Konfaransiin Nageenyaa naannoo Soomalee waliin godhamuuf karoorfame jedha Dr Warqinaan
Konfaransiin Nageenyaa naannoo Soomalee waliin godhamuuf karoorfame jedha Dr Warqinaan... hanjamaa dhiisaa.
Gaafa duraas osoo taa'aa jennu Abdi Ilee waraana guddaaf qophaayaa jiru waliin waliigaltee nagyeenyaa mallatteessitanii of dagachiiftanii ummata ficcisiisftn. Ammas naannoo Soomalee wajjiin konfaransii nangeenyaa qopheessu dhiisii sadarkaa hoggansaatti waliin haasayuufuu haalduraa guutamuu qabu hedduutu jira.
- 1) Ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaayaman ammas naannoo san keessatti bakka buuteen isaanii hin beekamu. Kan hidhaman gadi lakkifamuu qaban, kan ajjeefaman addaan baafamanii reeffi isaanii maatiif kennamuu qaba.
- 2) Abdi Ileefi qondaalonni Liyyu Poolisii nama keenya fixan seeraaf dhihaatanii adabamuu qaban.
- 3) Ilmaan Oromoo kuma dhibbaa ol naannoo sanii yeroo buqqaafaman qabeenyi isaan dhiisanit bahan. kanaa beenyaan kaffalamuufi qaba.
- 4) Ummanni keenya buqqa'e bakka jireenya isaa deebisee itti jaarratutti qubachiifamuu qaba.
Osoo namni keenya bakka buuteen isaa hin beekkamiin, kan hidhami gadi hin lakkifamin, kan du'e hin awwaallamin, kan ajjeese seeraaf hin dhihaatin, qabeenyi saamame osoo hin kafalamin Abdi Ilee waliin konfaransii nageenya goona jechuun qosaadha. Gonkumaa fudhatama hin qabu. Abdi Ileen angorraa bu'ee seeraaf dhihaachuu qaba. Liyyu Poolisiin diigamuu qaba. Jeneraalonni Wayyaanee Abdi Ilee duubaan lola kana banan ni beekkamu, adabamuu qaban. Sun ta'uu baannaan naannolee lamaan jidduu nageenyi homaatuu hin jiraatu. Ammas lolli akkuma itti fufetti jira. Kanaafuu qoosaa kana dhiisaatii haldureelee kana goochisaa yoo dandeessan. Yoo dadhabdan ummatuma buqqa'e kanaayyuu qubachiisaa.Ummanni keenya ji'a sadi booddees mooraa baqaa keessan rakkachaa jira. Jala murree isinitti himna...kuni dhimma public relation miti. Dhimma lubbuu ummata kumaatamaati. Dhimma siyaasaa naannawa sanii tan fuulduraa irratti murteessaa ta'eedha. Kanaaf konfaransiinis ta'ee haasaan 'nageenyaa' Abdi ilee waliin godhamu kamiiyyuu haldureeleen kun ifatti guutaman malee hin ta'u!
Be realistic, get off you high horse!
Comments
Post a Comment