Jawar Mohammed:Ija Kootin Yoon Ilaaluu

Jawar Mohammed Ija Kootin Yoon Ilaaluu 
         
                                            (Hiwi - Elona irraa)

Hordoftoota koo akkuman yaadattan dhimma Jawaar Muhaammad ilaalchisee ilaalcha mataa kootii akkan barreessu waadaa isiif galeen ture. Maarree akkuma waada seenetti ilaalcha mataa kootii akka asii gadiitti isiniif dhiyeesseera. Isinis kan itti amantan keessaa fudhattanii, kan itti hin amaniin immoo akka garaagarummaa ilaalchaa qofatti ilaalun bira dabartan, kanneen garmalee dhugaa irraa fagaatan yoo argitan immoo irraa akka na deebistan abdiin koo ol'aanadha.

Dhimma kanarratti barreessudhaaf wanti na kaakaase waan sadihi; tokkoffaan yaadota garagaraa yeroo garagaraatti dhimma Jawaar Muhaammad irratti ka'an irratti ilaalcha koos dabaluudha, inni lammaffaa immoo ija ololaatiin osoo hin ta'in ija saayinsaawaa ta'een gaheen inni qabsoo keenya keessatti qabu ija kamiin ilaalamuu akka qabu akeekudha, inni sadaffaan immoo hundi keenya akka lammii tokkootti akkaataa qabsoo keenya gama hundaan eegalle milkiidhaan ittiin goolabnu eerudha.
Akka hayyoonni/ ogeessonni saayinsii ( aartii) hoggansaa dubbatanitti, Hoggansa jechuun nama sammuu qaroo ( Sharp Mind), onnee cimaa ( Brave Heart), mul'ata tarsiimaawaa ( strategic vision), kutannoof murannoo, haasawa nama kakaasaafi kkf nama qabuudha. Kana jechuun hoggansi hawaasa gaggeessurraa sadarkaa tokkoof lama duratti ceeyee uummata isaa nama kallattii sirriidha jedhee itti amanetti nama geessudha. Dabalataanis hoggansi nama waan ofdura ta'uun malu har'umarraa tilmaamuu danda'u, kan tilmaamni isaa yeroo heddu dhugaatti dhiyaatudha. Kuni raaga osoo hin ta'in waan qabatamaan lafa jiru irraa ka'anii isa dhufu tilmaamudha. Hoggansi kana qofa miti. Hoggansi akkuma namootaa namootaa kallattii garaagaraatiin hiikamuu danda'a. Kanumaaf ogeesonni Hoggansaa hiika hedduufi garagara ta'e laatuf.
Kanaafuu nama nuuf hojjatu tokko ololuma qofa osoo hin ta'in madaalliilee kana bu'uureffannee raawwachuu qabna.
Dr. Mararaa Guddinaa kitaaba ''Seenaa Jireenya Kootii'' jedhu keessatti ' Guyyaa tokko Finfinnee keessatti dargaggoon qaroofi mul'ata guddaa qabu kan biyya Ameerikaa Naannoo Mineesootaatii dhufe tokko natti dhufee waa'ee Obboo Haylee Fidaafi Qabsaawota biroo waanan beeku akka itti himu na gaafatee ture. Yeroo dargaggoo qaroo akkasii sana argu abdiifi hawwiin saba koof qabu baay'ee dabale jedhee ture. Dargaggoon inni jedhu kuni Jawaar Muhaammadi. Dabalataanis namoonni hedduun biyya keessafii alaayis dandeettif qarooma isaa ilaalchisee waan heddu jedhaniiru, dhoksaanis, ifaan ifattis eebbisaniiru, Manguddoon Oromoo erga qaroo akka keetii saba keenyaaf quuqamee ganamaaf galgala hojjatuu osoo nabseen jirru arguun keenya akka waan Oromiyaan bilisa baateetti ilaalla jedhaniinii jiru.

Mee akkuma reefu jedhe Dargaggoo kana gahee inni taphataa jiru kallattiiwwan madaallii reefu ibserraa kaanee ilaalun barbaachisaadha. Mee Har'aaf kallattiiwwan madaallii keessaa Afran tokko qofa fudhannee haa ilaalluu.
  • 1. Mul'ata Qulqulluu Qabaachuu
  • Hamman ani beekutti dargaggoon kuni guyyaa tokkos dhimma uummata isaa ilaalchisee ejjannoo raakamaa oliif gadi hafarfamu nama qabuu miti. Kaayyof mul'atni isaa Oromiyaa Gabrummaa Jalaa bilisoomtee, ofiin of bulchitu uumudha. Qabsoon gaggeessaa jirus haqa qabeessafi kan mirga nama kamiyyuu hin sarbine ta'uu haala danda'u hundaan dubbateera. ' Dhugaa Qabna, Haqaaf Falmanna, Ni Moona' jechi jettu kan afaan isaatii hin buunefi kan hamilee guddaa namaaf kennitu ( the most inspirational) akka taate hundi keenyaa waanuma beeknu jedheen amana. Kana caala immoo qabsoon OromoFirst eessaafi akkamitti akka kaate waan nu jalaa dhokate natti hin fakkaatu.

  • 2. Dandeettii Haasawaa ( Communication Skills) Cimaa Qabaachuu.
  • Dhimma Uummata isaa irratti qaama kamiifuu yeroo haasawa laatu kaayyof mul'ata sabaa dabsee ( Compromise) godhee hin beeku. Haasawa isaa keessattis dhimmoota uummata keenya walfalmisiisan, al tokko tokko walitti buusaniif furmaata kennuu keessatti hammam shoora guddaa akka taphatu waanuma beeknu. Jawaar Muhammad yogguu haasa'u nama ilaalcha qajeelawaa ( positive attitude) qabuuf kan baay'ee nama gammachiisufi abdii uummattti horu ta'uu isaas ni wallaatu jedhee hin yaadu. Miidiyaalee Adduunyawoo ( International Medias) garagaraa irratti duulli inni uummata isaafi cunqurfamtoota birootiif gaggeesse kan akka laayyootti ilaalamuu miti.

  • 3. Commitment to Action
  • Mee daqiiqaa shan fudhadhaatoo haasawa Jawaar Muhaammadiifi dalagaalee inni raawwate walbiratti madaalaa. Dhugaa dubbachuudhaaf dhimmoota hedduu irratti oduuf olola kijibaa garaa uummata keenyaa waggoota hedduuf qaama birootiin guutamaa ture kan qabaneessee hafuura itti fure tokko isa jechuun ni danda'ama. Jawaar waan kana ni goona jedhee wanti inni hin godhin ( hamma humni isaa danda'uun) yoo jiraate teenyee mari'achuu dandeenya. Dhugaa dubbachuudhaaf waggootuma muraasa ofduuba deebinee taatowwan dabran yoo fudhanne maaltufi eenyu qabatamaan akka bu'aafi jijjiirama fidaa jiru ni hubanna jedheen amana.

  • 4. Inspiration ( Hamilee Uummata Isaatti Horuu)
Qabsoon Uummata Oromoo umrii Jawaar Muhaammadiin hin eegalle. Qabsoon osoo haadhaf abbaan isaa wal hin fuudhiniifi sana dura eegalamte. Qaamni qabsoo Oromoo kallattii itti godhee gaggeessaa ture har'as akkuma arginu haala arginu keessa jira. Kanneen kaleessa dabraniif yoomiyyuu kabajaaf jaalalli keenya guddaadha. Kan har'a jiran garuu galatni isaaniif galchinu ammallee kan yeroo eeggachaa jiruudha ( Its Pending up until they fulfill their promises). Kuni osoo kanaan jiru waggoota kurnan dabran keessatti qabsoon uummata keenyaa roga isaa gadi lakkisee, hamma uummanni keenya kanneen daggala jirra, siif birmachuuf geenyeerra jedhaanii turan irraa garaa kutatee jedhe keessatti jijjiiramni kallattii hundaan mul'ate hammam akka ta'e isinitti himuun waan barbaachisu natti hin fakkaatu. Namni mootummaan wayyaanee waggoota muraasa keesaatti sodaa irra dabree fincaan fixachuuf ni geessi jedhee namni yaade hin turre. Maandhen wayyaanen hamma ganda gandaa, mana manaatti ijaaratte guutumaan guututti ni fashalaaya jedhee namni eege hin turre. Kuni garuu waggoota muraasa keessatti seenaa ta'e. Seenaa gootummaa kana duuba immoo Qawweefi Kan Qawwee harka kootii qaba jedhu osoo hin ta'in dargaggoo Oromoo alaafi biyya keessaatitu jira. Dargaggoo kana qindeessee, qabsoon roga akka godhatu taasisuu keessatti gaheen Jawaar Muhaammad hammam akka ta'e dubbachuun waan na barbaachisu natti gin fakkaatu.

Maarree Osoo Kuni Kanaan Jiruu.Maalif Isarratti Duulun Barbaachise?!

Qomoowwan koo Adduunyaan tuni qabsoos qabsaayaas hedduu nu agarsiiftee jirti. Kan uummata ofiif qabsaaye hundi guutumaan guututti hin faarfamne, guutumaan guututtis hin jibbamne. Gariin namaa haqarratti hundaa'eet, bifa bilchina qabuun nama qeeqa gariin immoo caluma jedhee sababa tokkoon malee namatti danfa. Kuni har'as, borus ittuma fufa. Akka hayyuun tokko jedhe ' Yoo Qeeqamuu hin feene, Homaa hin hojjatin' jedha. Nama hojjatu carraan isa mudatu kanuma.


As biratti wanti tokko kan ani osoo hin bareeessin bira hin dabarre namoota/ garee Jawaarin garmalee qeeqan eenyudha jennee gaafachuun barbaachisaa ta'uu isaati. Inni waggaa hedduuf biyyaafan qabsaaya jedhee, uummatarraa sabbata hiikaa bayee qabsoo Oromoo tarkaanfii takkattii ofduratti siksuu hin dandeenye yogguu nama ( haa xinnaatus, haa guddatus) hafuura jijjiiramaa uummatatti argisiise qeequfi balaaleffatu arguun danuu nama qaanyessa. Osoo akka kootitii namoonni/ gareelen kunneen qaroo ofitti qabaniit tumsaan uummata isaaniif birmatu. Kana godhuu dadhabuun isaanii eddoo jiranitti gogdummaa ( rigidity) qabaachuu isaaanii mul'isa. Sammuu Bara Cee'umsaatiin rakkoo bara Qeerroo furuun tasumaa waan yadamuu miti. Kuni sammuu ' Windows Vistatin' kompiiyutara ammayyaawaa irratti sooftweeriilee ammayyaawoo fayyadamuuf akka yaaluti, tasuma waan ta'uu hin dandeenye.

Amantiifi Jibbaa?!


Tarii gariin namaa/ garee amantaa daheeffachuun olola ofuuf yaaluun ni mala, ittuma jiranis. As biratti wanti Oromoon kamuu tasuma irraanfachuu hin qabne galma qabsoo keenyaati. Qabsoon keenya amantii tokko ol qabnee, amantii kan biroo gadi qabuu miti. Oromiyaan nuti hawwinu nama amantii fedhe kamiifuu mirga laattu, kan dhagaatti amana jedhes ta'u mirga guutuu qabaatee akka amanu taasisuudha. Kanarraan kan hafe kaayyof galmi biraa natti hin mul'atu. Yoo hammuma firii xaafitia namni yaada akkanaa qabaatu jiraate miiliyeena 50 taaneet dura dhaabbanna. Period!!! Kanumaafuu ajandaa gadheefi fokkataa akkanaa namni xanxansu guutumaan guututti balaaleffatamuu qaba jedheen amana. Hamman ijjikoof sammuun koo ragaa bahutti guyyaa tokkos Jawar gama kanaan ilalcha badaa qaba yaada jedhu hin qabu, qabatamaanis irratti hin argine. Hundi keenyaa namoota kallattii kanaan qaawwa banuu barbaadaniirratti duula ofduuuba deebi'iinsa hin qabne akka gaggeessinu amaanaan isinitti dhaamadha.


OMNfi Abbaa Irrummaa?!


OMNn ijaafi gurra uummata Oromooti. Kuni ta'uuf immoo hammam akka fudhate waan nu jalaa dhokatee moti. Akka Hogganaa miidiyaa kanaatti wantoota Jawaar hojjatu irratti walii galuu dhabuun keenya ni mala. Ta'us garuu bu'aa miidiyaan kuni Uummata keenyaaf fidaa jiru waan waakkannu natti hin fakkaatu. As biratti namni garaagarummaa yaadaa qabaatus eddoon kuni kan beekkumsa, muuxannoofi obsa guddaa gaafatu akka ta'e irraanfachuun nu hin barbaachisu. As keessatti tarii namoonni hojii isaanii irraa dhaabsifaman jiraachun ni mala. Siyaasni waan baay'ee of eeggannoo cimaa gaafatu, eennu, yoomifi qaawwa kamiin si keessa seenee akka waan uummata kee miidhu beekuun rakkisaadha. Gama biraan akka hoggansa tokkootti dadhabbina argitu kallattii seera qabeessa ta'een sirreesun dirqama sirra jiru. Hojjatootuma kees hojii irraa yoo dhaabsiste biyya Ameerikaatti waan akka guddaatti ilaalamuu miti ~ Kana nama keenya Ameerikaa jiru gaafachuun gahaadha.


Alagaa Waliin Hojjachuu?!


Qeeqa irra deddeebi'ee ani Jawaarirratti dhaga'u keessaa inni tokko Diina waliin hojjachuudha. Akka namoota/ garee qeeqa kana dhiyeessaniiti Jawaar OPDO waliin hojjata jedhama. Akka dhuunfaa kootti qeeqni kuni badi qaba jedhee hin yaadu. Garuu immoo gareen kuni mee Jawaar waan akkam waliin hojjata jedhanii yaaduu dhabuun isaanii xinnoo natti dhagahama. As biratti dhiifama naa godhaatoo waan tokko jechuun barbaada; OPDO keessa namootni miseensummaannjşran hundi harka dhibbaa dhibbatti uummata Oromootiif quuqama hin qaban jechuun sirrii natti hin fakkaatu. Kan keesson isaa ganamaaf galgala boba'u hedduudha. Kanaafuu qaawwa argametti fayyadamuun odeeffannoo alaga harkaan ga'achuun qaroominaaf bilchina malee dogongora natti hin fakkaatu. Gama birootiin as biratti jecha Kabajamoo Obboo Neelsan Maandeellaa tokko isin yaadachiisuun barbaada. Maandeellaan akkas jedhan ' Yeroo Tokko Tokko Galma kee dhugoomauudhaaf diina wajiinis hojjachuu qabda'. Maandeellan waggaa 27 hidhamee yeroo gadi lakkifamuuf jedhe dhimma biyyaafii uummata isaa irratti namootuma walakkaa umrii isaa mana hidhaatti akka dararaan dabarsu itti murteessan waliin gadi taa'ee ture kan Afrikaa Kibbaa har'a namoota hedduuf abdii taate tana kan ijaare. Kanaafuu, diina waliin hojjachuu dhabuu osoo hin ta'in akkaataa diina waliin ittiin hojjatanii bu'aa argamsiisun ittiin danda'amurratti hojjachuutu irra faaydaa qabeessa.


Walumaagalatti qabsoo uummanni keenya gaggeessaa jiru keessatti gaheen Jawaar Muhaammad baay'ee ol'aanaadha. Uummanni keenya qabsoon isaa gufatee akka hin hafne shoorri isaafi qeerrowwan akka isaa qaban guddaadha. Haa ta'u garuu waan raawwatu hunda keessatti inni akka Maleeykaa Waaqaa qulqulluudha ilaalcha jedhu hin qabu. Innis namuma akka keenyati, saba isaaf quuqama qabu carraa argatetti fayyadamee tajaajiluuf malee sammuu dalagaa biroo keessa ittiin seenee waan fedha isaa ittiin argatu nama dhabee miti. Yeroo nuuf dalagu, nu mufachiisun, nu aarsun yookin kanarraa dabree nu gaddisiisun ni mala. Nutis gama keenyaan kaan obsaan, kaan gorsaan bira dabruun akka nu barbaachisu tasumaa irraanfachuu hin qabnu. Waan kamiyyuu caalaa olola osoo hin ta'in hojii qabatamaatitu namarraa dubbata, hamma dandeessaniin ololaan masakamtanii daandii fuggisoo irra akka hin dhaabbanne amaanaa isinitti dhaamachuun barbaada. Akka kabajamoo Obboo Bulchaa Dammaksaa kitaaba seenaa jireenya isaanii ' My Life and My Vison for Ethiopia and the Oromo people' jedhu keewwata goolabaa irratti dubbatanitti ' United We Stand, Divided We Fall' ~ Yoo qaawwa jidduu keenyatti ofitti saaqne/ banne walqabanneet hallayyaa buuna, yoo waliif dandeenyee, waliif obsinee, wal tumsine milkoofna!
United We Stand
Divided We Fai

Comments