Oromoon tokkummaadhuma dhiyoo kana argate yoo jabaatee tifkate bilisummaan fagoo hin jirtu.

Oromoon tokkummaadhuma dhiyoo kana argate yoo jabaatee tifkate bilisummaan fagoo hin jirtu. 

                                                      (Kebede Desissa irraa)

     Oromoon tokkummaadhuma dhiyoo kana argate yoo jabaatee tifkate bilisummaan fagoo hin jirtu. Akkuma kana dura kaasaa turre kaayyoon diinni keenya liyyuu poolisii fayyadamee waraana nurratti labseef inni guddaan Oromoon dhaaba siyaasaan akka wal qoodu (OPDO akka balaaleffatu), Oromoon Bahaa fi Kibba-bahaa warra naannoo kaanin “naaf hin birmanne” jedhee gandaa fi amantiin wal qoqqoodee akka wal komatu yaadamee ture. (Sababoonni biroos akka jiran ni hubanna).

Haa ta’u malee Oromoon keessaa alaan tokko ta’uun garaagarummaa tokko malee waan diinni karoorfate fashaleessuu bira darbee faallaa diinni karoorseen hojii ajaa’ibaa hojjeteera. Tokkummaa halkanii guyyaa jireenya keenya guutuu hawwinu waan diinni nuuf dalageen mirkaneeffanneerra. Anaaf kuni jireenya koo keessatti injifannoo guddaadha. Waan ittiin nu diiguuf karoorsan nuti ittiin wal ijaarree tokko taane. “Yeroo diinni dhagaa nutti darbatu nuti walitti qabnee manaan ijaarranna” inni jedhame isuma kana.

Hanga har’aatti Oromoon humna hin dhabne; kan dhabe tokkummaa amma mul’ate kana. Oromoon gaafa rakkoo waliin yoo dhaabbates diina dhiisee wal lolaa oola ture. Aangoo hin qabne irratti wal lola. “Waan waliin dhabe malee waan irratti wal dhabe” osoo hin qabaatin wal lolaa oola ture. Jaarmayaa Oromoos ta’ee namni dhuunfaan “Yoon dursee obboleessakoo isa yaadan gargar taane balleesse malee qabsaa’uun hin danda’amu” jedhanii yaaduun mooraan siyaasa Oromoo akka maseenu taasiseera. Kanatu Oromoo fi qabsoo isaa laaffise. Dhiyoo kana wanti injifanne ilaalcha miila wal jalaa dhahuu kana. Gaafa tokko taanee afaan tokko dubbachuu eegalle diinni keenya osoo nuti hin lolin oollata. Gidduu kanas kan ta’e kanuma. Lakkoofsa guddaa qabnu ittiin boonuu qofa osoo hin ta’in gara tokkummaatti yoo jijjiirre kan nu dura dhaabatu hin jiru. Oromoon hundi kana hubachuudha qaba. Oromoon Oromoo mo’achuun bilisummaan dhufu hin jiru. Yoo waliin galma tokkoof dhaabate garuu adeemsaan (tarsiimoon) gargar ta’us ni milkaa’a.

Akkuma dhiyoo kana arginetti tokko taanee dhaabachuuf gatiin nuti kaffalle ykn wareegamni nuti baafne hin jiru. Wal dhaggeeffachuu danda’uu keenya qofaan tokko taane. Gatiin kaffalame yoo baay’ate oggaa yaadonni gargar ta’an arrabsoowwan darabatamaa turan obsaan bira darbuu qofa. Tokko taanee dhaabachuun keenya immoo diina keenya tokkummaa Oromoo arguu hin barbaanne hangam akka naasise ni agarra. Kanaafuu, adeemsan gargar taanus kaayyoo ummatummaa tokkoof ni dalagna taanan waan gargar nu qoodee walitti nu diinomsu hin qabnu. Amma wanti nu barbaachisu tokkummaa osoo hin yaadamin dhufte kana itti yaadnee kunuunsuu qofa. Kana goonan bilisummaan harka keenya jirti.

Akka kootti sabni cunqurfame bilisa kan bahu yeroo tokkoon miti. Marsaa bilisummaa heddu keessa darba. Isaan keessaa marsaan duraa hacuuccaa jala jiraachuu ofii baruudha. Inni kunuu marsaa bilisummaa tokko. Nuti marsaa kana keessa dabarreerra. Marsaan lammaffaan akkamitti akka hacuuccaa jalaa bahan beekudha. Kunis bilisummaadha. Itti aansee rakkoo keessoo ofii kan hacuuccaa jalaa bahuuf gufuu ta’u buqqisuudha. Amma nuti gufuun keenya maal akka ta’e waan barre fakkaata (tokko taanee dhaabbachuu dadhabuu). Isa kana irra yoo aanne bilisoomne. Nama tokkummaa keenya amma arganne kana cabsuuf deemu irraa tiksuun waan filannoo hin qabne.

Tokkummaa amma arganne fiixaan haa baafannuun ergaa koo har’aati.

Comments