LABSII DANDAMANNAA
Akkuma addunyaan guutuun argaa jiru, Wayyaaneen labsii muddamaa bu'ura seeraa hin qabne baaftee paarlaamaa ishiittuu salphattee jirti. Labsichi sagalee 2/3ffaa heerri gaafatu waan hin argatiniif kufee jira. Garuu ammas sobarraa soba dabaluun humnaan raaw'achiisuuf wixxifataa jirti. Badii isiitirraa akka deebitu hireen laatamee jira. Haaluma kanaan hanga guyyaa boruu jechuunis Dilbata Gurraandhala 25, 2010 ALH labsiin kun kufuufi kompandi poostiin ka'uu ifatti gara miidiyaatiin ibsa laachuu qaba mootummaan.
Kana ta'uu baannaan ummata dhumaatii irraa, biyya ammoo diiggumsa irraa hambisuun kan danda'amu qabsoo ummataa finiinsuun labsii kana haqsiisuudhaani. Haaluma kanaan duula walitti aanaa gochuuf karoorfamee jira. Duulli marsaa duraa lagannaa gabaafi hojii dhaabuutin Wiixata Gurraandhala 26, 2010 ALH eegala. Haaluma kanaan;
1- Lagannnaan gabaafi hojii dhaabuu guyyaa sadiihiif Wiixataa hamma Roobitti godhama. Kana jechuun manneen daldalaa hundi ni cufamu, waajjirri mootummaa hin banamu, konkolaataan hin socho'u. Kana beekuun konkolaachiftoonnifi imaltoonni deemsa isaanii borutti akka raaw'atan hubachiifna.
2- Daandilee daldalaa gurguddaa keessattuu kan biyya alaa qunnamsiisu kan baaburaa dabalatee ciminaan cufama.
Kanaafuu guyyoota lamaan dhufan ummanni keenya qophii isaa akka xumuratu gorsina. Namoota afaan keenya hin beekneefis hojiin hubachiisuu cimsee haa hojjatamu. Lagannaa kanarratti akkuma amma duraa manneen yaalaatifi ambulaansiin hojii lubbuu baraaruu itti fufu.
HUBACHIISA
1- Qabsoo guutumatti nagaya ta'e kana ukkaamsuuf sirnichi humna fayyadamuu kan eegalu yoo ta'e gara mormii tarkaanfilee ciccimootti kan ceenu ta'a. Kana ammoo adeemsa keessa wal hubachiisaa deemna.
2- Poolisiin Oromiyaa akkuma baratame ummata mirga isaa karaa nagayaatiin falmatu akka kabaju abdii qabna. Ammas ummatatti bu'uun seenaa ofii akka hin xurreessine akeekkachiifna. Ummata cinaa hiriiruun humna danda'uun diina aka irraa ittisu waamicha goonaaf.
3- Labsiin muddamaa kun MNO irraa aangoo fuudhee jira. Kanaafuu MNO lagannaa kana gufachiisuuf ajaja dabarsuufi raaw'achiisuuf mirgas dirqamas hin qabu. Kanaafuu kaabinees ta'u bulchiinsi sadarkaa kamiituu komaand poostii waliin ta'ee duula lagannaafi hojii dhaabuu kana dhaabsisuuf yaaluun yakka guddaadha. Warra hirmaannaa akkasii qaban irratti tarkaanfiin madaalamaan akka fudhatamu beeksisuu feena.
4- Bakka Agaaziin ummata keenya irratti tarkaanfii humnaa fudhattetti ummanni keenya humna qabuufi haala danda'een mirga ofirraa ittisuu akka qabu jala sararuu feena.
5- Xumura duula guyyaa sadihii kanatti aansee tarkaanfii fudhatamuu qabu haalota uumaman ilaalaa wal hubachiifna.
6- Dhaamsa kana warri Finfinnee jirtan saffisaan SMS fi bilbilaan ummata hundaan gahaa.
Dhugaa qabna
Tokummumaan qabsoofna
Tarsiimoon masakamna
Ni injifanna!!
Comments
Post a Comment