Xalayaa banaa PMNO Obbo Lammaa Magarsaa bulchiinsa MNOtiif

Xalayaa banaa PMNO Obbo Lammaa Magarsaa bulchiinsa MNOtiif 


Xalayaa banaa PMNO Obbo Lammaa Magarsaa bulchiinsa MNOtiif 

Akkuma beekkamu yeroo hedduu qeerron Oromoo waamicha isin nuuf gootan dhageenyee isin waliin dhaabbachaa turre. Ammallee isin waliin dhaabbachaa jirra. Walis dhageeffachaa jirra. Haa tahu malee yeroo ammaa waraanni makkalaakayaa fi federaalaa ilmaan Oromoo irratti bobbaafamee daangaa Oromiyaa cabsee lammii keenya lafarraa duguugaa jira. Barattoonni Oromoo yuunivarsitii yeroo nuti adeemsa heera fi seerri eyyamuun baanee ajjeechaa hammaataa ilmaan Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru morminu waraanni nurratti bobbaafamee mooraa keessa akka hin jiraanne nu gochaa waan jiruuf tokkummaan mooraa yuunivarsitichaa gad lakkisnee bahuuf dirqamnerra. Lubbuun obbolaa teenyaa guyyaa guyyaan osoo dhumtu mormii dhaabaa jechuun fudhatama hin qabu.
Amma yeroon Oromoo sobanii fi sodaachisan darbeera. Ummata miliyoona shantama qabattanii yoo gaaffii mirgaa gaafachuuf mormii gaggeessine #Commandpost nurratti labsama jechuun sodaa ummata keessatti uumuf yaadun kana booda fudhatama hin qabu. Commandpost bakka BMNO hin fudhannetti hanga fedhe yoo labsamellee hojirra ooluu hin dandahu ummanni Oromoo gamtaan ofirraa deebisaa. Ummanni Oromoo jumlaan dhumaa jira. Kana caalaa waraanni nuti sodaannu hin jiru lubbuun Oromoo daranuu dhumaa jirtii.
KPMNO obbo Lammaa, qeerro fi ummanni Oromoo guutun si jaallateera. Ummata kee sijaallatee si cinaa hiriire kanatuu guyyaa guyyaan dhumaa jira. Qeerron Oromoo rakkoole fi gaaffilee hundaa boodatti dhiisnee obsaan isin dhageeffachaa turreerra.Amma garuu lubbuun dhumaa waan jirruuf obsuu hin dandeenye. Osoo sabni keenya guyyaa guyyaan ajjeefamuu teenyee barachuu hin dandeenye.
Amma hatattamaan dhimmoonni deebii hatattamaa akka itti nuuf laattan barbaannu
  • 1) Weerara daangaa hundaan wayyaanen ilmaan Oromoo irratti bantee ummata keenya fixaa jirtu poolisii, milishaa qeerroo fi ummata Oromoo hidhachiisun daangan Oromiyaa akka kabajamu ni gaafanna.
  • 2) Waraanni makkalaakayaa fi federaalaa yoo affeerraa keessanii kan Oromiyaa weerare tahe maalif akka affeertan nuuf ibsaa. Yoo affeerraa keessaniin ala tahe hatattamaan nurraa baasaa.
  • 3) Bulchiinsi yuunivarsitii gaaffii mirgaa gaafannuuf waraana nutti waamee nu reebsisaa jiru itti gaafatamuu qaba.
  • 4) Kaabineen ilaalcha moofaa kaleessaa qabachuun waraana wayyaanee waliin ummata keenyarratti yakka raawwachaa jiran nurra haa kaafama.
  • 5) Hidhamtoonni siyaasaa sadarkaa MNO jalatti hidhamii jiran hatattamaan hiikkamanii hidhaan yeroo ammaa gaggeeffamas jiru nurraa has dhaabbatu.
  • 6) Ilmaan Oromoo 600,000 ol waraanni irratti bobbaafamee buqqifaman haa qubsiifaman.
  • 7) Daangan Oromiyaa haa kabaamu.
  • 8) Waraanni agaazii yuunivarsitii fi manneen barnootaa mandheeffate nurraa bahuu qaba. Waraanan ajjeefamaa jiraachuu hin dandeenyu.
Kana booda nuti qeerron Oromoo diina jala teenyee dhumuu hin barbaannu. Osoo ummanni keenya daangaa irraa dhumaa jiruu sammuu teenyee ittiin ilaallu hin qabnu. Ogummaa fi dandeettii qabnuun qeerron Oromoo hanga dhumaatti biyya keenya Oromiyaa irraa diina deebisuu waan babaannuf qeerron Oromoo akka nu leenjistan dhaamsa dabarfanna.Qabsoon itti fufa.

Comments