Mootummaa yeroof biyya alaatti ijaarrachuu (government in exile)

Mootummaa yeroof biyya alaatti ijaarrachuu (government in exile)

                                                          (Asnake T Erko irraa)
Mootummaa yeroof biyya alaatti ijaarrachuu (government in exile)
Dhimma kanarratti kitaaba Qabsoo Oromoo Eessaa Karam jedhu keessatti waggaa torba dura kanan barreesse haala yeroo ammaa kanaaf barbaachisaa ta'ee waan natti mul'ateef dubbisaa, irratti haa mari'annuu:
Mootummaa Biyya Alaatitti Ijaaruu (Government in Exile)
Oromoon yeroo ammaa abbaa biyyummaa argachuudhaf yeroo qabsoo godhu kanatti ijaarama ofii cimsuuf fi of qopheessuf akkasumas haala qabsoo saffisiisuf mootummaa biyya alaatitti (government in exile) dhaabun mala tokko ta’uu danda’a. Kunis biyyoonni mirgi isaanii sarbame hedduun mala itti fayyadamaa turaniifi jirani. Biyyoota ormaa kan mirgi isaanii waan dhiitameef biyya ofii keessatti mootummaa ijaarratanii biyya ofii bulchuu hindanda’in keessa:
- Burma- mootummaan abbaa irree waraanan biyya isaanii qabannaan motummaa biyya alaatti ijaaran.
- Tibet- biyyi isaanii biyya chaaynatiin waan qabamteef yeroo mormii biyya ofii argachuuf gochaa jiran kanatti mootummaa biyya ormaa keessatti ijaaranii sochii godhan. Dalai Lama hogganaa amantii ta’ullee mootummaa isaanii biyya alaatti bara 1992 dhaabee dhageettii guddaa argataa jira.
- Equatorial Guinea- dhaabni siyaasaa mormitootaa biyya alaatitti mootummaa ijaaree socho’a.
Egaan kanaan alatillee biyyoota mootummaa biyya alaatti ijaarratanii gaafa tokko biyya ofiitti deebi’anii biyya ofii bulchudhaf haala mijeeffachaa jiran keessa:
Abkhazia
Belarusia
Kabinda
Chechen
Serbian Kranjin keessatti argamu.
Akkataa dhaabolii siyaasaa ta’anii socho’uufi mootummaa biyya alaatitti ijaaruu jidduu garaa garummaan jiru, mootummaa biyya alaatti yoo ijaaran addunyaan kan nama fudhattu ta’uu baatus bu’aa hedduu qaba.
Bu’aawwan kana keessayis ijaarama caasaa biyyuumaa qabaachufii akka addunyaan akka biyyaatiitti nama dhageessuf hiree hedduu bana. Biyyoota ormaa yoo quunnamanis maqaa dhaaba siyaasaa tokkootin osoo hintaane maqaa biyya saniitin quunnamu jechuudha. Biyyi keenya ‘Biyya Gadaa Oromiyaa’ addunyaarratti beekkamaa deema. Kaartaan daangaa lafa keenyaa mul’achaa, dhagahamaa deema.
Mootummaan biyya alaatti ijaaramu (government in exile) waan hojjechuu danda’u keessaa:
• Waliigaltee biyyoota biraa waliin godhuu
• Seerafi heera biyyattii foyyessu
• Waraana ijaarrachuufi qabaachuu
• Biyyoota biraa waliin quunnamtii dipiloomaasii horachuu
• Waraqaa eenyummaa saba ofiitif kennuu
• Dhaabolii siyaasaa haaran akka ijaaraman hayyama kennuu
• Sirna dimokiraasiitin of ijaarufi caasaa horachuu
• Filannoo gaggeessuu
• Hoggantoota mootumichaa filachuudhaf filannoo bal’aa gaggeessuu danda’a [35].
Egaa kan asii olitti eeramanan kuni ijoo dubbiiti. Mootummaa biyya alaatti ijaarrachuun waan nu barbaachisuuf keessaa waraanni keenya sochii yoo godhu akka makaraarsitootaa osoo hintaane akka waraana biyya tokkootti akka laalamuf hiree qaba. Garee mormitootaa qofa osoo hintaane warra biyya qabu tokko jedhamuu argata.
Egaa gaafa biyyi teenya mirga ofii gonfatte haala amma keessa jirru kanaan walirratti olola oofaa biyya galuurra haala caasaa biyyummaa qabu tokkoo sirna keenya sirna dimokiraasii addunyaanuu irraa barattee ittiin bulaa jirtu sirna Gadaatin mootummaa ammumarraa ijaarree haala sirna qabu tokkoon falmii keenya karaa barbaachise maraan itti fufuutu caala. Mootummaa jennee biyya keenya yaamufi yaamsisuun waan baay’ee barbaachisaadha.
  • Kanaaf yeroo ammaa yeroo ummanni keenya biyya keessaa irree fi sagalee tokkoon ka’ee abdii biyya ofii gonfachuu argachaa jiru kanatti Mootummaa biyya alaa ijaarrannee ummata biyya keessaa tumsuun mala marii hinqabne. Dhaaboliin siyaasaa keenyas injifannoo argame anatu fide jedhanii wal saamurra sagalee tokkoo dhimma biyyaa kan itti waliif galame (plate form) tokko jalatti ijaaramanii biyya keenya harkaan gahachuufi akka addunyaan amantii nurratti qabaattun nu gargaara, Mee kanarratti haa mari’annu.

Comments