Siyaasaa keessatti dantaa dhaabbataa malee firris tahee diinni dhaabbataan hin jiru! (No permanent enemies, and no permanent friends in politics, but permanent interests).
================================
Jecha hayyota siyaasaa kana dhugumatti hubachuuf fakkeenyuma (case study) biyya kanaa hubachuun gahaa dha. Keessattuu hariiroo mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO), Tigraay fi mootummaa Eertiraa yoo laalle waan amanuuf nama rakkisutu dhalate. Bara 1991 wayta Shaabiyaan Asmaraa, TPLF ammoo Finfinnee dhuunfatan sadarkaan dammaqiinsa siyaasaa Oromoo gad’aanaa ture. ABOn saba guddicha Oromoo kan heddumminaan jara lachuu dachaa meeqaan caalu keessaa dhalatuyyuu kabajaa fi iddoo isaaf malu qoodmaya aangoo siyaasaa keessatti hin arganne. Shaabiyaan bara 1991 cabiinsa humna siyaasaa Amaaraa booda TPLFiin Finfinnee irratti lafa qabachiisuuf tumsa guddaa godhe. ABO dhiibanii baasuu fi waraana isaas dhabamsiisuu irratti TPLFiif daboo bahe.
Duulli yeroo san nurratti duulan waggaa 27f akka nuti deebinee hin jabaanne godhuun hin haalamu. Isaan garuu firooma gaafasiitiin itti hin fufne. Waggaa 7 booda bara 1998 walitti garalgalani. Gaafasii qabee hanga har’aattuu wal gidduutti araara hin arganne. Shaabiyaan akkuma TPLF waliin wal waraansa seeneen bara 1998tti ABO dhiifama gaafatee araarfate. Qubsuma hoggansa siyaasaa fi waraanaas kenneefii gara Eertiraatti afeere. Dhugumatti wayta qabsoon Oromoo fira dhabdetti hireen sun dhalate waan taheef ABOnis itti fayyadame. Yeroo sanii qabee giddu galli hoggansa mooraa QBO Asmaraa tahe. Waggoottan 20f (1998-2018) mootummaan Eertiraa qabsoo Oromoof ‘’warra firaa’’ jedhamee waamame.
Gama kaaniin TPLF ammoo OPDO bixxilate qabachuun qabsoo Oromoo irratti duula walirraa hin cinnerra ture. Sabboontota Oromoo biyya keessaatiin ‘’ergamtuu Shaabiyaa’’ jechuun ajjeesuun, hidhuu fi qabeenya irraa saamuun dirqama OPDOn fudhatte ture. Bara 1998 booda kaadiroota TPLF caalaa OPDOtu Oromiyaa keessatti maqaa ‘’ergamtuu Shaabiyaa’’ jedhu itti maxxansuun sabboontota Oromoo hiraarsaa ture. Wayta dhalattoonni saba biroo nagaan Oromiyaa keessatti wal gahanii jaaramanii socho’an Oromoon lama sadi wal biratti argamnaan ‘’ergama Shaabiyaa fudhattee dhufte’’ jechuun OPDOdhaan hiraarfama ture.
Roorroon TPLF fi ergamtuun isaa OPDOn Oromoo gad qabanii umrii aangoo dheereffachuuf raaw’achaa turan garuu injifannoo QBOtiin raafame. ABOn qabsoo akka dhaabaatti godhu keessaa tokko ilmaan jalaa ol dhuftu guddisuu ture. Akkasitti Qerroo dhalche. Qeerroon bulchiinsa TPLF Finfinnee keessaa raaftee buqqifte. Eeyyee, qabsoon Oromoon shakkii tokko malee TPLF injifatee jira. Isaanis waan dhugaa kana amananiif Finfinnee gadhiisanii qehee isaanii Tigraayitti deebi’ani. Oromoon qabsoo godhee injifachuu akka danda’u seenaa jaarraa 16ffaa haaromsuun bara 2018 keessa mirkaneesseera. Garuu qabsoo godhee aangoo qabachuu irratti hanqina yeroo kanatti tahuu hin qabne mudate. Humna OPDO keessaa maqaa ‘Team Lammaa’ jedhu maxxanfatee bahe amanuutu nu nyaate. Keessattuu jechoota Lammaa Magarsaa amanuutu waan OPDOn dhiqattee xaharamte fakkeesse. Gufannoo gaafasiitu qaqqaaliiwwan akka Hacee nu dhabsiise hogganoota keenya jajjaboo mana hidhaa naqe. Oromoon gaafas karaalee sirni tokko itti jijjiiramu sadanuu keessaa kan barbaade raaw’achuu danda’a ture. Warraaqsa san xumuree guutummaatti fonqolchuuf (revolution) itti dhihaatee ture. San didu ammoo dirqisiisee mootummaa qooddachuufis (power sharing) fagoo hin turre. Kan sadaffaa (reform) filachuu isaatu isa adabsiise. OPDOnis amma keenya taatetti of sirreessinaan nu haa ceesiftu jechuudhaan gara-baldhina Oromummaaf dursa kennuudhaan nyaatame. Wareegama hadhooftuu nu kafalchiise. Gaafa Marroo Dirribaa ‘’Yoo bilisoomneerra jettan an qamalee fi weenniin bilisa baasa, hin galu’’ jedhee didu san baay’een keenya booji’amtoota jechoota Lammaa Magarsaa turre.
2018 fi hireelee wal fakkaatoo dabran
Jijjiiramoota siyaasaa bara1991 fi 1975 keessatti Oromoon human aangoo qabachuuf gahaa tahe kan heddummina isaa gitu hin horanne ture. Humnoota biroo kan isa caalaa jaaraman kan aangoo qabachuuf qophii tahantu turan. Kan bara 1991s yoo fudhanne, TPLF keessa keenya hubachuurraa dursee OPDO bixxillatee ABO fudhatama dhabsiisuuf of qopheessaa ture. Akka sabboonummaan Oromoo sadarkaa aangoof isa sodaachisurra hin gahin waan hubateef ture. Keessattuu eega WBO 30,000 tahu hiikkachiisuu irratti milkaahee booda ofirratti amantaa qabu dabalatee PDOoolee fayyadamee biyya bulchuu akka danda’u hubate. Hanqina sanas kan nutti fide hogganuma keenya gaafasii ti. Kan bara 2018iis hanqinni irra caalaatti keenyuma. Seenaarraa barachuu dadhabne. Eenyunuu bilchina siyaasaatiin nu caaleef injifannoo keenya nurraa hin fudhanne. Nuti qabsoo goonee, wareegama baafnee kaanee xumura isaa tolfachuu wallaalle. Humna of gahaa kan mootummaa tahuu danda’u osoo qabnuu carraa biyyatti deebi’uu argannetti fayyadamnee yeroo gabaabaa keessatti dafnee mooraa qabsoo keessatti tumsa jabaa uumuu hanqachuu keenyaaf of qeequu barbaachisa. Ammas kanarraa hin barannu taanaan carraa boru dhufu saba keenyaaf oolchuuf ammayyuu hin qophoofne jechuu dha. Dhimma kana yeroo biraa mata duree of danda’een itti deebina.
2018 fi Hiriira siyaasaa wal danqare
Jijjiiramni injifannoo qabsoo Oromootiin bara 2018 keessa dhufe hiriira siyaasaa wal faallaa ture walitti firoomsee kan waliif fira ture ammoo wal faallesse. Oromoon qabsoo godhee TPLF Finfinnee irraa buqqisuu booda sirna dhufu akkamitti keenya goona jechuurratti warra kaaniin durfame. Haqa qabaachuu keenya qofa beeyna malee haqa keenya tiksuu irratti shira nu barbaachisu shiruu hin shaakalle ture. Karaan jarri ittiin nu nyaate qorqalbii OPDO nu caalaa dursanii hubachuudhaani. OPDOn yakka waggaa 27 Oromoo irratti raaw’atteef jecha yoo mooraan QBO aangoo qabate anaaf badii kooti jettee akka sodaattuu fi saniif jecha ammas qabsaayota Oromoo dhugaa aangoo irraa fageessuun fedhii ishii akka tahe nu caalaa warra Amaaraatu hubate. Sana qofas miti. OPDO keessaa warri furtuun waan sammuu Amaarummaatiin yaadan Afaan Oromootiin dubbatu. Humnoota kana lamaantu wal argate. Humna siyaasaa Amaaraa kan TPLF bakka bu’ee OPDO micciirratuu fi OPDO yakka hojjechaa baateef jecha Oromoon humnoomuu sodaattutu dafee walitti heerume.
Humni kun lachuu eega wal tahee booda akka itti jabaa Oromoo suutuma suuta dhabamsiisanii aangoo jabeeffannaa (power consolidation) mirkaneeffatan irratti imaammatan. Abiy Ahmad gorsitoota Amaaraa maqaan beekamanii fi hin beekamne ofitti marsee dhimma kanarratti imaammata hamaa tumachuu kan jalqabe osoo kakatee aangoo hin fudhatin duraa qabee akka tahe odeessi turee bahe ni agarsiisa. Polotikaa itti aanee dhufaa jiru keessatti dhagaa tokkoon shimbira 3 dhahuu imaammatan. Kanas kan irraa eegalan Shaabiyaa waliin dafanii araara buusuudhaani. Warri Shaabiyaa akka diina hamaatti kan laalaa turan TPLF aangoorraa ka’uu arginaan ‘’game over’’ jechuun gaaffii araaraa tole jedhanii fudhatan. Dubbii Baadimmee waggaa 20 himachaa turanillee yaadatanii akka hin kaasin haasaa Isaayaas dhihoo kanaa irraa hubatameera. TPLFiin haaloo bahachuuf Shaabiyaan humna sheexanaa kamuu waliin araaramuu akka barbaadu sheexanoonni gama Itoophiyaas ni beeku turan. Shaabiyaa waliiin araaramuun injifannoo sadi fida jedhamee yaadame.
1) ABO booji’uuf: Araara fakkeessanii ABO Asmaraa irraa booji’anii glachuuf karaa bana. Osoma ABOn hin galu jedhee dideellee Shaabiyaan carraa waggaa 20 booda manatti isaaf dhufte kanaaf jecha dirqisiisee galcha. Didaan tarkaanfii rifaasisaas irratti fudhachuuf muuxannoo qaba. Siyaasaa keessatti dantaa dhaabbataa malee firoomni dhaabbataan hin jiru jenneerra. Wanni qabsaayaa Oromoo tahe hundi Finfinnee akka seenu yoo godhame kiyyoo keessa galfamuuf salphata. Warra mooraa qabsoo Oromoo keessatti rakkoo uumaa turan ammoo dursanii qoratanii dafanii firoomfachuun akka ture bubbulee ifa bahe. Jara kana qabatanii daranuu mooraa QBO gooluu, saniinis qabanii Oromoo qoqqoodanii walirratti duulchisuutu karoorfame. Warra biyyatti gale keessaa eenyutu akka mootummaa kanatti maxxanee eenyu akka hidhaa jiru laaluun qofti kanaaf ragaa dha.
2) TPLF kophxeessuuf: Shaabiyaa waliin araaramuun TPLFitti marsanii waraanuuf haala mijeessa. TPLF siyaasaa Finfinnee kan harka Amaaraatti kuferraa abdii kutatee eega gandatti galee booda hariiroon laga Marab gama (Eertiraa) waliin qabu akka deebi’ee araaraan hin haaromneef jecha dafanii Shaabiyaa ofitti qabuun gorsa hogganoota EZEMA ture. Caasaa federaalummaa sabummaa dhabamsiisanii kan duriitti deebisuuf duulli Tigraay cabsuudhaan eegaluu akka qabu wal tahahame. TPLF fi sabboonummaa Tigraay dursanii cabsinaan kaan nun dhibu jedhani. Shaabiyaan ammoo caasaa federaalisimii sabummaa durirraa qabee abaaraa akka ture gaafa Asmaraa turreyyuu ni beekna. Firoomni Isaayaas Afawarqii fi Birnaanuu Naggaa gidduutti goobee Asmaraa keessatti hoggana ABO keessattuu J/Daawud Ibsaa doorsisaa ture kanarratti hundaawa. Kanaafuu Shaabiyaan humna waraanaa jabaa waan qabuuf daboo waammannee waloon Tigraayirratti duullee cabsinaan gama Shaabiyaatiinis gammachuudhaan simatame. Tigraay yoo daftee cabxe malee hariiroon TPLF fi mooraa QBO waliin haaromsuuf xixxiixamaa ture yoo milkaahe balaa dha jedhamee hunda biratti sodaatame. Tigraay hidhannoo jabaa waan qabduuf eega ishiin cabdee booda Oromiyaa cabsuun akka salphatu tilmaamame.
3) Hawwii badhaasa Noobeelii: Abiy Ahmad Shaabiyaa waliin araara buusuun hawwii mataa isaaf qabu dhugoomfachuuf jarjare. Wal gaarreffannoo waggaa 20 kan addunyaan dolaara miliyoonota itti dhangalaasee dhaabsisuu dadhabe inni itti milkaahee araara buuse jedhamuun badhaasa Nobeeliif akka kaadhimamu dursee xixxiixamuu dhagahe. ‘Hoggana Itoophiyaarra dabree nagaa gaanfa saniifuu gumaache’ jedhamuuf akaayii bunaa qabatee hoggganoota Shaabiyaa irra deemee gugguufee hammaarsise. Eertraa irraa deebiis gaanfa kana keessa hanga danda’u garmaamee footoo ka’e. Agarsiifni kun hundi araara Eertraatiin jalqabee badhaasa Noobeelii mohachuuf akka dandeessisuuf ture. Akkasitti YEROOF addunyaa gowwoomsanii badhaafamuun akka danda’amu beekamaa ture.
Abiy Ahmadii fi murni isaa sirna durii deebisuuf wal gurmeessee masaraa dhuunfate dhugaa salphaa tokko beeka. Akkuma kaleessa TPLF tumsa siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo fi Amaaraa walirraa fageessuun aangoorra turuu yaadaa ture jarri kunis mooraa QBO fi Tigraay walirraa fageessuun aangoo jabeeffanna jedhanii yaadan. Dhugumatti ni fakkaata ture. Maaliif jennaan, waggoota 27f akka QBO fi TPLFitti kan wal madeesse hin turre. Dhumarrattuu qabsoo Oromootu Finfinnee keessaa buqqisee Maqaleetti isaan galche waan taheef Oromoo irratti xiiqii guddaa qabu jedhamee hubatame. Gama Oromootiinis TPLF waggaa 27f nama keenya lafarraa akka fixaa baate hubatama. Kanaafuu keessattuu Oromoo keessaa nama warri TPLFitti siqee dubbatu maqaa balfuun salphaa dha jedhamee hubatama. Mooraa humnoota kana lachuu gidduutti walii galteen osoo hin dhalatin dura dugda TPLF cabsinee biyyoo irra deebifna jedhanii jarjaran.
Akkasitti dubbiin garagalchii taate. Shaabiyaan kaleessa nuuf ‘’warra firaa’’ ture. Har’a Tigraay birayyuu darbee dantaa diinota keenyaa waliin dhaabatee Oromiyaa weeraree argama. OPDOn kaleessa qabsaayota Oromoo kabajamoodhaan ‘’ergamtuu Shaabiyaa’’ jettee hidhaa fi ajjeesaa baate har’ammoo ‘’ergamtuu Juntaa’’ jechuun hojiidhuma wal fakkaataadhaan itti fufte. Jijjiiramoota hiriira siyaasaa waggoota sadan dabran kana keessa mul’atan yoo laalle:
1) Diinummaan mooraa siyaasaa Amaaraa fi Tigraay gidduu ture ittuma jabaate. Kunis kan mirkaneessu warri Amaaraa barcuma TPLF dhaaluu isaaniiti. Kan barcuma aangoo walirraa fudhatetu daranuu ilkaan walitti ciniinnata.
2) OPDOn qaama isheen jalatti hojjettutu jijjiirame malee diinni kaleessa itti duulaa baate hin jijjiiramne. Kaleessas sabboontota Oromoo waraanaa baate, har’as sanuma. Kun kan mirkaneessu OPDOn kaleessas har’as dantaa qaama biraaf jecha Oromoo miidhuuf uumamtee lafarra jirti malee of dandeessee mul’ata sabaa qabattee kan aangoorra hin jirre tahuu ishiiti.
3) Qabsaayonni Oromoo fi deeggartoonni kaleessa ‘’ergamtuu Shaabiyaa’’ jedhamanii itti duulamaa bahe har’a ‘’ergamtuu Juntaa (TPLF)’’ jedhamuum hidhamaa fi ajjeefamaa jiru. Kun kan mirkaneessu gaaffiin qabsoo Oromoo har’as akka deebii hin argatinii fi qabsaayonni dhugaan har’as ulfina isaaniif malu waakkatamanii ergamtoota gooftaa jijjiirrataniin salphifamaa jiraachuu dha.
Mooraa QBO fi qabsaayota Tigraay gidduutti wal ooddeen hanga ammaa jiru furmaata hin tahu. Yakkaa fi gubaa waggaa 27n dabaranii qofa laallee wal ooduudhaan hiree ammas dhufee nu darbuuf jiru irraa gufachuun hawwii warra Ristee guutuu dha. Kaleessa TPLF kuffifnaaf jecha garaa bal’annee warra kaayyoo fi mul’ata siyaasaatiin wal hin fakkaanne biroo waliinuu hiriirree beekna. TPLF bololtuu tahuurraa qabsoo Oromoo diinomfatte malee osoo kaleessa kanatu dhufaa beektee firooma Oromoo jabeeffattee akkana hin saphattu ture. Amma isaanis kufaatii karraa baratanii jiru. Kana booda siyaasaa giddu gala biyyaarratti abbaa tahuus hin danda’ani, hawwii isaas hin qabani. Gatii yakka isaanii kaleessaa san garuu har’a Oromoo osoo hin taane kan biraatu baasaafii jira. Oromoon lolee ofirraa kaasuu malee qehee isaaniitti itti duulee adaba akkasii adabuu yaadee beeka natti hin fakkaatu. Garuu warra Oromoo caalaa garaa itti jiabaatutu isaan mudate.
Siyaasaan Gaanfa Afriikaa haalaan xaxamaa fi kan daddafee hiriira jijjiirratuu dha. Ummanni akka Oromoo haqa qofarratti cichee shira lagatu siyaasaa xaxaa akkasii keessatti baay’ee miidhama. Fira qabsoo dhaabbataa hin argatu. Siyaasaa akkasii keessatti haqa kee kan tikfattu shira siyaasaas shaakaluu barachuu waliini. Biyya abaaramtuu kana keessatti hanga har’aatti shiratu moohe. Ammuma kaanee shira lafa qabate buqqifnee haqaan bakka buufnaan gowwummaa dha. Dadachaatee daddaffiin ofirra gara gaggaluu (flexibility of power balance to battle any form of aggression) barachuu qabda. Sanatti milkaahuuf ammoo humna siyaasaa qofa osoo hin taane waraanaanis sodaatamaa tahuu qaba. Kan har’a diina godhatte yoomii fi akkamitti akka firoomfachuuf dirqamtu, kan fira kee ture yoo dantaa keerratti sitti diinome ammoo ofirraa qolachuu barachuu gaafata.
Amma dhugaa tokkotu jira. Addunyaan warra Tigraay waliin dhaabataa jirti. Jaalatamee jibbamee mootummaa kanarratti dhiibbaa alaa hamaa tu dhufaa jira. Warri dhiibbaa godhu kun ammoo mooraan mormitootaa maal fakkaata kan jedhu laalaa jiru. Kana keessatti Oromoon hanga baay’ina isaatiin gitu socho’uu qaba. Humna dirree jiru jabeessuu fi warri hidhaa jirus akka hiikaman sarduun qooda keenya. Yoo nuti lallaafne addunyaan TPLF fi warra aangoorra jiru walitti araarsuutti milkoofnaan nuti baruma baraan warra dhiiguu malee dhiiga ofiitti gatii godhuu hin beeyne taanee hafuuf deemna. Qehee keenya Oromiyaa irratti yoo of jabeessine malee halagaan ulfina nuuf malu nuuf hin laatu. Oromoon kan aangoorra jirus dhabee kan itti aanu keessaas dhabama taanaan yaaddoo dha. Yaaddoo sana hambisuuf ammarraa dhiibbaa keessaa fi alaa jabeessuu gaafata.
Yoon dogoggore na ofkalchaa!
Yaya Beshir(Boruu Barraaqaa)
June 10, 2021
Comments
Post a Comment