Maqaa Mootummaa jedhutti dhimma ba'uun EPRDF baayyee nama aarsa.
                                  Abdi Fite irraa.
 Mootummaan gadi bu'ee namoota dhuunfaa waliin ykn gartuu isa mormu waliin xiiqii wal qabatee uummata bal'aa hin miidhu. Waan uummata isaaf bu'aa buusu qofa irratti fuullefata Mootummaan biyya bulchu tokko. Kan Ethiopia garuu Mootummaa osoo hintaane 'garee' ta'uu isaanii dhugaa nuu ba'aa jira. Kun kufaatii isaatiif karaa saaqa malee bu'aa hinqabaatu.
Guyyaa qormaati sun haqame teenyee haasofna ture. Yaadi mootummaan kun baayyee sodaateera kanaaf gaaffii ammaa kana ni guuta jedhu ka'ee yaada garraamummaa irraa madde natti fakkaateen kolfe. Yoo xiqqaate mootummaan kun kan turu hanga qormaata maxxansiisee xumurutti torban sadii hanga afuriitti, sanumayyuu qormaata lammataa kana waraanatu barattoota irra dhaabbatee qora jedhee jennaan, sichillee uummata Oromoo waliin waan akkasii keessa hin seenu. Mudannoo kanarraa barateera yaadi jedhu ka'e. Mootummaan torbee sadii hanga afuriitti yoo baayyate tura. Sanumtuu waraanatu barattoota kanaaf qormaata laata kanan jedhe callisee miti. Tokko mootummaan kun salphina itti aanurra ooluuf furmaata biraa hin qabu. Namooti wajjin jiran hundi qalbiin akka diida jirtu hubateera. Qullaa ijaajjee akka jiru mirkaneefateera. Inni itti aanu Yoo xiqqaate waggoota lamaan darban amaloota Mootummaa kana beekuuf carraa guddaa argadheera. Haala ani keessa jiruu fi naannoon koo isa biyya sana keessa Mootummaa sana waliin hojjetu caalaa waa baayyee na barsiiseera. Mootummaan Ethiopia gaaffii gaafatamee karaa furmaata ta'uun deebisa jennee kan yaannu yoo ta'e kun garraamummaa dha.
Maaster Plaanii Finfinnee ilaaluu dandeenya. Uummati Mormee dhiigi itti dhangala'ee jennaan booda yeroo muraasaaf dhaabe. Hata'uutii labsii Magaalaalee Oromiyaa jedhee waan Master Plan sana caalaa Uummata Oromoo eenyummaa isaa dhabamsiisu, maqaa dur irraa ka'e sanallee kan itti deebisuu malu fidee raggaasise. Waa baayyee lakkaa'uu dandeessu. Kanaaf, kan nuti waldhaansoo qabaa jirru Mootummaa miti. Garee wanbadee hiiki uummataa fi hiiki Mootummaa maal akka ta'e hin galleefidha. Namooti tokko tokko yoo otuu 'calander' hin ilaalin murteessan jedhanii haasa'an na kofalchiisu. Eeyyee, akka gaariitti 'Calander' ilaalanii murteessan. Beekaa itti yaadanii xiinxalanii murteessan. Isaan warra akka mootummaatti hojjetu mitii dhaabbati xiqqoo dheengadda hundaa'eyyuu sirriitti itti fayyadama Calander bareechee beeka. Dubbichi Maal fidduu? Eessa geessuu dha. Tuffii dha.
Birrii Miliyoona 215 qormaata kanarratti isaan baasan boorsaa isaanii keessaa fuudhanii baasan miti. Kan qondaalli isaanii tokko malaanmaltummaan argatu waan ta'eef baayyee isinitti hin fakkaatin. Jarri kun mootummaa otuu hintaane Wanbadee dha. Isaantu Caakkaa Deddebiit keessaa ba'ee dhufee Masaraa Mootummaa qabate malee Caakkaan Deddibiiti isaan keessaa hin baane. Mee yaadaa barataan diida keessatti Agaazii argee barumsarraa dheessu yoo waraana qawwee qabatee irra ijaajju ofiratti ilaalaa qormaata guutuu biyyoolessaa qoramu maal akka itti dhaga'amu! Kanaan akkamiin Mootummaa dha jenna. Falli jiru uummati Oromoo injifannoo xixiqqoo darbitee darbitee galmooftu ilaallee as baanee mirqaannee wal faarsinee, nama faarsinee dibbee reebnee yoo haalli cal jettu ammoo godoo calleensa keenyaatti deebi'uu otuu hintaane, waan barcuma Garee sanaa raasuu danda'u irratti hojjechuu dha. Isa irratti fuulleffachuu dha kan nurraa eegamu. Kana ta'uu dhaa yoo baate, moggaatti galagallee isaan kana abaaraa, fuula dura ilaallee jara abaaraa, achii nu ajjeesan jennee boo'aa, moggaatti galagallee injifannoo keenya nuu gabaasuu didan jennee lafa ciraa akkasiin yeroon dabarti. Kun jijjiiramuu danda'uu qaba. Waan ofii keessanii hin goone namarra hin ilaalinaa! Isan akkas godhe abalu hin gabaafne jettanii moggaa keessan hin ilaalinaa! Eenyu isaan kan injifannoo keenya nuu gabaasan! Qotachuu keeyyuu hin jaallanneen qotiyyoo koo sii ergisaa jedhe jedhan namtichi. Namni qotachuu keessan hin barbaanne qotiyyoo isaa isinii hin ergisu. Otuu kansaanii ta'ee nuti ni goonaa! Mee of gaafadhaa! Kanaaf, karoora keenyaa fi galma keenya beennee injifannoo xixiqqoon nu mirqaansee isa guddicha otuu nu harkaa hin gatin hegeree saba keenyaa ilaallee bifa ijaarsa qabuun wal hubachaa deemuu baruu danda'uu qabna.

Comments