BITIIF GURGURII LAGACHUUN HUMNA DIINA CABSUU NU DANDEESSISA
(Barruu duula lagannaa bitiif gurgurii irratti qophaa’e)
(Saphaloo Kadiir irraa)
Dhimmi bitiif gurgurii lagachuu kun sadarkaafi dhawaataa danuu qaba. Tooftaan lagannaa bitiif gurgurii adeemsifamu bifa saayinsaawaan lagannaa sadarkaa duraafi lameessoo (primary & secondary boycott) jedhamuun bakka lamatti qoodama. Kan amma irraa dubbannu kun lagannaa bitiif gurgurii oomishtootaa fi daldaltoota sadarkaa jalqabaa (primary Boycott) irratti xiyyeeffata. Kan sadarkaa lammeessoo bulfannee arraaf lagannaa gabaa sadarkaa jalqabaa gaggeessuun kun faaydaa argamsiisuu danda’u keessaa muraasni:-
1) Siyaas-diinagdee wayyaanee laamsheesa:
Sababni guddaan oromoon oomishuu malee irraa gammaddee hin beekneef tarsiimoo misoomaaf mootummaan wayyaanee baase kanaatu akka oromoon barayyu diinagdeen gad caphuu malee taakkuu takka ol hin siqnetti wixineeffamee jira. Wayyaaneen yaad rimee dinagidee "zero sum game economic theory" karoorse waggoota 25 keessatti dhawaatan hojiirra olaa dhufee waytii amma humna dinagidee saba Tigree cimisee jira.
Yaadni kun oromoo, sabaafi ummataa biraa dhaawaatan hiyyoomsee sanyii Tigree duroomisuuf kan kaayyeefate tahuu isaa fakkeenyi ijoon, warshaalee gurguddoon Tigraay keessatti hundeefamanii jiraachuu dha. Daandiin baaburaa Maqalee - Kombolchaan naanna'ee gara Jibuutiitti fullaa'uus kanaaf ragaadha.
Oromoon lafasaarra ari'amee hiyyummaa hamaa keessa seenee waardiyaa ta'ee biyya abbaa isaa keessatti akka saree mooraa alagaa eegaa jira. Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mirga isaa gaafannaan, amma booda lafa tiyya irraa hin buqqa’u jedhee dinnaan wayyaaneen qawwee diinagdee keenyaan horattetti fayyadamuun yakka duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jirti. Kanaaf duula lagannaa bitiif gurgurii guutuu Oromiyaa keessatti torbaan tokkoof walitti aansinee gabaa lagachuun diinagdee wayyaaneen murruq nuun godhaa jirtuufi humna ittiin ummata cunqursu kana laamshessuun ol’aantummaa diinagdee ummanni Tigree nurratti qabaachuuf wixifatan kana hidha kutuuf nu fayyada. Kun faaydaa guddaafi ijoodha.
2) Qabeenya Keenya Irratti nu Abboomsa:
Mootummaan wayyaanee tooftaa addaa baafatee Oromoo malaan quncisaa jiru keessaa beekkamaan maqaa diinagdee gabaa bilisaa ijaaruu jedhu qabatee “Eenyulleen Oomisha isaa bakka barbaaddetti, gatii barbaadeen gurgurachuu mirga qaba” jedhee kijiba. Hanga arraa garuu wanti qabatamaan arginu faallaa dha. Qotee bulaan Oromoo oomishuma humna isaatiin bututee lafa isaarraa oomishatu magaalaa isatti aantu geessee gurgurachuu hin danda’u. Sababniis, ashuuraaf qaraxa humna isaaniin wal hin gitne dirqamaan kafalchiisuun akka inni gabatti waa gurgurachuu jibbu godhee, akka isaan hin kaanetti gombisaa jira. Oromoon dur irraa hanga arraa oomishuu malee irraa fayyadamee hin beeku. Oromoon harree damma itti fe’an tahee yeroo mara hiyyummaa keessatti maraammartoo akka dhawatu kan godhe tooftaa wayyaanee daran nutiis tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dhabuu keenya. Gatii gurgurtaa oomisha biyya keenya keessatti kan gurguratu osoo hin tahin warra bitu qofaatu murteessuuf aangoo qaba. Silaa gurguratuutu gatii oomisha isaa murteeffachuu qaba malee warri bitu akkuma barbaadutti murteessuu hin qaban ture.
Fakkeenyaaf; Oomisha kuduraaf muduraa, jimaafi kkf biyyoota ollaa akka soomaaliyaafi Jibuutiif kan dhiheessu adda durummaan qotee bulaa Harargeeti. Soomaaleen magaalaa Awwadaay, Kombolchaa, Haroomaayaafi Dirre Dhawaa keessa dhuftee jimaa, kuduraafi muduraa qotee bulaa keenya irraa bitu daldaltoota keenya muraasa waliiniis wal tahuun gatii oomisha isaanii gad cabsee akka fedhetti irraa bita. Kana akka hin murteeffanne wanti nu godhe immoo nuti qabeenya keenya irratti abboomuu dadhabuu keenya. Qotee bulaan Oromoo gatii oomisha isaa hanga barbaadetti akka shalagatee gurguratuuf carraa bal’aa uumaaf, oomisha keenya irratti abbaa aangoo tahuun murteessummaa nama tokkootiin alatti ofiif taligachuu kan dandeesisu, humnaafi dandeetti murree murteeffachuu akka horannuufi barannuuf kan nu tinnisu oomisha keenya guyyoota muraasaaf gurguruu diduudha. Uggurri bitiif gurgurii kun qabeenya keenya irratti tooftaa salphaan akka abbaa taanu karaa nuuf banuufi qotee bulaan keenyaas oomishaisaa itti laffa’ee, itti luqqa’ee oomishu gatii barbaadetti gurgurachuu akka danda’u taasisa.
3) Gatii oomishoota madaalawaan akka jiraatu taasisa:
Akkuma agarruufi dhageenyu ummanni biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa jiraatu harki caalaan duugda Oromiyaa irratti harka Oromootiin jiraata. Tahuus garuu Oromoon oomishee gatii salphaafi baayyee xiqqaa taheen callaa isaa gurgurachuuf dirqamaa ture. Sangaa gabbisuu malee takkaa irraa gammadeefi irraa gabbatee hin beeku Oromoon. Osoo bifa ogummaawaan shalagamee qotiyyoo tokko gabbisuuf baasiin itti baafamuufi gatiin inni itti gurguramu wal hin caalu. Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qotee bulaa bututee oomishatu irra warra dallaala tahee baasiifi darara tokko malee oomisha qonnaan bulaa kana gurguruutu arra dachaa meeqaan duroomaa jira. Warri kana godhan immoo warra Oromiyaa alaa dhufan kan lafa hin qabneedha. Dallaalli tokko qabeenya oomishataa tokko warra bitu waliin wal dubbatee yoo gurguru waan herreegatu qaba. Hojii bittuufi gurgurtuu wal qunnamsiisuu qofaan yeroo gabaabaa booda qabeenya horatee lafuma qotee bulaa keenya irraa bituun ykn kireessuun akka inni lafuma isaa irratti hojii humnaa (kuulii) hojjatee, waardiyaa tahee jiraataniif dirqisiisaa jira.
Gama tokkoon qotee bulaan sangaa tokko waggaa guutuu gabbisee gabaa baasee yoo gurgure daara ijoollee lamaatti guyyuma san magaalatti fixee gala. Sababniis oomishni warshaa irraa bahuufi kan qotee bulaan keenya oomishatu gatiin isaa dachiif samiidha. Kun tahuun wanti lafaa bahuufi warshaa irraa bahu gatiin isaa wal qixaataa tahuu qaba jechuu osoo hin taane gatii walitti siqaa tahuutu irra jira jechuu kooti. Walitti maluu dhabuu gatiilee Oomishaa kanaatu osoo abbaan lafaa mana citaa hin jijjiirranne kan midhaan daldalu gamoo wal irratti ijaaruu jalqaba. Osoo abbaan itti luqqa’ee sangaa gabbise gurguru kophee hin bitanne warri gogaa daldaluufi qotiyyoo isaa bitee qalee foon gurguru konkolaataa akka hoolaatti tarree galchee mooraa keessa dhaaba. Sirna dhabiinsaafi wal madaaluu dhabuu gatii oomishootaa irraa kan uumee dha. Kanaaf ummanni keenya guyyoota jedhame kana waan tokko gabaa baasuu dhiisuun san booda gatii barbaadetti murteeffatee oomisha isaa gurgurachuu isa dandeessisa.
4) Gateetiin Diinagdee biyyattii baadhatee jiru Oromiyaa ta’uu mirkaneessa.
Oromoon seenaa biyyattii keessatti abbaa dachii badhaatuufi bal’oo tahee osoo jiruu bara baraan, sirna dhufaa dabraa keessatti guyyaa tokko qabeenyaafi oomishaa isaa irraa gammadee hin beeku. Eega gaafa Minilik afaan qawweetiin gabroome sabni Oromoo qotee oomishuun alagaa sooraa,, loon gabbisu ambaatu qalata, waan qabu biraa hoonga’ee, beela’ee kabajaas dhabee jiraachaa jira. Namni qabeenya isaa irratti muree murteeffachuu hin dandeenye hiyyeessa, hiyyeessi immoo hin kabajamu. Yeroo mara wanti harmeen teenya haadha qoraanii, abbaan keenya abbaa re’ee, abbaa hoolaa jedhamee yaamamuuf, osoo nama ta’ee jiruu wanti namummaa dhabee jiraatuuf waan qabeenya isaa kan bututee oomishatu irraa milkaa’uu dadhabeefi. Oromiyaan gateetii diinagdee Itoophiyaa taatee osoo jirtuu Oromoon immoo gad aantummaafi gadadoon biyya isaa keessa jiraataa jira. Kuniis haala lamaan mirkaneessuu dandeenya. Tokko oomisha ofiif oomishatu irraa mlkaa’uu dadhabuu isaa yoo kaan immoo galiin mootummaa harki caalu Oromiyaa tahee osoo jiruu baajanni mootummaan Oromiyaaf ramadu immoo kan naannoolee biraa waliin reeshiyoon yoo laalamu gar malee xiqqaadha, kan nama qaanfachiisu. Diinagdee biyyattii baadhatee kan deemu Oromiyaa tahee osoo jiruu kabaaf kabajaa dhabuun nu fixaa jiraachuun wayyaanee kun nuuf mirkaneessa. Kanaaf, Oromoon yoo guyyuma tokko oomisha isaa gabaa baasu kana waliif galee kan lagatu tahee gateetiin diinagdee biyyattii Oromoo tahuun hubatamee kabajaan isaan malu laatamaaf. Oromoon dafqa xuruurfatee beela’aa oomishee akka ummanni biyyattii quufanii bulu taasisaa jiraachuu mirkaneessuun kabajaafi ulfina isaan maluus argata.
5) Adeemsa daldala Tigree gufachiisa.
Sadarkaa biyyaatti keessatti daldaltoonni jiran kan saba biraati. Ilmaan Oromoo immoo daldala yaraafi sadarkaa gadii qofarratti malee daldala ol’aanaa irratti hirmaachaa hin jiran. Dhuguma dubbachuuf oromoon ammallee karameellaa ijoollee qofa gurguraa jira. Kolkolee gati dhabeessa magaalaa xixiqqoo qofa keessatti hirmaachaa jira. Magaalaa gurguddoo keessatti daldala gurguddaafi murteessaa irratti hirmaachuuf Oromoon hayyaama hin argatu. Kanaaf ragaan guddaan abboottii qabeenyaa Finfinnee keessa jiraniifi warri oomisha biyya keessaa alatti erguufi biyya gamaatii fichisiisuu (inporter and exporter) keessa meeqa Oromoo akka tahan eenyulleen tilmaamuu danda’a. Irra baayyeen saba biraa tahanillee immoo hangafoonni saba Tigreeti. Saniifuu immoo aanga’ootaafi qabsaa’oota warra Tigraay akka tahe beekkamaadha. Oomisha biyya keessaa albuda irraa hanga barbareefi biddeenaatti, kan biyya gamaati seensisan immoo motoora gurguddaa irraa lilmeetti kan galchu isaani.
Gama biraatiin abboottiin qabeenyaa saba biraa tahan oomishoota biyya alaatii seera qabeessaan gara biyya keessaa galchan akka hin milkooyneef ilmaan Tigree guutuun daldala ‘kotorobaandii’ irratti hirmaatanii hojjachaa jiran. Ilmaan Oromoo daldala kotorobaandii hojjatan immoo qabeenya saamamanii harka duwwaa galu. Saba biraa kan tahan kanneen gama seera qabeessaan meeshaa alaa fidu irra baayyeen kasaaree harka dhadhawatee hojii daldalaa keessaa baafamanii jiran. Gama kaaniin immoo oomisha qonnaan bulaa irraa gatii salphaan argachuuf daldaltoota xixiqqaa maqaa maammilummaatiin hanga baadiyyaatti caaseeffamaan diriirfatanii oomisha qonnaan bulaa keenyaa saamsisuun gara alaatti warri ergu Tigreedha. Warri ummata keenya cunqursee gatii xiqqaan oomisha qonnaan bulaa irraa bitu immoo namuma keenya kan osoo dilas hin fayyadamne ummataaf aantummaa hin qabnee dha. Kanaaf daldaltoota faaydaa Tigreef ummata keenya sancaraa jiru addaan baafachuuf, warra dantaa garaatiif sabaaf dantaa hin qabneefi aantummaa dhugaa ummataaf qaban tooftaa gabaa lagachuu kanaan addaa calalachuufi gulaaluun ni danda’ama. San booda warra diina cinaa dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhachuuf nu fayyada.
6) Shalaggii Kafaltii Humnaa Olii Sirreessa.
Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa shalaggii adda addaa kan akka gibiraa, kiraa lafa baadiyyaa, qaraxa, ashuura, gatii calla guddiftuu kkf humnaa ol qotee bulaafi daldalaa keenyarratti fe’ee humna ummataa butuchaa jira. Qotee bulaan lafa muraasa qabu xaa’oo birrii 2000 oliin, sanyii filatamtuu birri 1500’n bitee, lafa hektaara 1 hin geenye irra gibira birrii 500-1000tti, kafaltii biroo tan maqaan isii hin beekkamne danuu dirqisiisee kafalchiisaa jira. Gama biraatiin daldaltoota shaqaxa meeshaan firiin lama keessaa mul’attu gibira guddaa humnaa olii irratti shalagee funyaan qabee irraa funaanaa jira. Uggurri bitiif gurgurii kun immoo wayyaaneen tolaan osoo hin tahin dirqiin shalaggii fi gatiilee wantoota inni daldaluu akka xiqqeessu godha.
7) Qabsoof Humna dabalataa tahuufi faaydaalee biroo.
Qabsoon warraaqsa ummata bal’aan gaggeeffamtu adeemsaafi akkaataa mataa isii danda’e qabdi. Injifannoo barbaachisu galmeessuuf tooftaa qabsoo jijjiiraa deemuun dirqama taha. Kanaaf oomishoota keenya kan humna teenyaan oomishnu gabaa baasuu dhiisuu dabalatee wantoota biroos gabaa irraa bituu dhabuu akkasumaas tajaajiloota biyyatti kan galiin isaa kallattiin mootummaa wayyaaneef galu kan akka lootarii biyyooleessaa, teelee Itoophiyaa, Baankii Daldala Itoophiyaa kkf irraa lagachuun humna wayyaanee dha’uuf nu gargaara.
Qabsoon duula gabaa lagachuu kun miidhaa kallattii mootummaan nurra gahu kan akka ajjeechaaf madeessuu baayyee gad xiqqeessuun bu’aa keenya immoo dachaan dabala. Namuu mana isaatti oomisha isaa waliin hafee magaaleeffachuu dhiisuu waan taheef walitti bu’iinsa hin qabu. Waan ofii hin gurguradhu jechuuf namni namatti dubbatu immoo yoo jiraate san maraataa callaadha.
Gama biraatiin gamtummaa, wal jala deemsaafi humna Oromoon qabdu mul’isuuf tooftaa salphaadha. Oromoon keessattuu wayta ammaa kana aariifi xiiqiin bokokee waan jiruuf waan jedhe irraa hanga galmaan gahuu akka hin deebine hojiin itti mul’isuu dandeenya. Oromoon yoo wal ta’eefi waliif gale waan mara akka godhuun isaaf salphaa ta’e alagaan dhugoomfachuu akka danda’utti mirkaneessaaf. Kana malees faaydaan biraa kan akka hawaas-diinagdee biyyatti micciiruun ummanni biraa akka mootummaa gaafiin sardu godhuun tumsa qabsoo teenyaaf dabala. Kanaafi tartiibbawwan armaan olitti tarreeffaman dabalatee faaydaalee biraa danuus ni qaba. Kanaaf gabaa lagachuun, bitiif gurgurii qabeenya keenyaa diduun duula rasaasa malee walakkaa injifannoo tahe kana irratti Oromiyaa guutuun duuluu qabna.
“Oromoon waan isaa gurgurachuu dhabu mirga qaba. Bara baraan ofiif luqqa’ee diina hin gabbaru!”
Fuulbana, 2016
Comments
Post a Comment