#OromoProtests Juneeydii Saadoo gara miidiyaatti as bahuun mariifi falmii jabaa tanee jira,
(Jawar Mohammad irraa)

Atakaaroon kun qalbii ummataa qabsoo irraa hamma tokko waan facaaasuuf gariin keenya yaaddayuun ni mul’ata. Yaaddoon kun naaf gala. Garuu mariifi falmiin kun har’a sababa Juneeydiitin haa ka’uu malee turus ummanni Oromoofi mooraan qabsoo isaa waanuma itti dhufuuf deemtuudha. Kunis ilmaan Oromoo OPDO keessatti aangoo qabatanii meeshaa diinaa ta’anii turaniifi ammas jiran akkam goona kan jedhuudha.
Mariin kun amumarraa eegaluun Qabsoon Oromoo boqonnaa siyaasaa cehuumsaa ( transitional politics) keessa seenuu isii agarsiisa. Jalabultii kufaatii sirna abbaa irreefi dhalachuu bilisummaatti biyya kamittuu dhimmi qondaalota sirna jiguuf deemu tajaajilaa turanii ajandaa mariifi falmii cimaa ta’a. Adaduma qabsoon tun jabaattuun Oromoota dhiisaati Tigroonnuu bidiruu mootummaa kufaa jiruu sanirraa utaaluun karaa ummataa ykn karaa baqaa filachuun waan hin oolle. Jara bidiruu diinaa irraa utaalu kana bidiruu qabsoo keenyaa yaabachiifna moo, bishaanuma gadi darbina? Gara mooraa qabsoo yoo finnee faaydaafi miidhaan jiru maali? Erga mootummaan kun kufee hoo qondaalota OPDO gandarraa hanga fedaraalaa jiran kana akkam goona? Jara Tigrootaa hoo? Ni adabna moo dhiifama goonaaf? Yoo adabaman warra sadarkaa kami irra jirutu adabama? Warra maal balleesse? Adabbii akkamii? Dhaddacha seeraa kamiin ( domestic or international)? Dhiifamni ( amnesty) yoo kan godhamuuf taate hoo sirna kamiin godhama? Warra isaan miidhan hoo gumaa akkamittu kafalamaaf? Eenyutu kafalaaf? Siyaasaa biyya teenyaa tan fuulduraa keessatti ni hirmaachifna moo taphaan ala taasifna? (Akka Wayyaaneen ESAPA goote.) OPDOn akka jaarmayaatti itti fufti moo ni diigna? Gaafileen kun hundi kan mariiifi falmiin ciccimtuun irratti godhamee deebiin ammumarraa qopheeffamaafi deemuu qabuudha.
Waan takko garuu ammumarraa ifa godhuun barbaachisaadha. Namni miseensa OPDO ta’ee sirna Wayyaanee tajaajile hundi yakka sirni sun raaw'ateef itti gaafatama. An gaafas hin beekne, hin dhageenye, aangoo dhugaa na harkaa hin jirtuun itti gaafatamummaa jalaa nama hin baasu ( Ignorance does not absolve one from responsibility). Qondaalonni kun yakka hojjatamaa tureefi jiru keessatti takkaa suduudaan hirmaatanii jiran; ykn osoo arganii itti dhiisan. Kanaaf balleessaa irraa of qulqulleessuu hin danda’an. Akka badii isaanii kanaaf itti adabaman garuu waan boru heeraafi seeraan murtaaye hojitti hiikamu ta’a. Har'a qondaalonni kun badii isaanii amananii dhiifama gaafachuun mirga isaaniiti. Dhiifama san namuu mata-matatti irra fudhachuufi dhiisuu danda’a. Garuu ummanni Oromoo waloon gaafii dhiifamaa irratti deebii kennuuf yeroon ammaa miti. Sirni kun erga kufee booda akkuma biyyoota biroo qaamni ( komishinii) yakka sirna abbaa irree keessatti raaw’atame qoratee, yakkamtoota irratti murtii adabbii (prosecute) ykn dhiifamaa ( amnesty) dabarsu dhaabbachuu qaba. Kanaaf ammo ogeeyyii seeraa dhimmaa transitional justice irratti barnoota guddaa horatan waan qabnuuf ammumarraa itti qophaayuu eegaluu qaban. Waa hundaafuu mariifi falmiin dhimma kanarratti godhamu itti fufuun hammeenya hin qabu; garuu miira tasgabbaa’een haa godhamu.
Comments
Post a Comment