Bu'ura heeraa fii sirna jidduu mootummaa Federaalaatiin mootummaan naanno Oromiyaa Liyuu poolisiin Somalee akka diigamtuuf himannaa dhiheessuun qaba.

Bu'ura heeraa fii sirna jidduu mootummaa Federaalaatiin mootummaan naanno Oromiyaa Liyuu poolisiin Somalee akka diigamtuuf himannaa dhiheessuun qaba.

                                                             (Mohammed Abdella irraa)

  • Sirni bulchinsi Ixoophiyaadhaa sirna federalaazimiiti (FDRE kwt 1).Caasaan sirna federaalizimii heeraan hundaahe kun haala kamiyyuu keessatti kan hin rarrafamnee fii kan yeroo hunda eeggamuu qabuudha. Haaluma kanaan , caaseffamni sirna federaalizimii kan heeraan diriirfame kun yeroo labsii yeroo muddamsuu ( state of emergency) keessattillee kan hin rarraafamneedha. ( FDRE kwt-93(3) c). Sirna federaalizimii jechuun immoo sirna bulchinsa sadarkaa lamatti caaseffamee mootummaa sadarkaa lamaa qabu tahee kan mootummaan sadarkaa lamaneenuu aangoo heeraan isaaniif qoodamte keessatti aangoo walii kabajanii daangaa aangoo ofii keessatti hojjataniidha. Sirna federaalizimii keessatti Maddi aangoo mootummaa sadarkaa lamaanuu heeran kan kaayame waan taheef mootummaan sadarkaa lachuu daangaa ofii isaanii qofa keessatti hojjatu. Biyya keenya keessatti mootummaa naanno fii kan federaalaas bu'uruma kanaan hundeeffame.( FDRE kwt 50(1). Mootummaa naannoo fii kan Federaalaas daangaa aangoo heeraan kennamees qofa keessatti hojjatuu qabu akkasumaas mootummaa naanno os aangoo heeraan mootummaa Federaalaaf kenname kabaju qaba. Mootummaan federalaas aangoo heeraan mootummaa naannoof kenname kabajuu qaba ( FDRE kwt 50(8)).Kanaaf, bu'ura heeraan mootummaa Federaalaa aangoo mootummaa naannoo jidduu jidduu lixee hojjaachuu hin dandayu. Dhimma mootummaa naanno jidduu seenuun dhoorkaadha.Garuu , haalota addaa heeraan kaayaman keessatti mootummaa Federaalaa dhimma naannoo keessa seenuu dandaya.


  • -Haalota addaa heeraan mootummaan Federaalaa dhimma mootummaa naannoo keessa itti seeenuu dandayu sadiitu heera FDRE keessatti kaayame.
  • 1,Yeroo Rakkoon nageenya mootummaa naanno tokkoo keessatti uumamee mootummaa naanno sanii rakkoo nageenya san toohachuu dadhabee mootummaa Federaalaa gargaarsa gaafate ( Heera FDRE kwt 51(14). Yeroo kana mootummaan Federaalaa humna ittisa biyyaa akka naanno san tasgabeessaan ajaja.
  • 2,Yeroo dhittaa mirga dhala namaa hamaan naanno tokko keessatti uumamee mootummaa naanno sanii dhiitta mirga namaa san dhaabuu dadhabe kaka'umsa mana marii bakka bu'oota ummataatiin manni marii Federation fii manni marii bakka bu'oota ummataa waliin tahanii qajeelfama dabarsu.(FDRE kwt 55(16).
  • 3,Yeroo mootummaan naannoo tokkoo sirna heeraa balaa irra buuse ( endangered constitutional order). Yeroo kana manni marii federashiinii mootummaan Federaalaa akka jiddu lixee sirreessu godha ( Heera FDRE kwt 62(9).
  • Sirni jiddu lixinsaa sadeen kun tilmaama mootummaan Federaalaa qaama mootummaan naanno hundi hirmaannaa madaalawaa keessatti qaban waan taheef loogii malee Rakkoo fura jedhurratti kan hundaaheedha. Garuu,mootummaan Federaalaa biyya keenya kan paartii tokkoon dhunfatamee fii olaantummaa saba tokkoo irratti ijaaramedha. 


  • -Sirna jiddu lixinsaa kana keessa kan dhimma weeyrara daangaan walqabatu fii haala qabatamaa jiruu wajjiin walbira qabnee haa ilaalluu. Sirna jiddu lixinsaa mootummaa Federaalaa kana keessaa kan weeyrara daangaa walqabatu jiddu lixinsa sirna heeraa balaarra buusuu irratti hundaahuudha.
  • Kallattiidhaan dhimmatti seenuun dura akka seensaatti mee sirna heeraa jechuun maal jechuu akka tahe ibsina. 

  • -Sirna heeraan ijaarame jechuun dhaabbilee heeraan hundeeffamaniifii adeemsa rakkoon ittiin furamuu qabdu kan heeraan diriirfame jechuudha. Dhaabbilee heeraan ijaaraman keessaa tokko mootummaa naannolee saglan heeraan hundeeffamaniidha. Kana keessaa immoo mootummaan naanno Oromiyaa isa tokkoodha. Addemsu rakkoon ittiin furamu keessaa tokko addeemsa Rakkoon daangaa mootummaa naannoo jiddutti uumame ittiin furamuudha. 


  • -Mootummaan naannoo lama daangaa irratti yoo waldhaban karaa mana marii fedreshiiniitiin referendum godhamee furama ( Heera FDRE kwt 48).Haala kanaan iddoowwan naannoon Oromiyaa fii Somalee irratti waldhaban irratti referendum waggaa 12 dura gaggeefamee murtee ummataa argatee ture. Ji'a sadi duraas rakkoo uumamee turee mootummaan naanno Oromiyaa fii Somalee bu'ura referendumiin furuuf waliigalanii hojjataan turan. Haatahuu malee mootummaa naanno Somali referendumii fudhachuu didee Weeyrara Liyuu poolisiin Oromiyaa irratti banee jira.
  • - Mootummaa naanno tokkorratti weeyrara banuu jechuun maal jechudha. Labsii 359/2002 kwt 12 jalatti sirna heeraa diiguu "
  • INTERVENTION WHEN THE CONSTITUTIONAL ORDER IS ENDANGERED
  • 12. Principle
  • An activity or act carried out by the participation or consent of a Regional Government in violation of the Constitution or the constitutional order and in particular:
  • (a) armed uprising;
  • (b) resolving conflicts between another Regi9on or Nation, Nationality or People of another Region by resorting to non-peaceful means;" jedheeAnd hiikee jira. Kanarraa kan hubatamu mootummaa naanno Oromiyaa weeyraruun yakka sirna heeraa diiguu akka tahee dha.
  • Mootummaan naannoo Oromiyaa kara dubbi himaa isaatiin Liyuu poolisiin Somalee, milishaa naanno Somali fii ALusunna waljamaa humni jedhamu Oromiyaa weeyrara akka jiru ragaan deeggaranii ibsanii jiran. 


  • -Bu'ura labsii olitt eeramee fii ragaa qabatamaa jiruun mootummaan naannoo Somalii Oromiyaa irratti weeyrara banuudhaan sirna heerA balaarra buusaa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaa maal godhuu qaba?
  • 1,Bu'ura labsii kanaan mootummaa naanno Oromiyaa mana marii federashiitti ragaa qabatama dhiheessee manni marii federeshinii akka dhimma qoratee mana marii ministeerotaaf qajeelfama kennu godhuu qaba ( labsii 359/2002 kwt 13(1).
  • 2, Hanga Liyuu poolisii Somalee fii Abdi Illeen jiranitt karaa refendumiin rakoon furamuu hin dandayu waan taheef bu'ura labsii kana Kwt 14tiin bulchinsi mootummaa naanno Somali fii Liyuu poolisiin akka diigamanii fii seeraan dhihaatan gaafachuudha qaba. 


  • -Qabatamaadhaan immoo qajeelfama mana Mari federeshinii malee raayyaan ittisa biyyaa lafaa ka'ee gama Liyuu poolisii galee ummata Oromoo hikkachiisaa jira. Kun immoo faallaa heera mootummaa fii haqa jiruu waan taheef mootummaa naanno Oromiyaa tarkaanfii kana ifatti mormuu qaba mormii isaas ummataaf beeksisuu qaba. Keessattuu raayyaan ittisa biyyaa loogii guddaa humaa jira waan tahee mootummaan naanno Oromiyaa Kara mana marii bakka bu'ootatiin himannaa irratti dhiheessuun qaba.

  • Tarkaanfii seeraa fii heeraan deeggarame kana mootummaan naanno Oromiyaa deeggaramuu qaba. Saniin ala immoo qabnee qilee kaaayuu qabna.

Comments