!
Hidhamtoota Siyaasa Mana Hidhaa Qilinxoo irraa.
Fulbaana Bara 2010

Comments