Dhaamsa Dr Tolarmaaram Fufaa, namichi qubee Afaan Oromoo gara LAGM jijjiree ture, sun warra diyaaspora keessattuu Ameerikaa jirruuf katabe argeen ajaa'ibe.
Dhaamsa Dr Tolarmaaram Fufaa, namichi qubee Afaan Oromoo gara LAGM jijjiree ture, sun warra diyaaspora keessattuu Ameerikaa jirruuf katabe argeen ajaa'ibe.
(Jawar Mohammed irraa)
Kan duraa hayyoonni Oromoo biyya alaafi keessaa qorannoo godhanii jijjiramni godhame kan bu'ura hin qabneefi kan afaan miidhu jedhanii mootummaa naannoo Oromiyaa amansiisanii haqsiisan booda, dogongora isaa fudhatee dhiifama gaafachuu mannaa duulaa hayyoota isaan morman maqaa balleessuuf banuun raajiidha.
Kan lammataa xalayaan tun Oromoota biyya alaa jiraniif dhimma Afaan Oromoo irratti dhaamsa dabarsuuf katabe.
Maarree afaan alagaatiin ta'uun maaliif barbaachise? Alagaadhaan naaf dirmadhaa jechuufi moo akkuma amma dura hamatamaa ture namni kun kan barates Afaan Amaaraati kan of ibsuu danda'us afaanuma kanaan waan ta'eefi?
Kan sadaffaa hayyoonni biyya alaa maaliif qorannoo gootanii dhuftanii mootummaa Oromiyaa amansiisuu dhabdan jedha.
Tunis ajaa'iba biraati. Hayyoota Oromoo keessaa kan biyya alaa jiru qubaan lakkayamaa bar. Akkasiinuu maali hayyoonni biyya keessaa, kan guyya guyyaan afaaniifi ummata kanaan wal argan qorannoo kana godhuuf gahuumsa hin qaban jechuufi moo?
Kan dhumaa duulli #ABCDeebisaa gargaarsa dhaabbileen Ameerikaa Oromiyaaf kennan dhaabe komii jettuuf, gargaarsi shira afaan keenya balleessuuf hirphame fala osoo hin taane falfala waan ta'eef baga hafe.
Waa hundaafu gorsi obbolummaa ani qabu, namuu waa balleessa. Badiin erga irratti dhaqqabamtee ammoo takkaa caldhisuu takkaa dhiifama gaafachuun deemutu wayya malee irra deddeebi'anii of xiqqeessuufi atakaaroo uumuuf yaaluun faaydaa hin qabu.
Comments
Post a Comment