#OromoProtests Duula Diddaa Bittaa Gurgurtaa ilaalchisee xalayaa hogganoota mana hidhaa Qilinxoo irraa ergame.

(xalayaa hogganoota mana hidhaa Qilinxoo irraa ergame.)
DIINAGDEEN QAAMA QABSOO KEENYAATI.
Waggaan baranaa kun yoomiyyuu caalaa ilmaan keenya kan itti dhabane, kumaatamoonni kan itti hidhaman, hedduun as buuteen isaanii kan itti dhabame waan ta'eef lammiilee keenya kanneen yaadachuuf guyyoota gaddaa labsineef deebii ajaa'ibsiisaa kennitanii jirtu.Gocha kanaan diinni na'eera. Nutiifi sabni keenya boonneerra. Quuqamaafi jaalala ummata keessaniif jecha gatii guddaa kafaltanii deebii waamicha keenyaaf laattaniif kabaja isinii qabnuufii galata keenya isinii dhiheessuu barbaada Galatoomaa, ulfaadhaa.
Yoo waldhageenye, walitti birmannee, walbira dhaabbanne salphinni nurra jiru kun nurra hin bubbulu, bubbulus hin qabu. Tokkoon tokkoon qajjiisa funyoo morma keenyatti maramee jiru kukkunnee hanga bilisoomnutti waldhaga'uufii walbira dhaabbachuun keenya itti haa fufuu jechuudhaan waamicha biraa qabannee dhihaachuun dirqama nutti ta'ee jira.
Akkuma beektan har'as ajjeechan nurraa hin dhaabbanne, hidhaan itri fufee jira, Ambulaansonni deessotaaf kadhaan biyyoota alaa irraa argaman dargaggoota keenya akka allaattii butanii fiiguuf gandeen keenya keessa wal maruu itti fufanii jiru. Haati ilma deesse har'aas imimmaan ishee hin qoorre. Maqaan maastar pilaanii yoo ka'uu baateeyyuu har'aas ummata keenya lafa isaa irraa buqqisuun hin raawwanne.
Namoonni ilmaan keenya ajjeesan seeratti nuu haa dhihaatan jennee osoo gaafachaa jirruu dheengadda hagayya 16 Muummichi ministeeraa ifatti badhaafamanii jiru. Manni maree jiddu galeessa ADWUI hagayya 18 - 22 tti yaada yeroo irratti marii gaggeessen waa'ee daangaa Tigraayifii naannoo Amaaraa ilaalchisee hiika itti kennuuf murtii dabarsee jira. Karaa biraa garuu waggaa tokko guutuf nagaya dhabiinsaaf sababa kan ta'eefii wareegama lubbuu hedduu kan gaafate dhimmi maastar pilaanii daangaa waliin kan walitti qabate ta'uusaa osoo beekuu maqaallee osoon dhahin bira darbee jira.
Mata dureen kun osoo hin ka'in hafuunsaa yoo xiqqaate waan sadii nutti garsiisa.
Nutimmoo akkamiin simachuuf deemna? Waggaan itti deemnu kun waan haaraa nuufidee akka hin dhufne mallattoo isaa argaa jirra.
Uffata haaraa bitannee nyaata gaarii nyaannee dhugaatii gaarii dhugnee ergaa "baga geessee" walii dabarsinee bakka bashannanaa deemnee gammachuun dabarsuuf sababa hin qabnu. Haala kanaan yoo dabarsine fooniifii dhiiga ilmaan keenyaa akka soorannetti lakkaawama. Ummanni bilisummaa hin qabne wantoota akkanaa raawwachuun irraa fokkisa, nituffachiisaas. Tokko tokkoon qarshii harka keenyaa bahu eenyu harka gala? Maaliif oola laata? Naanna'ee naanna'ee rasaasa ilmaan keenya ittiin du'an bita, mana hidhaa isaan itti hidhaman ijaara, abbootii irree aangoo irra tursa, nuun ammoo bilisummaa keenya dheeressa.
Kanaaf diinagdeen qaama qabsoo keenyaa ta'uu qaba. Diinatti ulee kenninee na hin rukutin jennee kadhachuu dhaabuu qabna.
Wanti bilisummaa keenyaf hin taane qarshiin tokkolleen bahuu hin qabu, homaa nugochuu hin dandeessan jedhee mootummaa nutti dhaadatu waa gochuu akka dandeenyu yeroon itti agarsiisan amma ta'uu qaba. Karaa diinagdee malli ittiin mootummaa kanarra dhiibbaa gahan hedduutu jira. Ammatti kanneen armaan gadii hojirra akka oolchitaniif lafee ilmaan oromoo nuuf jecha wareegamaniin waamicha isinii dabarsina.
Lammileen keenya biyya alaa jiranis gara biyyaatti maallaqa wayta ergan filannoo birootti akka fayyadamaniif waamicha isaaniif goona.
Konkolaattota naannoo tokkoo gara naannoo birootti daangaa qaxxaamuranii deeman kanneen magaalattii gara baadiyyaatti ykn Baadiyyaatii gara Magaalatti Meeshaa fi nama deddeebisan, Baajaajotaa fi Taaksii qaammee 1-5 fayyadamuu dhiisuudhaan mana akka ooltan ykn lukaan deemuudhaan qooda akka fudhattan isin yaadachiisa. Konkolaachiftoonnii fi Abbootiin qabeenya konkolaattotas ummata keessaniif aantummaa akka agarsiiftan kabajaan waamicha isiniif dabarsina.
Akkuma hundumti keessan hubachuu dandeessan malli qabsoo nuti eegalle kun biyya kana keessatti baay'inaan hojirra kan oolee miti. Wareegama xixiqqaas kan nama baasisu ta'ee mul'achuu danda'a. Osoo uffata bitachuu danda'anii isuma duraan qaban qulqulleeffatanii yoo tarsa'es hodhatanii ittiin ayyaana oolun hin beekkamne. Waggaa haaraa ittoo lukkuu, Foon , dhugaatii malee simachuunis hin baratamne. Garuu jalqabamuu qaba. Wanti nurraa barbaadamu waan xiqqoodha, oftoo'achuu, fedhii ofii daangessuu, dhiibbaa aadaa fi ollaa jalaa bahuu, Qabsaa'aa kaayyoo qabu ta'uudha.
Mirga argachuuf wareegama kafaluun haaraa miti. Sabni aarsaa osoo hin baasin abbaa mirgaa ta'e hin jiru. Waggaa kana ummanni keenya tokko ta'ee seenaa hojjatee jira. Ammallee hanga cunqursaan nurraa kufutti malleen biroo heddutti fayyadamnee qabsoo keenya itti haa fufnuu. Har'aas borus diinagdeen qaama qabsoo keenyaa ta'ee itti fufa. Dhimma kana ummata hubachiisuuf dargaggoota irraa hedduutu eegama. Kan bilisummaa keenyaaf hin fayyadne qashii tokkollee hin baasnu!!
Hagayya 24 bara 2008
Qillinxoo

- 1ffaa, Ajjeechaan ummata keenya irratti raawwate sirrii ta'uu isaafii akka itti fufu murtaa'uu isaa agarsiisa.
- 2ffaa, ummanni kun humaa fiduu hin danda'u jedhamee tuffatamuu isaa mul'isa.
- 3ffaa, paartii biyya bitu sana keessa bakka bu'aan ummata oromoo kan hin jirre ta'uusaa agarsiisa. Eeyyee kan nuu falmu hin jiru.
Nutimmoo akkamiin simachuuf deemna? Waggaan itti deemnu kun waan haaraa nuufidee akka hin dhufne mallattoo isaa argaa jirra.
Uffata haaraa bitannee nyaata gaarii nyaannee dhugaatii gaarii dhugnee ergaa "baga geessee" walii dabarsinee bakka bashannanaa deemnee gammachuun dabarsuuf sababa hin qabnu. Haala kanaan yoo dabarsine fooniifii dhiiga ilmaan keenyaa akka soorannetti lakkaawama. Ummanni bilisummaa hin qabne wantoota akkanaa raawwachuun irraa fokkisa, nituffachiisaas. Tokko tokkoon qarshii harka keenyaa bahu eenyu harka gala? Maaliif oola laata? Naanna'ee naanna'ee rasaasa ilmaan keenya ittiin du'an bita, mana hidhaa isaan itti hidhaman ijaara, abbootii irree aangoo irra tursa, nuun ammoo bilisummaa keenya dheeressa.
Kanaaf diinagdeen qaama qabsoo keenyaa ta'uu qaba. Diinatti ulee kenninee na hin rukutin jennee kadhachuu dhaabuu qabna.
Wanti bilisummaa keenyaf hin taane qarshiin tokkolleen bahuu hin qabu, homaa nugochuu hin dandeessan jedhee mootummaa nutti dhaadatu waa gochuu akka dandeenyu yeroon itti agarsiisan amma ta'uu qaba. Karaa diinagdee malli ittiin mootummaa kanarra dhiibbaa gahan hedduutu jira. Ammatti kanneen armaan gadii hojirra akka oolchitaniif lafee ilmaan oromoo nuuf jecha wareegamaniin waamicha isinii dabarsina.
- 1, GABAA LAGACHUU.
- 2, ITIYOO TELEKOOMII LAGACHUU.
- 3, BAANKII DALDALA ITOOPHIYAA LAGACHUU.
Lammileen keenya biyya alaa jiranis gara biyyaatti maallaqa wayta ergan filannoo birootti akka fayyadamaniif waamicha isaaniif goona.
- 4, LOOTORII LAGACHUU.
- 5, GEEJJIBA LAGACHUU.
Konkolaattota naannoo tokkoo gara naannoo birootti daangaa qaxxaamuranii deeman kanneen magaalattii gara baadiyyaatti ykn Baadiyyaatii gara Magaalatti Meeshaa fi nama deddeebisan, Baajaajotaa fi Taaksii qaammee 1-5 fayyadamuu dhiisuudhaan mana akka ooltan ykn lukaan deemuudhaan qooda akka fudhattan isin yaadachiisa. Konkolaachiftoonnii fi Abbootiin qabeenya konkolaattotas ummata keessaniif aantummaa akka agarsiiftan kabajaan waamicha isiniif dabarsina.
Akkuma hundumti keessan hubachuu dandeessan malli qabsoo nuti eegalle kun biyya kana keessatti baay'inaan hojirra kan oolee miti. Wareegama xixiqqaas kan nama baasisu ta'ee mul'achuu danda'a. Osoo uffata bitachuu danda'anii isuma duraan qaban qulqulleeffatanii yoo tarsa'es hodhatanii ittiin ayyaana oolun hin beekkamne. Waggaa haaraa ittoo lukkuu, Foon , dhugaatii malee simachuunis hin baratamne. Garuu jalqabamuu qaba. Wanti nurraa barbaadamu waan xiqqoodha, oftoo'achuu, fedhii ofii daangessuu, dhiibbaa aadaa fi ollaa jalaa bahuu, Qabsaa'aa kaayyoo qabu ta'uudha.
Mirga argachuuf wareegama kafaluun haaraa miti. Sabni aarsaa osoo hin baasin abbaa mirgaa ta'e hin jiru. Waggaa kana ummanni keenya tokko ta'ee seenaa hojjatee jira. Ammallee hanga cunqursaan nurraa kufutti malleen biroo heddutti fayyadamnee qabsoo keenya itti haa fufnuu. Har'aas borus diinagdeen qaama qabsoo keenyaa ta'ee itti fufa. Dhimma kana ummata hubachiisuuf dargaggoota irraa hedduutu eegama. Kan bilisummaa keenyaaf hin fayyadne qashii tokkollee hin baasnu!!
Hagayya 24 bara 2008
Qillinxoo
Add caption |
Add caption |
Add caption |
Comments
Post a Comment