Ofiin ofbulchuu fi Dimokraasii Hidhamaa

Ofiin ofbulchuu fi Dimokraasii Hidhamaa 

                                                            Dr Milkeessaa Miidhagaa

Biyyi tokko sirna federaalawaan bulti yoo ta’e naannoleen ofiin ofbulchan (self-rule) ni jiru jechuudha. Ofiin ofbulchuu jechuun naannoleen aangoofi itti-gaafatamummaa heeraan ragga’eef irratti eeyyama eenyuus utuu hin gaafatiin, murtoo eenyuus utuu hin eegiin hojiirra oolfatu. Seera baasu, hojiirras ni oolchu! Hooggansi naannoo itti-waamamni isaa qaama seera baaftuu naannoof [Caffeef] ta’a. Caffeen naannootis birmadummaa qaba uummataan waan filatamaniif, aangoo heeraan kennameef irratti seeraa baasee hojiirra waan oolchuuf. Aangoo isaa irratti Naannoon murtee xumuraa [final decision] kenna. Mootummaan Federaalaa aangoofi murtee naannoo keessa hin seenu. Egaa kun akka yaad-rimeetti waan haasofnudha.



Biyyi keenya heera federaalawaa qabdi, naannoleenis ijaaramaniiru, garuu naannoleen akka ofiin of hin bulchine danqaa baay’eetu jala kaa’ame. Danqaalee baay’ee keessaa tokko sirnaa, caasaa fi adeemsa siyaasaa Addi Dimokraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n murteewwan jajjaboo fi imaammata biyyaa baasuuf hordofu, dimokraasii hidhamaa (democratic centralism) waan jedhamudha. Dimokraasii hidhamaa keessatti, hooggantoonni mirga walfalmuu fi wal amansiisuu waltajjii siyaasaa isaanii irratti ni qabaatu. Hundaa’ol immoo paartiin nama hundaaf yaadee, murteessafi jedhameetu fudhatama. Miseensonni mana marii bulchitoota biyyattii garaa garummaa ejjennoo qabaachuu ni danda’u waltajjicha irratti. Achii gadi bahanii garuu akka waan tokko ta’aniitti muldhatu, murtees hojiitti hiiku. Murteen gara oliitti murtaa’e, sadarkaa sadarkaadhaan irratti mariin godhameetu bakka hundatti hojiirra oola. Ilaalcha hooggansi olii hin dogoggoru jedhu qaba. Akka Itoophiyaatti hooggantoonni naannoolees waan gidduutti waliin murteessan ykn [haala kanaan duraatiin waan itti himame] sana hojiirra oolchaa turani. Kanaafuu, mirgi ofiin ofbulchuu fi dimokraasiin hidhaa waliif faallaadha. Dimokraasii hidhaan aangoo heeraan naannoleef kenname irraa mulqa. Kanaafi waggoota 26n darban mirgi ofiin ofbulchuu heeraa biyyattiitiin naannoleef ragga’ee ture kan gaaga’ameef. 
Gaaffiin warraaqsa Oromoo inni tokko mirga ofiin ofbulchuuti. Mirga ofiin ofbulchuu naannolee fi hojiirra oolmaa sirna federaalizimii Itoophiyaa wanniin danqan keessaa tokko dimokraasii hidhamaa [democratic centralism] paartiin biyya bulchaa jiru hordofu ta’uu isaa ogeessonni federaalizimii Itoophiyaa irratti waliif galu. Gama kanaan gaaffii Oromoo –ofiin ofbulchuu- deebisuuf, paartiin biyya bulchu sirna, adeemsaa fi caasaalee dimokraasii hidhamaa kana kan waggaa 26f hojiirra ture ofirraa dhaabuu qaba.


Hubachiisa:
 Waggaa darbe kana keessa, bulchiinsi Obbo Lammaa sirnaa fi adeemsa dimokraasii hidhamaa kana cabsuudhaan, uummatatti makamuudhaan, afaan uummanni dubbatu dubbachuudhaan, gaaffii uummataa deebisuu eegalani; haala dur hin baramneen koree hoji-raawwachiiftuu ADWUI irrattis dhiibbaa gadhani. Murtee dimokraasii hidhamaa kana cabsuutu heera biyyattiif wabii ta’a; mirga ofiin ofbulchuufis wabii ta’a; biyyattiis gara dimokraasii dhugaa fi tasgabbii waaraatti geessa.

Comments