HAMMEENYI CHAAYINAA FI RIMMAA TOKKUMA !!! SEENAA Y.G (2005)
Ameerikaan, Ummati ammi kun miidhamuu ijaan osoo argituu maaliif wayyaanee gargaartii ? kan jedhu gaaffii namoota hedduuti . Ameerikaan dantaa ishee irraa kaatee waa tokko akka murteessitu kan hubatus danuudha. Dantaa kana irraa ka’uun, wayyaanee irraan dhibbaa tokkollee akka hin geesifnee wayyaaneenu bareechitee beekti. Kanaaf hammeenyi ishee daangaa dhabee, dhiigni ilmaan cunqurfamoo akka bishaanii dhangala’uu taasifama. Ameerikaan dantaa ishee naannichatti gama hunaan eegisiisuuf jecha , wayyaanee irra harka qabuun waan haqaati. Bara 1991 yeroo wayyaaneen Ameerikaa fi Ingilizii waliin mari’attu, Dolaara tokko Birri shan akka galchituu fi waggaa 20tti , Dolaara tokko birrii 20 akka geesiftuu waadaa seenuu warra keessa beekuutu dubbata. kanaaf karaa boroo ABO wal ga’iin ala godhan . Wayyaaneen Ameerikaa irraa waatokko wayita barbaaddu ykn akka itti hin dubbannee yennaa feetu, warra chaayinaa waliin waliigaltee adda addaa mallatteessitee midiyaan torban tokko guutuu odeessiti. Yeroo kana Ameerikaan rifattee harka gargaarsaa hiixattiif. Kun tapha wayyaaneeti. YKN dippilomaatoota Chaayinaa fi Raashiyaa simachuun Ameerikaa doorsifti. Kun shiroota wayyaanee lakkofsa hin qabnee keessaa isa xiqqoodha. Chaayinaan yeroo dorsiftu akkasuma.
Ameerikaa fi chaayinaa keessaa kamtu haalaan nu miidhaa jiraa ? yoo jennee, hedduun keenya, Ameerikaa jennee murteessina. Irra jireessi namootaa deebii akkasii ka kennaniif, chaayinaan Ameerikaa caalaa dhibbaa geesisuu hin dandeessuu yaada jedhu irraa ta’uu mala. Ol aantummaa Ameerikaa ilaalu irraas ta’uu danda’a. Yoo dubbii gadi fageessinee ilaallee garuu, Ameerikaan miidhama keenya ilaaltee callisuu ishee fi wayyaanee irra harka qabu isheetiin nu miidhaa jirti. Ameerikaan yoo baayyatee adeemsa akkasii fi gatii dolaara ishee ol kaasuun dantaa adda addaa argachuun nu miitii ta’aa. Investaroota dhuunfaa warra fakkaataniin warqee fi alabuuda muraasa nu saamuu dandeessi. dhugumatti addunyaa irraa sagalee qabduun dhageetti qabaachuu dandeessi. garuu sagalaeen isaan addunyaa irratti qaban akka kaleessaa miti. humni chaayinaa fi raashiyaa jabaataa dhufeera. Nurratti mitii Biyyoota biraa irrattuu murteeleen fudhachaa jiran yennaa ilaalluu Ameerikaan waan barbaaddu gochuun kaleessa beekamtuu har’aa amma tokko laafataa jira. Har’a chaayinaa fi raashiyaan addunyaa kana osoo hin beekamnee of harka galchuuf adeemsi itti jiran hedduu nama yaaddeessa. Dadhabuun ameerikaa akkuma yeroo fudhatuu, guddinni isaanis yeroo fudhatama malee kan hafuu miti. Dinagdeen isaanii haalaan guddachaa jira. Kunis yaaddoo hegareeti. Isaan walii isaanii irratti siyaasaa dhalootaan wal geeddaruu fi guddaachaa deemuun wal hordofu. Dhalooti isaanii borii ykn waggaa 30, 50, 70 boodaa akkamiin addunyaa kana saamuu fi saamsisu irratti hojjatu. Hegaree ummatoota isaani yaadanii shira meeqa hojjatan. Nuuti ammoo kan har’aayyuu of harkaa dhabnee rakkachaa jirra.Afrikaan waan qabdutti akka fayyadamuu hin eegallee fi qabeenyaan biyya isaanii yoo yeratee Afirikaatii saamuuf , Afrikaanoota siyaasaan wal nyaachisu. Dimokiraasii Biyya isaanii fi afriikaa hiiikkaa isaallee wal caalchisu. Beektoota ishee biyyaa yaasisuu. Hiyyummaan adabu.kun shira . akka hojii rimmaatii
Chaayinaan har’aa addunyaa kana tu’achuuf haalli itti deemaa jirtu haalaan yaaddeessaadha. Humni maallaqa ishee Doolaaraan gadii akka hin taanee, labsamuufii haa hafuu malee, waan murtii irra ga’ee jiruudha. Chaayinaan addunyaa kana tu’achuuf, irra jireessaan faallaa ameerikaan tarkaanfataa jirti. Ameerikaan siyaasa keessaa fi humna ittisaan itti seentee waan barbaaddu raawwattii. Chaayinaan ammoo faallaa kanaa Dingadee fi Teekinolojiin itti seentee, Biyyoota hundaa saamtee, Ummata ishee Biliyoonaan lakkaa’amuu guddisuuf tattaaffatti. Adeemsa chaayina addunyaa irraa yeroo biraa itti deebina. Har’aa garuu akkamiin miidhaa nurraan ga’aa akka jirtuu fi eenyullee xiyyeeffannaa keessa galcheenii akka hin jirree yaadachiisuun barbaada., garuu akka Rimmaa deemtee nu miidhu irraa akka dhaabbattu ykn akka itti dammaqinee jirru hubachiisuun dandaadhaa.
Wayyaaneen shiraan dorgomaa hin qabdu. Nuuti ammoo shira kana dadhabna. Wayyaanee shira irratti hojjatanii kuffisuutu danda’ama. Wayyaaneen oromiyaa keessatti OPDO tti hirkattee jirti. OPDO kana jalaa dhahuun furmaata. Biyyoota adda addaatti hirkattee dallaaloota siyaasaa bittee siyaasa taphatti kana jalaa kaasuun dansaadha. Walumaa galatti shira wayyaanee qophixeessuu hojjachuun barbaachisaadhaa. Kana namni hin yaadu osoo hin taanee irratti hin hojjannuu haa sirreeffannu. Wayyaaneen Biyyoota akka Chaayinaa , Raashiyaa , Ameerikaa , Ingilizii, Jarman , Saa’udii , Farnsaayii , kkf fakkaatan gama hundaan keessattu gama dingadee fi Investimantiin Tigiraayii fi naannoolee kan biraa keessa osoo hin qubsiisiin maaliif Oromiyaa keessa akka qubatan taasiftii ? jarri kun shira wayyaanee, wayyaaneen jiraachuu baannaan akka badanitti guutamanii jiru . kana harkaa baasuu barbaachisa. kana karaa dandeenyeen amansiisuu, yoo didan rifaasisuutu qoricha. Chaayinaan har’aa Itoophiyaa irraa liqii doolaara Biliyoona 50 ol qabdii. Wayyaanoonni kana waa lamaaf raawwatu. Tokko , maallaqa pirojekitii dhuunfaa isaanitti geeddaratan argatu. 2ffaan ammoo Biyyoonni liqeessan kun jaallatamus jibbamuus, jiraachuu wayyaaneef falmu. Dhumaatiin ummataa gonkumaa itti hin dhaga’amu.
Chaayinaan har’aa ijoollee kumoota dhibbaan lakkaa’aman Oromiyaa keessatti barnoota malee hanbiftee jirti, warshaa fi kubbaaniyyoonni chaayina ijoollee baadiyyaa godaansisuuN, maatii irraa kutTee gatii gadi aanaan itti taphachaa jirti. wayyaaneen akka dhuunfaatti dingdeen badhaatee malee akka Biyyaatti hin jirtu. Chaayinaan garuu saamicha maqaa liqiin gaggeeffattuuf jeettee, pirojaktoota adda addaa uumtee wayyaanee jiraachisaa jirti. Chaayinaan wayyaanee caalaa Oromiyaa saamaniiru. Maallaqa liqii kan deebisaa jiru qabeenyaa Oromiyaatii. Chaayinaan Oromiyaa keessaa saamicha gaggeessitu gara biyyasheetti dabarsuuf karaa Jibuutii Dooniin dhiheessaa jirtu, kan amma dirree kubBaa ga’uu faa’aa akka ta’ee dubbatamaa jira. Saamicha kana ariifachiisuuf, baaburri haaraan ijaaramaa jiru hedduu kan nama raajuudha. Kun hundi qabeenyaa saamamuu deeddeebisuuf qophaa’aa jira. Karaa mombaasaa wanni yaadamaa jiru , karaa maluu keniyaa kan karoorfamee gaggeessffamaa jiru harki 80 chaayinaan gara biyyattitti waan fidduu fi baaftu irratti xiyyeeffatanii hojajtamaa jiran. Daandiin baaburaa guutummaa Biyyattii keessatti hojjatamaa jiran kaampaaniilee fi warshaalee chaayinaa tajaajiluuf yaadamaniiti.
Yeroo ammaa kana lammiilee chaayinaa Itoophiyaa keessa jiran lakkoofsaan Afirikaa irraa tokkoffaadha. Harki 98 mana hidhaa keessaa kanneen dhufaniiidha. Galii argataniin mootummaan biyya isaanitti deebisee isaan ijaara. Guruuppiin ijaaramanii jiru. akkuma IMXA wayyaanee. qabeenyaa keenya duguuganii fixaa jiru . chaayinaan Biyyoo diimaa keenyaa halakanii fi guyyaa biyya isheetti guuraa jirti. Albuuda adda addaa wayyaaneenu meeshaa hin beeknee galchitee qorannoo soda malee gaggeessuun lafee keenya qofatti nu hanbisaa jirti. Anarra warri ogummaa isaaniin waan bira ga’aan ifa baasuu jedheen abdadha.
Chaayinaan , Tigiraayi keessatti pirojekitii saatalaayitii “TIG-SAT” jedhamu samiitti erguuf jirtu, warri tigiree Yoo xiqqaatee Afirikaa harka 80 akka tu’achuu akka danda’anitti hojjataafi jiru . keessattu Gaanfi afiriikaa , boruu akkuma Arab fi Naayil saati Gibitsifaa’aa irraa kireeffatu, Tigiraayi irraa kireeffachuuf taa’uu. Chaanaaloonni har’aa Itooophiyaa baayyifamaa jiran karoora wayyaanee madda galii boriif tolfachaa jirtuudhaa. Oromiyaanis boruu irraa kireeffatti. Saatalaayitiin lokaalii kun, “TIG-SAT” qofaa osoo hin taanee, teekinoolojii midiyaa televizyinii fi raadiyoo akka ukkaamsu, humna Intarneetaa guutummaatti kan balleessuudha. Kana irratti haalaan hojjachaa jiru. TIG-AIRWAY jechuuf jiru. TIG-MOBIL gabaa irra jira. Finfinneen har’a nama dhuunfaatti osoo hin hafnee waan guyyuu dubbatuu fi katabuu akka hordofan kan taasisan chaayinaadhaa. Meeshaa loltoonni eessa akka jiran osoo hin hafnee hojjtee kan kenneef chaayinaadha. Sulultaa irratti maqaa saatalaayitii jedhuun shira hojjachaa jiran addunyaatu beeka. Isnaayiparii har’a lammiileen keenya mataa ittin facaasaa jiran guutummaatti kan bitamee karaa Siyyuum masfina chaayinaa irraati. Manneen hidhaa keessatti meeshaalee teekinolojiin torcher gadhan kan kenneef chaayidhaa.
Kubbaaniyyoonni fi warshaaleen chaayinaa Oromiyaa keessatti ramadaman hundi isaanii bakka albuudii adda addaa lafa keessaa jiru irratti dha. Jarri habaaboo homishnaa jedhanii kan hojjtan waan biraati. Simntoo baafnaa jedhanii kan oomishan kan biraati. Hammeenyi kun hundii chaayinaadhaan lammiilee keenya irratti raawwatamaa jira. Kana caalaa yeroon dubbii haalaan dubbannu ni dhufa. Ilmaan Oromoo BIYYAA ALAA JIRTAN , mormii wayita dhageesiftan gama tokkon qofaa hin ilaaliinaa. Gama hundaan ilaalaa. Beektoonni keenya baruma baraan gadaa qorachuu irra, waan har’aa nu balleessaa jiru irratti qorannoo gaggeessaa fala kaa’aa. Yaada gumaachaa . Chaayinaan miidiyaalee oromoo hundaa cufsiisuuf halakanii fi guyyaa hojjachaa jirti. Finfinnee kaasee hanga Adaamaatti Industirii zoonii chaayinaa ijaaruuf jedhamee Ilmaan Oromoo meeqatu buqqaa’aa jira ? warshaa simintoo chaayinaa Aqaaqitti dhaabbatee, DOLAARA miliyoona 300n ijaaramee keessaa maal argannee. Mootummaan naannoo oromiyaa maal argatee ? warshaan sun ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’aman aaraa fi dhukkeen miidhaa hin jiruu ?chaayinaan Golgaa mootummaa wayyaanee taatee hojjachaa jirti. Meeshaa militarii guutummaatti dhiheessaa jirti. Dawaa seeraan alaa torchariif itti fayyadaman isaatu wayyaaneef dhiheessa. Meeshaalee sagalee ittin waraaban mi’oota adda addaa waliin hojjachuun waajjiraa fi bakkoota adda addaatti ilmaan cunqurfamuu hiisisaa fi ajjeesisaa kan jiran isaanii . kanaafan Hojiin chaayinaa fi Rimmaa tokko jedhee. Chaayinaan haalaan nu miidhaa jirti.kana hubachiisuun dansaadhaa. Ameerikaa qofatti himuun ga’aa hin ta’uu. Chaayinaatti aanee kan wayyaanee goobsaa jiru , saa’uudii Allaamuddiin tajaajilamaa jirtuudhaa. Hindiinis akkasuma. Dantaa keenya ilaallee Ameerikaa fi chaayinaa gidduu taphachuunis karaa qabaa itti haa yaadinuu.
GALATOOMAA !!!
HORAA BULAA

Comments
Post a Comment