Ibsa ADWUI yeroo muraasa dura kennameen,
Ibsa ADWUI yeroo muraasa dura kennameen, hidhamtootni siyaasaa akka gadi dhiifaman akkasumas manni hidhaa Maa’ikelaawwii akka cufamu Hailemariam Desalegn dubbateera jedhan. Kun adeemsa gaarii ta’ee osoo jiruu qabxii armaan gadii hubachuun baay’ee barbaachiisaadha:
- 1. Hidhamtoota siyaasaa HUNDUMAA yoo xiqqaate kuma 50 ol kan ta’an bara 1990 irraa eegalee mana hidhaatti dararamaa jiran hunda gadi dhiisuu qaban. Bekele Gerba fi Dr.Merera Gudina qofa gadi dhiisuudhaan uummata keenya sobuu hinqaban.
- 2. Beektota Oromoo kanneen hidhaa wayyaanee keessatti dararamii du’an kan akka Engineer Tesfahun Chamada, Nadhii Gammadaa fi kkf hundaaf mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuudhaan Qondaaltota wayyaanee seeratti dhiyeessuu qaba. Kun yoo hintaane, jijjiirama cosmetic ykn irra dibaadhaan wal-gowonsuun hinta’u.
- 3. OromoProtest keessatti haga har’attii lubbuun kumaatamootaan darbe akkasumas kaan waraabessaan kan nyaatameef bilisummaa uummataaf waan ta’eef, gaaffiin abbaa biyyummaa fi abbaa aangummaa uummata keenyaa jijjirama shishifii akkasiin ukkaamfamuu hinqabu. Kaayyoon OromoProtest uummataaf aangoo fi biyya deebisiisuudha malee, mootummaa wayyaanee isa kufuuf raafamaa jiru deebisee lubbuu itti horuu miti.
- 4. Haga har’aatti hidhaa fi dararaa uummata irra gaheef, qondaaltotni mootummaa ifaaf ifatti mana murtiitti dhiyaatanii itti gaafatamuu qaban. Hidhamtootni kun hundi kanaan dura iyyuu balleessaa tokko malee hidhaman waan ta’eef!
- KANA WAAN TA’EEF,
- .Hidhamtootni kun hundi yoom gadhi dhiifamu?
- .Qondaaltotni wayyaanee waggaa 27 oliif uummata dararaa turan hundi seeratti yoom dhiyaatu?
- C. Hidhamtootni erga gadi lakkifamaniin booda marii siyaasaaf yoom affeeramu?
KUN HUNDI AMMUMA IRRAA KAASEE IFA TA’UU QABA JEDHEEN AMANA.
Comments
Post a Comment