ABCDn hin jijjiiramne jedhanii falmii gogaa dhiyeessuun akkuma sirrii hin taane,ABCD deebisuufis mormiifi waan biroo waamuun furmaata waaraa hin fidu
ABCDn hin jijjiiramne jedhanii falmii gogaa dhiyeessuun akkuma sirrii hin taane,ABCD deebisuufis mormiifi waan biroo waamuun furmaata waaraa hin fidu.
(Dr Milkeessaa Miidhagaa)
#ABCDn hin jijjiiramne jedhanii falmii gogaa dhiyeessuun akkuma sirrii hin taane,#ABCD deebisuufis mormiifi waan biroo waamuun furmaata waaraa hin fidu. Dhimmi barnootaa dhimma mariifi ogummaa gaafata. Yoo arbi lama walmiccire kan miidhamu marga jedhama.
*Tartiibni Qubee jijjiiramera. Kana irratti falmiin hin barbaachisu, kitaaba ilaaluu qofa gaafata. Mala barsiisuutu jijjiirame warri jedhan, malli barsiisuu kitaaba qajeelcha barsiisaa irra taa'a, kitaaba barataa irra mala barachuutu taa'aa. Qajeelcha barsiisaa agartaniittuu warri utuu hin hubatiin akka ejjennootti methodology jettan.
- Mee seenaa kitaabilee Afaan Oromoo gabaabsinee wal haa yaadachiifne.
- Barnoonni Afaan Oromoo qajeeloon kan baratame waggaa kurnan gara jalqabaa qofa, hanga bara 1994. Sana booda, barsiisonni Afaan Oromoo mana hidhaattii guuramuu jalqabani. Afaan Oromoo barsiisuun gaaffii tokko malee maqaa farreen nageenyaa namaa kennisiise. Mammaaksa Oromoo kitaaba barataa irra jiru dareetti kutaa 9ffaa nu barsiisee baheetu barsiisaan Afaan Oromoo koo hidhame.
- Maqaa farreen nageenyaa barnoota keessaa baafna jedhuun humni tokko caasaa BBO fi manneen barnootaa qabate, ilaalcha farra-Oromummaa qabatee keessattis of ijaaree, kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 1-12ffaa keessaa foolii Oromoofi Oromummaa haxaayee baase garaagarummaa waggaa 15 keessatti. Gareen caasaa barnootaa keenya qabate kun bara itti dhufan, maaliif akka dhufan ni beeku. Bara sanaa kaasee hooggansi BBO hanga aanaafi mana barnootaatti waan ta'e ragaa qabatamaatu jira.
- Kitaabni Afaan Oromoo yeroo tokko jijjiirameetu semisteerri tokko qofti kan ittiin barsiifamee, uummata dadammaqsa jechuun hojiirraa ka'e.
- Dhugaa dubbachuuf waa'ee Oromummaa kan baranne kitaaba Afaan Oromootiini malee barnoota biraatiin miti. Waa'ee tokkummaa (akkaataa itti sangoonni bifa garaagaraa qaban sadan qoqqoodee tokko tokkoon waraabessi akkamitti akka nyaate), waa'ee gootummaa Abiishee Garbaa, Taaddasaa Birruu, Waa'ee Daraartuu Tulluu, waa'ee Dirree Abbaa Muudaa, Moggaasa Maqaa, Waaqeffannaa ganamaa, Qubsuma Lafa Oromoo, Sirna Gadaa, Ayyaanota (ayyaana ijoollee, ayyaana loonii, ayyaana dubartootaa, ayyaana dhiirotaa, kkf), lageen Oromiyaa, gaarren Oromiyaa, bosinaa fi bineensa Oromiyaa, jiruufi jireenya, Nyaata Aadaa, seerluga, waamee hin xummuru. Kitaaba Afaan Oromoo dhiisaatii kitaabni Afaan Amaaraa nuti kutaa 5-10 ittiin baranne dubbisni jiru hunduu waa'ee Oromoofi Oromummaati. የጀርጀርቱ ወንዝ, ጉዞ ወደ ፊንፊኔ fa'a ijoolleen barakoo ittiin barattan ni yaadattu. Kuni hunduu tokko tokkoon badani. Waa'een Oromummaa farra nageenyaa ta'eetu keessaa gulaalamee dhume.
Faaruu biqilootaa:
Biqilootiin qabuu faayidaa faayidaa
Nuufis kennuu bu'aa addaa addaa...
Faaruu Oromiyaa (kutaa 1, 2):
Oromiyaa(x2) biyyakoo biyya abbaakoo suma jireenyi koo
Yaa Arsiifi Baalee
.....Oromiyaa....
Jibaatiif Wanbaraa
......Oromiyaa....
Salaaleef Karrayyuu
.......Oromiyaa.....
Jimma Abbaa Jifaar
....akkas jennee Oromiyaa mara waliin geenya.
Barsiisaa muuziqaa koos yaadadhe: Yoo dirreetti gadi nu yaasu akkas jenna:
Barsiisaa muuziqaa keenya
Muuziqaa barachuu ni feenaa
Kutaa 3ffaa faaruu Oromiyaa:
Oromiyaa yaa biyyakoo
----yaa biyyakoo.----
Siifan dhangalaasa dhiigakoo.
Yaa jaalala yeroo sana barumsaaf, barsiisaafis qabnuu. Yaa beekumsa barsiisota bara sanaa. Semisteera tokkoffaa kutaa 1ffaattii barreessuufi dubbisuu eegalle. Waldorgommiin barataa gidduu ture ajaa'iba ture.
Kuni hunduu seenaa ta'e, Oromummaan barumsaa keessaa gulaalameetu qulqullinni barnootaa kufe. Quuqama qubee Afaan Oromoof namni qabu, waan jedhamu, eessa akka geeffamu ni yaadattu hundi keessanuu. Sirni barnootaa Oromiyaa warra Oromummaan dhiphummaadha jedhan harka gale. Abdiin nuti Qubee irratti horanne hunduu seenaa fi hawwiitti jijjiirame.
***Qulqullina barnootaa furra jechuudhanii methodology ittiin qubee lakkoofsifnu jijjiirre jechuun "L" irraa kaasani asbahani amma immoo. Torbee tokkoffaa L barsiisu, torbee lammaffaa A, torbee sadaffaa G, itti fufa. Qubeen hangi tokko immoo kutaa 2ffaatti achi akka ce'e ilaaltaniittuu. Yoo hin ilaalle ta'e, ilaalaa. Barataan tokko qubee lakkaa'uuf waggaa lama itti fudhata haala ammaatiin egaa. Kuni waan raajiidha.
- Qorannoon kutaa 2ffaa fi kutaa 3ffaa irratti godhame akkamitti kutaa 1ffaaf furmaata ta'a? Waan raajii.
- Ministeerri Barnootaa heeraafi imaammata biyyaa cabseetu kitaaba kutaa 1ffaa nuuf qopheesse. Back to unitary system. Daba guddaaadha.
- Kitaaba barataa Afaan Oromoo keenya deebifnee ni Oromeeffanna. #ABCD keenyas ni deebifanna. Kanaafis, mormiifi waan biroo waamuun hin barbaachisu, sirriis mitቲi. Hooggansi BBO fi kan biroos hubannoo dhabuun ykn ergama farra-Qubee fudhachuun wajagus LAGIM fi barnoota duudha maleessa ta'e kana nutti hambisuuf dandeettiis, beekumsas, haamlees hin qabani. Dubbii Afaan keenyaa irratti gara hin malletti harkisuun sirrii miti. #ABCDn deebi'uuf waan adeemsa irra jirudha.
Comments
Post a Comment