"Qabsoon Simeetii osoo hin taane silleetiidha" Poolisicha Shaashamannee

"Qabsoon Simeetii osoo hin taane silleetiidha" Poolisicha Shaashamannee

                                                       Jawar Mohammed

Baroonni 1980mootaa yeroo qabsoon ummata Afrikaa Kibbaa injifannootti dhihaateefi sirni Apaartaayidiis du'a of baraaruuf hammeenyaafi shira heddu dalagaa tureedha. Yeroo san keessatti qabsoo ummata laamshessuuf basaasota hedduu bobbaasaa turan. Basaasoti kun lubbuu qabsaa'ota hedduu dhabamsiisan; duula qabsoo baay'ee gufachiisaa turan. Kanaan aaruudhaan ummannis basaasota irratti tarkaanfii fudhachuu eegale. Tarkaanfileen adabbii kunis namoonni biraa basaasummaatti akka hin bobbaane jiilchuuf waan tureef ifatti ummata duratti ( public) raaw'atama ture. Tarkaanfilee kana keessaa tokko necklacing jedhamuun beekama. Kunis warra basaasummaan shakkaman san morma isaanitti goomaa diruun gubuu ture. Tarkaanfiin kun yeroo jalqabaa akkuma yaadame basaasota suukannneessuun akka badaniifi dhokatan godhee ture. Garuu adaduma bubbulee tarkaanfiin akkasii heddummaateen qabsoo irratti miidhaa fidhuu eegale ( backlash).
dameen tikaa apartaaydii tarkaanfiin kun akka qabsoo miidhutti jijjiire. Kanas kara lamaan raaw'ate. Tokko namoota ummata keessatti jaalatamanifi beekkaman akka waan isaan basaasa ta'anii fakkeessuun iccitii qabsaao'tatti dabarsuu ( leak) eegale. Qabsaa'onnis namootuma nagayaa qabee gubuu eegale. Namoonii jaalatamoo ta'an bifa suukanneessaan ajjeefamuun kun ummata keessatti mufii uume. Lammaffaa basaasotuma isaa ummatatti makuun namuma argan hunda magaalaa jidduutti akka guban gochuu eegale. Seera dhablummaan kunis ummata keessa sodaafi wal shakkii guddaa uume. Maqaa qabsoofi qabsaa'otaas hedduu xurreesse. Keessattu haati warraa Nelson Mandela, Winnie'n gocha necklacing jedhamu rakkoo inni fiduu malu osoo hin beekin ifatti deeggaruun boodarra yakkaa duriyyeefi basaasni raaw'atamu maraaf hoggansi akka balaaleffatamuuf karaa saaqe. Dogongorri tooftaa kun qabsoo Afrikaa Kibbaa galmaan gahuu dhoorguu baatus, wareegama hin barbaachifne hedduu kafalchiisuun, qabsoo yeroo saniitif bilisummaa boodas kasaaraa siyaasaa guddaa fidee ture. Winnie Mandela, qabsooftuun umrii ishii guutuu falmaan dabrsite, sababa necklacing kanaan hanga har'aa mqaan ishii hammeenyaan ka'a.
Maalifin seenaa kana gabaabsee barreesse? Tibba kana wanti Oromiyaa keessatti ta'aa jiru waan hedduu na yaaddessuufi dogongoroota qabsoon biyya biraa keessa dabarte waan na yaadachiiseefi. Xiiqiifi miiraan deemuun yeroof waan garaan yaade bakkaan gahuuf fayyadus karoora tarsiimoon kaayameef ( strategic plan)gufuu ta'a. Diina burjaajjayeefis haara galfii kennuu bira dabree tooftaaa ofirraa ittisaa ( reactionary defensive) irraa gara dhibbaa uumuu ( counter attack) akka deebi'u hiree banaaf.
kanaafuu Yaa joollee Oromoo 

Tasgabbiin haa sochoonu
Tarsiimoon haa maskamnu
Akka innifannu!

Comments