BEEKSISA: Guyyaan Hiriira mormii jijjiramuu ilaalchisa
(Jawar Mohammed irraa)
BEEKSISA: Guyyaan Hiriira mormii jijjiramuu ilaalchisa
Akkuma yaadatamu weeraraafi ajjeechaa Liyyu Poolisiin ummata keenya daangaa irrra jiru irratti godhaa jiru balaaleffachuuf guyyaa boruu ( Kamisaa) hiriirri mormii waamamee akka ture ni beekama. Erga waamichi kun godhamee asitti haalonni saffisaan jijjiramanii jiran:
Mootummaan Wayyaanee akeeka isaa gara weerara daangaatiin jalaa fashallaan ummata Oromoofi Soomalee walitti buusuuf shira hamaa xaxee jira. Haaluma kanaan magoolta Oromiyaafi naanno Soomalee muraasa keessatti humnoonni mootummaa ummata nagayaa irratti miidhaa geesisaa jiru. Shiruma ofii dalagan kana ammoo akka waan ummanni walirratti raaw'ataa jiruu fakkeessuun jibbiinsiifi hokkarri akka babal'atu yaalaa jiran. Guyyoota itti aanaan keessatti shira ummata walitti buusuu kana daran akka itti fufan shakkama. Haala kana keessatti ummanni hiriira bahuun akeeka diinaa kanaaf karaa saaquu mala sodaa jedhutu jira. Akeekni Wayyaanee ummata walitti buusuu kun milkaayuun kaayyoo hiriira kanaa hoongessuu qofa osoo hin taane imala qabsoo garafuulduraafis danqaalee hedduu uumuu akka danda'u ifaadha.
Kanaafuu guyyaa biraatti dabarsuun barbaachisaa ta'ee argamee jira. Yeroo kana keessatti
- - Ummanni keenya qophii keessan daran akka cimsattan
- - Mootummaan naannoo Oromiyaa walgahii Caffee arriifachiisaa yaamuun Liyyuu Poolisiin hidhannoo hiikatee akka diigamuuf paarlaamaa federaalaa ifatti gaafachuu qaba.
- - Abdi Ileefi qondaalonni waraanaa yakka kana raaw'atan seeratti akka dhiyaatan ifatti gaafachuu qaba.
- - Mootummaan Oromiyaa guyyoota muraasa keessatti hiriira waliigalaa yaamamuuf haala mijeessuu qaba.
- - Yaaliin ummata keenya daangaarra jiru hidhannoo hiikkachiisuu saffisaan akka dhaabbatuuf, Caaffeen mirgi hidhannoo seeraan hidhachuu kan kabajame ta'uu raggaasisuu qaba.
Ummanni keenya dhibbaatamaan madaayaa jira. Kumaatamaan qe'eerraa buqqa'ee jira. Kanaaf ummata kanaaf saffisaan gargaarsi dhaqqabuu qaba. Gargaarsi kun biyya keessatti gara Gumii Abbootii Gadaatiin sassaabamee naannoolee miidhamniif akka raabsamu waliigalteerra gahameera. Adeemsa isaas yeroo gabaabaa keessatti kan ibsamu taha.
Sa'aatileefi guyyoota as deemanitti tarkaanfii mootummaan fudhatuufi haala ummana keenyaa sirritti hordofuu feesisa. Gaaga'amni ummata keenyarra gahu dhaabbachuu baannaan tarkaanfilee barbaachisoo ta'an qophaa'ina gahaa waliin ni godhama. Guyyaafi tarsiimoo hordofamu adeemsaan kan waliif ibsinu ta'a
Qeerroo Oromiyaa
Comments
Post a Comment