INJIFANNOO ARGANNETTI GAMMADAA IMALA KEENYA ITTI FUFNA.

INJIFANNOO ARGANNETTI GAMMADAA IMALA KEENYA ITTI FUFNA.

                                                      Saphaloo Kadiir

Uggura geejjibaa fi lagannaan gabaa guyyaa kaleessaa gaafa Gurraandhala 12, 2018 jalqabe guyyummaa duraatti injifannoo galmeessuu jalqabe. Wayyaaneen akka hidhamtoota gad lakkiftu waywaachuu jalqabde. Guyyaa lammaffaa jechuuniis Kibxata Gurraandhala 13, 2018 injifannoo qaawaan agarre san harka caaluu fi ijoo hojiin nuuf mirkaneesse. 

Oromiyaa guutuu keessatti haala takkaa argamee hin beekkamneen lagannaan akkuma karoorfametti godhame kun ajandaalee adda durummaan irratti xiyyeeffate keessaa ijoo kan hoggantoota siyaasaa Oromoo maqaa shoorarkeessummaatiin hidhaman baasuu irratti xiyyeeffate injifannoon moo'atee galuu danda'ee jira. "Maaliif mormiin kun yeroo kanatti godhuun barbaachise?" warra jedhuufiis deebii quubsaa laatee jira. Ajandaan lagannaa gabaa fi uggura daandii kan biraa shiroota diinni keenya guddaan 'wayyaaneen' roga maraan Oromoo fi Oromiyaa irratti hojjataa turee fi jiru kan ammallee bifa haareyaan qindaawee daran nurratti raawwatamaa jiru kana kana dura dhaabbachuun mormuu, raayyaa waraanaa akka Oromiyaa keessaa nurraa baasan godhuu dha. Shirri hamaan duguuggaa sanyii waraanni wayyaanee nurratti raawwachaa jiru kun nutti hammaachuu malee kan nurraa qabbanaawaa deemu waan hin tahiniif hayyoota qabsoo qeerroo Oromootiin gad lakkifaman kana simannee fuula dura itti qophooynee kan isaan qabannee, isaan waliin taanee itti deemnuu fi injifannoolee keenya bakkuma itti dhaabnerraa itti fufsiifnu taha waan taheef ammallee qophooynee jabaachuu qabna.

Dhimmi hidhamtoota ilmaan Oromoo, hoggantootaa fi miseensoota dhaabbiilee siyaasaa maqaa adda addaa itti moggaasuun mana hidhaatti uggaraa turan duree fi mataa qabsoo tahan akkuma warraaqsa keenya qofaan baafanna jennee murteeffachuun kaane ittiis milkooynee jirra. Keessattuu hoggantoota jaarmayaalee siyaasaa Oromoo addumatti ammoo haala fayyummaa obbo Baqqalaa Garbaa irratti kan xiyyeeffate qabsoo guyyaa lamaatiin qofa Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee kanneen biroos harka diinaatii futtaasuu danda'uun keenya irree fi cimina qabsoon qabdu daran nu barsiiftee jirti. Warra qabsoon harka duwwaa amma booda bu'aa tokko hin fiddu jedhuufillee deebii quubsaa laachuu daran warra deemsa warraaqsa Oromootti gufuu fi danqaa tahuu kajeelanillee injifannoon saffisaan argamte baquu gad cabsite jirti. Qabsoon qeerroo Oromoo tarsiimoon masakamti, kaayyoof karooraan hornagamti hoggaa nuti jannu warri seeqiinsa qishnaa nutti seeqan marti injifannoo waliin qabna waan taheef simannaa kabajamtoota hoggantoota keenya hidhaa bahaniif godhamutti makamuun akka firii injifannoo mi'ooytuu nu waliin dhadhamattan kabajaan isin afeerra. Wayta injifannoo argannutti gammadnuus kaayyoo fi akeeka qabsoo keenyaa dagachuu hin qabnu. Qabsaa'oota mana hidhaatii gad lakkifaman simachuuniis qabsoo of dandeesse tahuun beekkamuu qaba. Kan qaamaan gootoota keenya biratti argamuuf carraa hin qabnees bakkuma jirutti gammachuu fi simannaa isaa ibsachuu ni danda'a.

Karoorri qabsoo Oromoo itti aanu dhihotti kan jalqabamu akka tahe beekkamaa dha. Inniis tarsiimoo addaa qabatee hiikamtoota keenya gad lakkifaman waliin kan itti deemamu akka tahe waan wal nama gaafachiisuu miti. Keessattuu walitti dhufeenya simannaa gootota kanaaf goonu keessatti wal mari'achuun, tarsiimoo addaa baafachuun, wal gurmeessuun, wal jajjabeessuu fi haala fuula duraa tilmaammachuun warraaqsa itti aanuuf bu'ura cimaa tahuu gad fageessinee hubachuu qabna. Wayyaaneen Oromoo jimlaan hiitee baasabaasaan (ችርቻሮ) gad lakkisuun amala isiiti.
Kana keessa umrii gabrummaa isii dheereeffachuun yaaluu isiiti. Nuti garuu warreen qabsoo keenyaan baafannetti gammadaa kan hidhatti hafan warra akka Olbaanaa Leellisaa, Kaffaaloo Taffarraa, akkasuma koree fala barbaadduu hawaasa muslimaa keessaa kan hidhaman kan akka Ustaaz Ahmaddiin Jabal faa haalli fayyaa isaaniis yaaddeessaa tahaa kan jiru dabalatee Oromoota sababa adda addaa itti moggaasuun badii malee hidhuu daran gocha diinummaa hamaa irratti raawwachaa jiran baafachuuf qabsoo irree keenya cimaa qindeeffannee kan itti yaanu tahuun beekamaa dha. Kana malees ajaandaan waraana wayyaanee Oromiyaa keessaa firraa baasuu gaafachuu qabsoo itti aanu keessatti kan haalaan finiinee itti fufu taha. Injifannoo argannetti gammadaa qabsoo itti aanuuf if ijaaraa, tarsiimoo keenya jijjiiraa itti deemnaan injifannoon nuti hin milkooyne hin jiru. Irra deebi'uun baga gammaddan baga gammanne. Qeerroo fi ummata Oromoo qabsoon injifannoo dachaa galmeessitan kabajaaf jaalalli isinii qabnuus dachaa dha. Jabaadhaa ammallee seenaa hojjadhaa.

"Seenaa haasawuu irra seenaa hojjachuun galma qabsootti saffisaan nu geessa!"
Fuula Facebook isaa ''Saphaloo Kadiir'' ka jedhuun hordofaa. 
Gurraandhala, 2018

Comments