Obboo Lammaa Magarsaa Muummicha Ministeeraa Tahuun Faaydaan Isaa Maali?


Obboo Lammaa Magarsaa Muummicha Ministeeraa  Tahuun Faaydaan Isaa Maali?

                                        Jawar Mohammed


Kaayyoon qabsoo Uummata Oromoo aangoo Muummicha Ministeerummaa gonfachuudhaan hin deebitu. Ta'us garuu erga carraan suni argamee nama dhaabaafis, sabaafis, biyyaafis ta'u eddoo sana kaayuun baay’ee barbaachisaadha. Keessattuu immoo yeroo murteessaa kanatti barbaachisummaan isaa ol’aanaadha. Kanaafuu dhimma kanarratti qaamni hunduu waan yaadufi itti amanu kaasee mari’achuun murteessaadha. Anis akka kootti namni aangoon Muummicha Ministeerummaa osoo kennameefii gaarii ni ta’e jedhee yaadu Obboo Lammaa Magarsaati.

Sababiiwwan ijoon ani kana jedheefis kanneen asii gadiiti;
1) DHDUO keessatti murnummaa yeroodhaa gara yerootti biqilaa jiru cabsuun tokkummaan dhaabaa akka uumamu faaydaa waan qabuuf - Hangan ani qoradhetti namni miseensi DHDUO jalaa hanga gubbaa irratti waliigalu Obboo Lammaa Magarsaa qofa. Yeroo kanatti tokkummaan miseensotaafi hoggantootaa waan hunda caalaa barbaachisaa waan ta'eef Obboo Lammaa of dura kaayuun tokkummaa kana cimsuudhaaf isaaniif baay’ee barbaachisaadha. Gama birootiin yeroo ammaa kanatti hoggansi ( mootiin) eddoo hundatti dhagahama qabaachuun qabu nama tokko qofa. Kuni eenyumtuu qixa tokkoon hiriire akka ofdura tarkaanfatu godha. Kanaafuu Obboo Lammaan Dura Taa’aa DHDUOfi Muummicha Ministeeraa tahuun baay’ee barbaachisaadha;

2)Tokkummaan Oromoo Akka Daran Cimee Itti fufuuf - Namoonnifi dhaabbileen Oromoo hedduun ilaalchaafi gocha Obboo Lammaa guutumaan guutuutti deeggaruu baatanis hanga ammaatti birqabaadhaan yoo ilaalle DHDUO keessaa namni isaan hawwatuu danda’e Obboo Lammaadha. Kanaafuu yeroo kanatti haariiroo DHDUOfi dhaabbilee biraa sirreessuuf Lammaan hogganaa dhaabaafi biyyaa ta'uun faaydaan isaa baay’ee ol’aanaadha. Kana malees siyaasaa cehumsaa ( transitional politics ) keessatti nama gartuuleen hedduun itti waliigalan kayuun waan hedduuf barbaachisaadha;

3) ADWUI/EPRDF keessatti jeequmsi Uumamuun malu biyya akka hin diigne godhuuf - ADWUI/EPRDF akka kufu feenus ammatti addaan faffaca'uun dhaabbilee afranii gaaga'ama siyaasaa ( risk ) mataa isaa qaba. Akka qorannoon garagaraa ( survey) fi haalli qabatamaan jiru ifatti mul’isutti namni dhaabota afran tokkummaadhaan gaggeessuu danda’u Obboo Lammaa Magarsaati. Kanaafuu diigamni jara jidduutti uumamee biyya diiguu danda’u akkka hin uumamneef nama dhaabichaafi uummata biratti fudhatama wayyaa qabu dura taa’aa dhaabichaa godhanii muuduun baay’ee murteessaadha;

4) Walhubanna Ummatootaafi Jaarmayaalee Itoophiyaa Jidduu jiru cimsuuf - Akkuma eenyumtuu argee ragaa bahuu danda’u Obboo Lammaan qalbii saboota hundaa hawwatee jira. Kun waan gaarii dha. Ija saayinsaawaatinis yoo ilaalle Cehuumsi Siyaasaa ( Political Transition), hoggansa ummanni abdii irra kaayatuufi jaalatu barbaachisa. Kana tahuu yoo dadhabe immoo xinnaatee xinnaatu hoggansa uummanni hin jibbine barbaada. Har’arratti namni ulaagaa kana guutuu danda’u immoo Obboo Lammaa Magarsaati;

5) Hariiroo Alaatiif - yeroo ammaa kanatti mootummoonni ollaa keenyaafi kan addunyaa biyyattiin addaan facaati sodaa jedhu keessa seenanii jiru. Sodaa kana hirdhisuuf immoo nama Uummata biratti fudhatama qabuufi tokkummaa fiduu danda’u aangoorra kaa’uun baay’ee barbaachisaadha. Dabalataan nama dubbiifi hubannaa dhimmoota nageenyaa ( security affairs) sirriitti beeku aangoorra kaayuun mootummoota alaa biratti ofitti amanamummaan akka jiraatu faaydaa guddaa qaba;

6) Maqaafi Kabaja Uummata Oromoo Eeguuf - Oromoon takkaayyuu Muummicha Ministeeraa ta'ee hin beeku. Aangoo kanarratti marsaa duraa kanaan akka hogganaa dhuunfaatti osoo hin taane akka sabaattis ni madaalamna. Kanaaf nama ija guutuufi qalbii nama hundaa hawwatu danda’u dhiheessuuf dirqama. Haala amma argaa jirrutti immoo sirna mootummaa ADWUI/EPRDF keessatti namni ulaagaa kana guutuu danda’u Obboo Lammaa Magarsaati;

Walumaagalatti yeroo tokkummaan Oromoo cimee qabsoon Uummata keenyaa kallattii hundaan finiine kanatti kallattii hundaan caallee argamuutu nurraa eeggama. Aangoo Muummicha Ministeeraa kanas bilchinaafi ofeeggannoodhaan itti yaadnee nama saba keenyaafis uummatoota birootifis ta’u aangessuun baay’ee murteessaadha. Akka kootti sababoota asii olitti ibseefii kanneen birootifis Uummanni Oromoo hundi ammaaf Obboo Lammaa Magarsaa duubaan hiriiree barcumaa Muummicha Ministeeraa gubbaa kaa’uun faaydaa guddaa qaba jedheen amana.

       

Comments