GEGGESITOOTA SIYAASAA 10 HARKA NAMAATTI AJJEFAMAN!
( Kan hiike Tamasgeen Axinaafuutii)
Ajjechaan kan nama irratti raawwatamuu sababawwan akka hinaaffa, siyaasa ykn amantii , qarshiin bitamuun, fi haaloo ba’uuf ta’uu danda’aa. Yeroon akkuma duratti deemuun yeroo ammaa kana irra dhufee gahee namoota barbaachisoo ta’an ajjesuun mala ittiin angoo argatan ykn angoo lafa irra dheerefatan ta’ee gargaaraa. Akka seenaan raga bahutti bara 1200 DH.K.D kaasuun namootnii siyaasa addunyaa keenya irra sababa garaagaraan akka ajjefamaa turanidha. Sababnii ajjechaa kanaa amatii, garaagarumma yaadaa ykn icitii waraanaa yoo ta’ees xiyyefanoon isaa garuu nama hawwasa keessatti fudhatama qabuu ballesuu ta’ee argina.Mee namoota bebeekamoo siyaasaa addunyaa keenyaa lubbum isaanii harka namaatti darbe waliin haa ilaaluu! Adaraa ana hin nuffinaa!
1) Benazir Bhutto(BB) : Pakistan
Geggesituu paartii ummata Pakistan (ppp) yeroo taatuu pirezidaantii dubartii 11ffa sirnaa soshaal Dimookiraasittin biyyatti geggesaa turtedha. B.B’n dubaartii yeroo jalqabaaf biyya amantaa Musiliimaa hordoftuu keessatti yeroo walitti hin aanne lamaaf (1988_90; 1993_96 tti) Mummitii Ministeeraa ta’uun filamuu dandeessedhaa. Biyya paakistaanitti dubartii mummee ministeeraa taate ishee qofaa enna ta’uu abbaa ishee Mumme Ministeeraa Zulfikar Ali Bhuttof mucaa hangaafaa yeroo taatuu haadha warraa Pirezidantii Paakistaan ammaa Ali Zardi turte. Seenaan akka isheen Dimookiraasii addunyaaf fiduu irratti gahee gudda taphattetii yeroo ishee kaasuu jarra darbe keessatti dhimma addunyaa kenyaa keessatti harkii ishee dheera akka turedha. Muddee 27,2007 duula filanoo bara 2008’tiif ppp’f bakka bu’uun dorgommi paarlamaa biyyatiif gara magaala Rawalpindii jedhamtuu keessa bakka giddu gala Liaquat Bagh jedhamutti ajjefamtee. Yeroo balaan kun irra gahee konkoolaataa Toyotaa ishee keessa bu’uun deebi’aa turte. Erga konkolaataa ishee rasaasnii uree hin galle keessa seentee booda morma ishee bakkee baasuun harka isheen uumata achitti walitti qabamaniif nagaa dhaamuuf morma ishee gadi baastee. Yeroo kana kan rasaasnii ishee rukkuchuun dhohiinsii achitti ta’ee lubbuu namoota 20 galaafate. Midhamnii guddaan irra gahuun gara hospitaala Rawalpiitti haa geeffamtuu malee halkanuuma sana lubbun ishee dachee kana irra darbuun isaa dubbatame.
2) JOHN F. KENNEDY : USA
Keenediin pirezidaantii Ameerikaa 35ffa yeroo ta’uu bara 1961 hamma du’asaa bara 1963 tti nama Pirezidaantumman biyya isaaf dalagedha. Yeroo waraana addunyaa lammafa raayya biyyatti keessatti koomandera markabaa naannoo kibba Atilaantik irraa ta’uun hojjechaa turee. Achiin booda kongreessii dimookiraasi Ameerikaa naannoo Boston ta’uun erga tajaajilaa turee booda bara 1953 gara Senaterrummatti ol guddachuu danda’ee turee. Haadha warraas kan inni fuudhe baruma kana ture. Bara 1955 erga waraana irra sirritti bayyaanatee booda seenaa jireenya isaa barruu ibsuu barresuun badhaafamuu danda’ee jiraa. Wagga tokkoon booda akka itti aanaa pirezidaantii ta’uuf karaa dimookiraatawaa ta’ee filamuun waggaa afur boodamoo sagaalee tokkofaan pirezidaantummaf filamee. Dorgomaa miseensaa Ripabilikaanotaa kan ture Richard M. Niksan waliin falmii inni godhaa namoota kitilaan lakka’amantu karaa fodda TV hordofe. Mo’umsii inni argatee garaagarumma xiqqoof haa ta’uu malee Pirezidaantii Ameerikaa amantaa kaatolikii warra Roomaa hordofuu kan Ameerikaa yeroo jalqabaatii Kenediin. Saddaasa 22,1963 yeroo kamiinuu ol yeroo dheeraa erga biiroo isaa keessatti dabarseen booda rasaasaan magaalaa Daallas kan Teksaasitti argamu irratti ajjefamee. Seenaa keessatti Kennediin nama ijoollumaan Pirezidaantii ta’ee umurii ijjollumaa isaan du’ee jedhamuun yaadatamaa.
3) INDIRA GAANDIIH: HINDII
Lammii biyyaa Hindii yeroo sadiif walitti aansuun (1966_1977) fi yeroo afuraffamoo (1980_84) M.ministeeraa biyyatti ta’uun nama geggesuu dandeessedhaa. Akkuma addunyaatti yeroo ilaalummo dubartii sadarkaa biyya geggesuu irra geesse yeroo lammaffaa ta’uun lammii siriilaankaa kan taatee Sirivaano Bandaraniketti antee argamtii. Hamma bara 2012 tti M.Ministeeraa ta’uun yeroo dheeraaf kan biyya bulchitee keessa sadarkaa lammaffa irratti argamtii. Biyya Hindiitti garuu M.Ministeeraa dubartii yeroo jalqabaaf taatedhaa. Mucaa tokkitti M.Ministeera Hindii Ofdandeessee Jawaharal Nehruutii. Walitti dhufeenya gaarii Soviet waliin gargaarsa isaan waraana Hindiin paakistaan waliin gootee irratti godhaniif sababeeffachuun uumteetti. M. ministeeraa hindii yeroo jalqabaaf dhimma ariifachiisaa ilaalchisee seera baasuu akka irra jiraatu labsiteefi ergaa angoo qabatte booda yeroo jalqabaaf nama mana hidhaa seentedha. Bara 1984 ture kan ishee mana jireenyaa m.ministeera keessa jiraatuu kan New Delhiitti argamutti ajjefamtee. Kan isheen ajjefamtes egdotaa(Body guards) lamaan turee.
4) MARTIIN LUUTEER KING JR. : USA
Namni kun luba ,warraqaa fi geggesaa beekamaa sochii mirga Afirikaanota Amerikaa ta’uun nama hojjetedha. Warraqsa karaa nagaan cabuu mirga dhala namaa ilaalchisee nama sochii cimaa godhedhaa. Martiin yeroo biliisumman akkas Ameerikaa keessatti dagaagee argamuu kanatti nama bakki guddaan kennamuuf dha. Bara 1955 keessa sochii Konkolaata Montgomery akka hin fayyadamne godhuu kan dura bu’uun geggese yeroo ta’uu bara 1957 ammoo konfireensii geggesummaa kiristaanota kibba argachuun Pirezidaantii jalqabaa waaldaa kana ta’uun geggesee jiraa. Warraqsa karaa nagaa sanyiin wal qooduun jibbinsa geggefamuu hanbisuuf nama gahee gudda taphate jedhamuun umurii ijjoolummaan badhaasa Nobelii nama argate isa jalqabaatii. Bara 1968 qalbii isaa hiyyumaa hir’isuuf lola Vetinaam hambisuuf sochii kan biraa eegalee. Ebla bara 1968tii rasaasaan rukkutamuun ajjefame. Ajjefamuun isaa kuniis magaalota biyyatti 100 ol keessatti goolii akka kaasee turee seenaan nii eeraa.
5) ABIRAHAM LINKOLN: USA
Linkoln bara 1961 hamma ajjefamuu isaa bara 1965tti Pirezidaantii Amerikaa 16ffa ta’uun nama geggeseedhaa. Yeroon inni itti geggesaa ta’ee kun yeroo wal waraansii waliinii biyyattiti baduu ba’ee yeroo ta’uu daangaa biyyatti keessa daldalli garbaa akka hafuuf gahee olaana taphateera. Kabajaa namaaf kennufi haaqa qabaachuu isaan nama kabajamu ture. Dadhaabbi isaa inni guddan wal waraansa waliinii dhabamsiisuu irratti hojjetee jiraa. Lolaa hamaa Biritenii wajjiin taasifamuus ture kan silaa balaa gudda qaqqabsiisuu fashaaleessun seenaa jabduu hojjetera. Haasawaa isaan onnee ummataa boji’uu nama danda’ee yeroo ta’uu hasawaa isaa bara 1963 irrattimoo antumma ummataaf qabu mirkaneesseraa. Dhuma wal waraana waliinii irrattii biyya Ameerikaa tokkomsuuf hojji bal’aa qabatee ka’ee. Yeroomaa sana beektotaan Pirezidaantii Amerikaa guddicha jedhamuun waamamuu jalqabe. Ebla 1964 enna waraanii waliinii biyyatti dhumachuuf deemutti ajjefamee. Ajjechaa Andrew jakson irratti wagga 35 dura yaalamee hin milkaa’in hafetti aanuun yeroo jalqabaaf Pirezidantii Amerikaa ajjefamee akka ta’ee seenaa isarra nii dubbifamaa.
6) Liaquat Ali Khan: Pakistaan
Abbaa paakistaan ammayaa jedhamuun beekamuu. Biyyaa isaaniif geggesaa, abba seeraa , siyaasaan, ministerumma raayya waraanaa ta’uunifi bakka garaagaraatti nama hojjetedhaa. Bekkamtii siyaasa kan argatee sochii ligii musilimaa hindii irratti dhagahamumma qabuun turee. Of danda’uu Hindiif Paakistaanif gahee gudda taphateeraa. Bara 1947 m.ministera paakistaan ta’ee. Riwalditti walgahii ummataa utuu geggesuu laphee isaa irra rasaasaan rukkutamuun ajjefamee. Polisiin yerooma sana nama isa ajjesee haa ajjeesuu malee maaliif akka inni akkas godhee amma ammaatti hibboo hiika hin argatin ta’ee jiraa.

7) MOTIICHA FAAYISAL : SAUD ARABIA
Barii inni mootii ta’uun bulche 1946_1975 tti. Hojii hojjete keessa kan inni itti galatomfatamuu rakko mallaqaa keessa biyya isaa baasuu fi polisii ammayyumaa baaseen isaan yeroo ta’u karaa hariiroo dhimma alaan polisii inni hordofu kan pan Isilaamuumaa, mormituu Komuunizimiifi deggaraa jaalala biyya akka warra Palestaayin turee. Ka’uunsa bu’aa gudda waan buuseef ummata biraa fudhatama guddaa qabaa. Bara 1975 obboleessa isaa gartokkoon ajjeefamee. Erga ajesees akka aadaa biyya sanaatti angoo qabatee haadhaa manaa isaa fudhuuf yeroo inni bagga gammadden dhungatuun ishiin ammo ajjesaa abba mana ishee shugguxiin dhuftee ajjestee.
8) Thomas D’arcy McGee : kaanaadaa
Namni kun sabbonaa ayirish, dubbii himaa amantaa kaatolikii fi gaazexeessa yeroo ta’uu abbaa confidireshinii kaanadaa jedhamuun beekamaa. Ayirishotniifi kanaadonni tokkomuun akka sabbonumman itti dhagahamu gochuu irratti nama gahee olaana taphatedha. Hamma ammatti sadarkaa Federalaan bulchaa biyya kanaada ajjefamedha. Guddina misoomaa kaanadaa keesaatti waan gudda hojjeteera. Manaa isaatti diina isa eegeen rasaasaan rukutamuun bara 1868 ajjefamee.
9) RAFIK HARIIRII : LIBAANOON
Namaa bizineesii fi m.ministeeraa lebanoon kan 1922_1998tti irra deebiin ammo 2000_2004 tti nama biyya isaaf hojjetedha. Lolaa waggaa 15’ni booda bizineesiif siyaasaan nama lebanooniin geggesee yeroo ta’uu Berutiin irra deebiin ijaaruu irratti gahee gudda baheera. Bara 2005 ture kan inni ajjefame. Sababiin ajjechaaf isa gahee amma ammaattille qoratamee kan bira hin gahamnee dha. Mootummaan siriyaa harka keessa qaba jechuun kan dubbataniis nii jiru. Ajjefamuun isaa jijjirama gurgudda akka warraqsa seedaariifi loltoonii siriyaa libaanoonii baahuu fidee dhufee.
10) Mahaatama Gahaandii : Hindii
Sochii siyaasaa isatiifi geggesaa amantii ta’uun kan beekamuu mahatama Gahaandiin geggesaa sabbontotaa Hindii kolonii Ingiliz irratti karaa nagaa godhamuu turee. Karaa nagaan warraqsii inni godheefi wal danda’uu qabaachuu amaantaa hunduuf Isilaama irratti sochii inni taasisaa turee akka addunyaattuu beekamtii kan isaaf kennudha. Nama amantaa hinduu hordofuun bara 1948 kadhaataaf utuu deemuu ajjefamee. Sababnii ajjefamuu isaaf kanfaltii Paakistaaf akka ta’uuf kakkaasa tureen Hindii dadhabsiistetta jechuun turee.

Comments
Post a Comment