Cuunfaa Marii Dhimmaa qormaata COC

Cuunfaa Marii Dhimmaa qormaata COC

                                                      Jawar Mohammed

Cuunfaa Marii Dhimmaa qormaata COC
Akkuma yaadattan kaleessa dhimma COC ilaalchisee akka mari'annu isin affeerreen ture. Haaluma kanaan yaadni ( comment) 300 ol kalayuun mariin gaariin godhamee jira. Gara inbox fi bilbilaanis barattoonni, barsiisonnifi qondaalonni dhimmi ilaallatu yaada nuuf laatanii jiru. Marii kanarratti hundaahuun yaada cuunfaafi furmaataa ta'a jedhee kanin yaadu akka armaan gadiittin dhiheessa.

  • 1) Gahuumsa barattoonni akaakuu ogummaa leenji'anii saniif qaban madaaluuf barbaachisummaa qormaata COC irratti namni irra jireessi waliigala.
  • 2) Haa ta'uu ammoo waa'ee qormaata kanaa dursanii barattoota osoo hin hubachiisniifi hin mari'achiisin labsuun sirrii akka hin taanes yaada hedduutu kenname. Barattoonni waa'ee COC osoo hin dhagayanin barnoota isaanii walkkaan gahan ykn xumurutti dhihaatan qormaata kanaaf akka taa'an gochuun sirrii miti.
  • 3) Qormaata kana fudhachuun barbaachisaa ta'us yoo fudhachuu baatan ykn dabruu dadhaban digriin hin laatamu kan jedhus sirrii akka hin taaneedha. COC qormaata ga'uumsa ogummaa kan hojii seenuuf itti madaalaman malee kan madaallii eebbaatii miti. Ulaagaan digrii xumuruuf barbaachisu duraanuu lafa kaayamee jira ( number of credits, grades, papers, extensions etc). COC hojii seenuuf ulaagaa taha malee digirii xumuruufi miti. Biyyoota biraattis COC fi digriin wal hin qabatu. Kanaaf barataan tokko COC fudhatee fudhachuu baatee dabreefi kufeefuu erga ulagaa digrii isaa xumuree digriin isaa kennamuufi qaba.
  • 4) Qulqullinni barnootaa biyyattii haalaan gadi bu'uun beekkamaadha, barattotas warra industiriis yaaddessaa jira. Barattonni turtii waggaa sadihii hamma shanii booda ugummaa itti leenji'aniin gahuumsaan akka bahan mirkaneessuuf qormaanni akka COC faaydaa qabaatus gahaa miti. Qulqullina barnootaa fooyyessuuf qilqullinni ( quality) baruufi barsiisuu fooyya'uun dirmaqa. Kana jechuun dhiheessiin meeshaa barnootaa ( kitaabota, laboratory) baay'inaafi qulqullinaanis dabaluu qaba. Barsiisota gahuumsa qaban ramaduufi gahuumsa isaanii yeroo yerootti leenjiin ol guddisuu barbaachisa. Barattoonni waggota 3 -5 mooraa turan keessatti barnoota isaanii sirnaan akka qayyabatan hordoffiifi deeggarsi godhamuufi qaba. Waliigalatti qulqullina baruuf barsiisuu osoo hin fooyyessin qormaata xumuraa ( exit exam) akka COC qofaan qulqullina barnootaa fooyyessinaafi gahuumsa barattootaa madaalla jechuun of sobuudha.
  • Kanaafuu

- Qormaanni kun barattoota duruu barnoota isaanii eegalanfi gara xumuraa dhihaatan irratti hojiirra ooluu hin qabu. Kanneen reefu eegalan ammumaan ibsi kennameefi akka bara barnootaaa isaanitti itti qophaayan gochuu feesisa.
- Ministeerri barnootaafi bulchiinsi yunivarsitiilee barattota waliin dhimma kanarratti marii bal'aa godhuu qabu. Mariin kun dhimma COC qofa osoo hin taane haala qulqullina barnootaa hammachaa deemaa jiru itti fooyyessan irrattis godhamuu qaba. 
- Barattooni haala tasgabbaa'aafi qindaayaa ta'een gaafiifi mormii keessan dhageessisuun mirga heeraafi waaqnis isiniif laateedha. Adaba, naamusaafi tooftaadhaan itti fayyadama.

* Wannin irraa hanbise yoo jiraate armaan gaditti itti dabalaa daran bilcheessaa deemna.
Mari'atanii diina mar'achiisan!

Comments