JAWAAR MAHAAMMAD ILAALCHISEE.


JAWAAR MAHAAMMAD ILAALCHISEE.


        Gelana Kissi


Akkuma beekamu Lagannaan Gabaa marsaa duraa akka guutuu Oromiyaatti guyyoota 3f labsame galgala kana xumurama. Kaayyoo guddaan lagannaa kanaa, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) paarlaamaa biyyattiin utuu hin ragga'iin wayyaaneen seeraan ala labse balaaleffachuu fi mormuu ture. Kunis bifa milkaa'aan geggeeffameera jechuun ni
danda'ama. Uummanni Oromoo olii hanga gadiitti (Bakka Bu'oota Uummataa hanga nama dhuunfaatti) sagalee tokkoon labsii kana mormee jira. Egaa, lagannaan guyyoota 3 kun addatti labsii kanaaf waamamus, Oromoon akkuma duraan mormaa ture hanga mootummaan abbaa irree kun biyya isaaf dhiisutti falmachuu ittuma fufa.
Qabsoon keenya kana boodaa ammoo dhimmoota murtaa'anirratti qofa utuu hin ta'iin, siyaasa biyyattii sirna amma biyya bitaa jiruun borcame kana sirreessuutti kan fuulleffate ta'uu qaba. Wal-dhaggeeffannaan, waliin hiriirraan, wal-eegaa tarkaanfannaan, kun hunduu ni danda'ama. Oromoon ammoo shakkii malee kana ni godha. Yoo nuti wal-
harcaasaa adeemne garuu lafti yaadame hin ga'amu. Kanaaf har'as, boris tokkummaan riqicha keenya isa guddaa dha. Isa malee gara bilisummaatti cehuu hin dandeenyu.
Waa'ee Jawaar Mahaammad ilaalchisee akka dhuunfaa kootti wantin jechuu barbaadu tokko jira. Akkuma hundi keenyayyuu beeknu namni kun aktivistii qofa utuu hin ta'iin, hayyuu siyaasaatillee. Siyaasni ammoo hirmaattota (taatota) hedduu hirmaachisa. Qabsoo Oromoon sirna gabroomfataa wayyaanee
kuffisuuf godhe keessatti qabsaa'ota sadarkaa hoggansa qabsootti shoora hin dagatamne taphatan keessaa tokko Jawaari.
Oromoon Jawaar isa Ameerikaa tokko qofa qaba miti; biyya keessaas Jawaarota hedduu guddifateera. Waa'ee isa Ameerikaa jiraatu kanaa ilaalchota adda addaatu jiru. Garaagarummaan ilaalchaa kun ammoo kaaniin isa jaalachiisee, kaanii isa balaaleffachiise. Otuma Oromoof dhugaan quuqamuu ilaalchaa fi tarsiimoodhaan adda ta'ee namni Jawaariin jibbu jira. Namni lafumaa ka'ee isa hammeessuu fi balaaleffatus hin dhabamu. Inni kun inaaffaa dha malee sabaaf quuqamuu natti hin fakkaatu. Kanaaf siyaasa keessatti waa lamaaf wal jibbina ykn balaaleffanna jechuu dha. Tokko, ilaalchaan adda ta'uudhaan; lammaffaa ammoo itti inaafuu dhaan. Oromoon gareewwan kana lameenuu manaa qaba.
Garaagarummaan ilaalchaa illee jibba

hammaataa hin fidu; inaaffaan garuu balaafamaa dha. Akka nama dhuunfaatti, ani, namoota Jawaariin jaallatanii fi tarsiimoo isaa duukaa bu'an keessaa tokko. Wanti nama kana na jaallachiisu guddaan hoggansa inni qabsoo Oromoof kennu dha malee, amantaa, gandummaa ykn hiriyyummaa miti. Hoggansa isaa nan jaalladha; tarsiimoo isaas nan hordofa. Akka hogganaa qabsootti yoon ilaaleen iyyuu garuu yaada dhuunfaa koo isaaf kennuurraa of hin qusadhu. Yaada ani kennuuf yeroo tokko tokko akkuma jirutti fudhata; yeroo biraammoo guutummaatti na jalaa kuffisa. Yeroo inni yaada koo guutummaatti naaf fudhatu nan gammada; yeroo inni na jalaa kuffisu ammoo gammaduus yoon baadhe maaliif akka inni na jalaa kuffise gaafadhee, ofii kiyyas itti yaadeen sirreeffadha. Otuma yaanni isaa gonkumaa na hin amansiisne ta'eellee isa mormuuf hin akeeku. Tarii isa kan kootu irra bareedaa dha ta'uu danda'a; garuu uummata qabsoofnuufilaalcha keessa yoon galchu, mormuu fi yaada faallaa qabadhee dhufuu irra, yaada koo isa kansaatti sirreeffachuu akka wayyun amana. Ana caala isatu Oromoof bu'aa fida jedheen of amansiisa. Kanaaf isa danquun Oromoo danquu ta'ee natti argama. Namni hundi utuu akka kana godhee ba'eessa ta'uu hin hafu. Of keenya bu'uureffachuun gaarii miti. Bu'uurri keenya addatti saba bal'aa Oromoo, akka waliigalaatti ammoo uummata Itoophiyaati. Aangoon, kabajnii fi bu'aan nama dhuunfaa akkuma jedhame sana bool'a haa seenu, nuyi
uummata keenyaaf dursa laanna. Walii keenya dorgomnas utuu hin ta'iin, warra humnaan nuituu yaalan morkanna. Manaa wal dorgomaa ammoo alaa hin mo'annu. Oromoon
hoggantoota qabsoo fi qabsaa'ota hedduu horatee qaba jenneerra. Keessaas haa ta'u alaa, nama dhugaan qabsoo Oromoo hogganu duukaa hiriirree bilisummaa gonfachuutu nuuf ta'a. Walumaagala, Jawaar kun qabsoo Oromootiif nama baay'ee murteessaa waan ta'eef, isa waliin hiriirree qabsoo kana haa
milkeessinuun dhaamsa kooti. Galatoomaa!

Comments