Kutaa 2ffaa gaaffii deebii 'jaarsa keenya' sanaa caqaseetin jira.
(Yaya Beshir irraa)
Haasawa isaa kutaa kanaa keessaa wanni akkaan jala muramuu qabu waanuma dheengadda gama maayyii irratti jenne sani. Obbo Isaayaas as keessatti dubbii kijibaa takka kan namni irraa eegaa ture osoo hin taane dhugaadhuma jirtu lafa kaaye. Qabsoon ummanni Oromoo yeroo as kaluu kana keessa godhe bifa sunaamiitiin kan ibsamu tahuu ragaa bahe. Dhugaan inni ragaa bahe guddichi kana caalu garuu waan armaan gadii kana.
Akkuma beekamu waggoottan 20tti dhihaataniif qabsoon Oromoo akka biyya sana irraa gargaarsa mootummichaatiin hogganamaa yoona gahetti himatamaa bahe. Pirezidaantichis kana irratti yeroo baay'ee gaaffii ala irraa dhihaatuuf yeroo deebisu gargaarsa kana godhaa jiraachuu yeroo itti haale hin qabu. Akka ABOn waajjirri isaa haadhoon Asmaraa jiruu fi ABO waliin hariiroo bara dheeraa qabamu mootummaan isaas ABOnis dhoksanii hin beekanu. Kun baroota dheeraaf dhugaa hin haalamne tahu illee, waggoota as kaluu kana eega dhaabichi bakka meeqatti caccabee wal dadhabsiisee booda dhugaan jiru jijjiirameera.
Qabsoon Oromoo guddichi yeroo dhihoo sun dhaaba Oromoo Asmaraa jiruun hogganame moo humna biraatiin gaaffiin jedhu irra deddeebi'ee ka'ee namoota wal falamsiisaa yoona gahe. Kana irratti gurmuun siyaasaa Oromoo Asmaraa jiru wayta deebii kennu ''Eeeyyee qabsicha kan hogganaa jiru anuma, fincila ummata Oromoo yeroo as dhihoo san natu hogganaa bahe'' jechuudhaan gad jabeessee irra deddeebi'ee himachuu isaa gurra keessaa qabna. Kana irratti hawaasa Oromoo gidduutti hubannootn lama uumamanii turan. Hubannoon inni tokko, qabsoon ummanni keenya bal'inaan godhee sirna sana raase dhaaba siyaasaa kamiinuu kan hogganame miti, ummatichumatu ofumaan of kaasee sadarkaa kanatti diina raase kan jedhuu dha. Warri kana jedhu osoo Oromoon dhaaba siyaasaa hanga maqaa isaa gahu qabaatee kana caalaa ummanni keenya seenaa hojjetee ifatti baha ture jechuun falma. Hubannoon lammaffaa ammoo ABO isa Asmaraatu hoggansa kana kenne kan jedhu ture.
Har'a garuu mataan mootummaa kan gurmuu siyaasaa Oromoo sana biyya ofii keessa qubsiisee argamu (Obbo Isaayaas) dubbii dhugaan isa kam akka tahe ragaa bahe. Qabsichi kan ummanni Oromoo mataan isaa ofiin geggeeffate malee kan dhaabni siyaasaa kamuu maqaa itti fudhatu akka hin tahin jala muree dubbate. Inumaa, akka mootummaa Eertiraatti, kan dhaabicha Oromoo ''qabsicha anatu hoggane'' jedhu san of keessa qubsiisee jirutti, ofiifuu maqaa itti fudhachuu mala jedhamee tilmaamama ture. Eeega gurmuun siyaasaa Oromoo biyya san jiru ''anatu hoggane'' kan jedhu tahee Isaayaas illee 'nutis qooda keessa qabna, dhaaba qabsicha hoggane san waan dandeenyuun gargaaraa baane' jedhee maqaa itti fudhachuuf yaaluu danda'a ture. Inni garuu 'Osoon sochii ummataa sunaamii sana keessaa qooda qabaadhee hawwii koo ture, garuu qooda keessaa hin qabu, kan qooda qabu ummaticha mataa isaa qofa' jedhee dhugaa walitti nu araarsuu qabu dubbate.
Wanni an haasaa Isaayaas kana irraa hubadhe waan tokko. Madaalli qabsoo Oromoo gara kam akka jirtu hubatee jira. Gurmuu siyaasaa Oromoo biyya ofii keessa qubsiisee qabu caalaa humna Oromoo seenaa hojjetaa jirutti amanee jira. Humna sanaaf beekkamtii kennuun dirqama akka tahe hubatee jira. OMN irratti dhihaachuuf murteessuun isaas kanumaan wal qabata. Waanuma warri Dhihaa godhu godhe Isaayaas. Warri dhihaa hanga ummanni jaaramee hin ka'initti abbootii irree maqaa ummata saniitiin nagadanii waliin shubbisu. Eega ummanni jabaatee ka'ee humna ittiin jijjiirama fidu kan mataa ofii itti agarsiisee booda garuu abbootii irree dhiisanii ummata san waliin dhaabatu. Kanaaf jecha kijiba fagoo nama hin deemsifne saniif tumsa gochuu dhiisee dhugaa jirtu ragaa bahe jedheen amana.
Comments
Post a Comment