Aangoon Muummichi Ministerummaa Oromoof Maal Bu’aa Qab


Aangoon Muummichi Ministerummaa Oromoof Maal Bu’aa Qaba


                                              

Hawi - Anole
 Gur 26/ /2018


Jawaar Muhaammad Barreeffama kaleessa maxxanse keessatti DHDUOn Obboo Lammaa Magarsaa Muummicha Ministeraa akka goosistu dhaamsa ofii sababa waliin lafa kaayee ture. Sababoonni Jawaar Lafa Kaaye Amansiisodhaa? isa jedhuuf eenyumtuu haala qabatamaa jiru ilalee murtee mataa isaa kennuu ni danda’a.
Waan hundaafuu dhaamsi inni barreesse akkuma jirutti ta’ee dabalataan dhimmoota uummanni keenya hubannaa irratti akka argatuufii qeerroon keenyas akka hin irraanfanne jedhes yaadu kanneen asii gadii kana dhaammachuun barbaada;
1ffaan ~ Aangoon Siyaasaa Ol’aanaan Biyyattii Muummicha Ministeerummaati. Sanaan ala kan jiru waraana biyyaati. Akka heera biyyattiitti hoomaan Waraana biyyaas ta’u Muummicha Ministeeraatiin ajajama. Kanaafuu aangoon kuni aangoo ijoo akka tarkaanfii jalqabaatti Oromoon harkatti galfatuu qabu tahuusaarratti hundi keenya waliigaluu dandahuu qabna. Kanarratti qoosaan takkas hin barbaachistu. Kanaaf hunda caalammoo DHDUOn dammaqina cimaadhaan irratti hojjachuu qabdi;
2ffaa ~ Osoos Muummichi Ministeeraa Oromoo ta’ee hamma qaamoleen nageenyaa Oromoo hin ta’initti aangoon kuni maqaaf yoo ta’e malee maal nuuf godha kan jedhanii yaadan jiru. Kuni siyaasa keessatti hin hojjatu. Kan of laaffisuufii of cimsu abbicha aangoon itti kennameefii dhaaba isa bakka buufateedha. Kanaan ala uummata isa duubaan jirutu murteessa. Ija kanaan yoo ilaalle yoo wanti haaraan dhalate malee Oromoon haqaa eddoo sana teenyaan dantaa saba keennaa ofdura oofuuf aangoob kuni baay’ee nu fayyada;
3ffaa ~ Qabsoon bifa haaraadhaan waggoota dhiyoodhaa as godhaa jirru waan hedduu jijjiire. Wantoota Ijoo qabsoo keenyaan geddaraman keessaa inni ol’aanaan ilaalcha wayyaanenis ta’ee uummatoonni biroo nuuf qabaniidha. Har’a Gootummaadhaan, Tokkummaadhaan, Bilchinaan, Ciminaan akkasumas waliif tumsa keenyaan kanneen nu himuu eegalan kanneen kaleessa hoomocha bishaanirraa jedhanii nu tuffachaa turaniidha. Baay’ina malee onnee hin qaban, dallanuu malee bu’aa hin fidan jedhaniis nu xinnessuuf yaalaa kanneen turaniidha. Har’a suni hundi digrii 360n jijjiiramee Oromoon ofirras dabree mirga dhala namaa biyyattiittiif gaachana ta’e. Ofirras dabree hidhamtoota siyaasaa biroo hiiksise, hundarrammoo ilkee wayyaanee garmalee sossoosee qarreerraan gahee waan itti aanutti dabruuf jira. Maqaa kana eegsisuun dirqama. Kanaaf immoo nama ijoo qabnu bakka buufannee akka muummicha ministeraa tahu godhuun dirqama nu hundarra jiru, keessattuu DHDUOfi miseensotni cimanii irratti hojjachuu qabu. Ergamaan diinaa tasuma muudama kana argachuu hin qabu. Ergamtuuf adaggeen muudamnaan dhoqqeedhuma laaqachuufi tokkummaa uumamaa jirurratti gufuu yeroo gabaabaa uumuu yoo ta’e malee Qeerroo harka kennisiisuun hin danda’amu;
4ffaa. DHDUOn Uummata Oromootiin ala nama hin qabdu. Dur Wayyanesn qaama amantaa irraa qabdu OPDO qabdi turte. Har’a garuu sodaa irraa qabaatu taha malee akka dur erganna jedhanii yaaduuf ni rakkatu. Ciminaaf gootummaa kana Uummatatu itti hore. Kana irraanfatanii nama biraa kan Oromoon shakkii irraa qabu muudama MMtiif ni tumsu taanaan ofisaanitiifuu gidduutti rukutamuuf haala ofirratti mijeessu. Boru shakkii tokko malee rukutamanii boolla lixu. Uummannis alanshee isaan tufa. Kanaaf filannoo uummataa filannoo ofii godhatanii qabsaawudhaan gorsa hayyootaa hojiitti hiikuun isaanirraa eegama;

Walumaagalatti Hundi keenyayyuu aangoon kuni aangoo laayyoo akka hin taane hubachuun keenya barbaachisaadha. Aangoon kuni akka haala hin taaneen nu harkaa hin miliqneefis dammaqinaan eggachuun nurraa eggama. Waan hunda caalaammoo qabsoo keenya bu’aa ol’aanaa ittiin arganne kana ammas bifa daran hawwataa, qindaawaafii hunda galeessa taheen bifa garagaraatiin itti fufuudhaan mootummaa irratti dhiibbaa isaan too’achuu hin dandeenye irraan gahuun itti fuufuu qaba.
Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

Comments