Dhaamsa Obbo Lammaa Magarsaatiif: Suuta eejjatan suuta qoreen nama waraanti.
(Jawar Mohammed)
(Jawar Mohammed)
Haasaa Lammaa Magarasaa Abbootii Gadaa waliin Ardaa Jilaatti godhe amman dhaggeeffadhee fixe. Dimshaashatti wanniin hubadhe namtichi ji'oota muraasa dura hamma tokkos ta'u dhugaa Oromoo akkaataa miira saba kanaa hawwatuun dubbachuun dhageettii argate saffisaan gara OPDO duriitti deebi'aa jiraachuu isGorsa Obbo Lammaa Magarsaatif
Suuta eejjatan suuta qoreen nama waraanti
Haasaa Lammaa Magarasaa Abbootii Gadaa waliin ardaa jilaatti godhe amman dhaggeeffadhee fixe. Dimshaashatti wanniin hubadhe namtichi ji'oota muraasa dura hamma tokkos ta'u dhugaa Oromoo akkaataa miira saba kanaa hawwatuun dubbachuun dhageettii argate saffisaan gara OPDO duriitti deebiuu isaati. kanaafu gorsa gabaabaa armaan gadii kanan kennuu barbaada.
Suuta eejjatan suuta qoreen nama waraanti
Haasaa Lammaa Magarasaa Abbootii Gadaa waliin ardaa jilaatti godhe amman dhaggeeffadhee fixe. Dimshaashatti wanniin hubadhe namtichi ji'oota muraasa dura hamma tokkos ta'u dhugaa Oromoo akkaataa miira saba kanaa hawwatuun dubbachuun dhageettii argate saffisaan gara OPDO duriitti deebiuu isaati. kanaafu gorsa gabaabaa armaan gadii kanan kennuu barbaada.
- Abbootiin Gadaa abbootii saba kanaati. Kabajaan isaanii pirazidantii Oromiyaatin dhiisi nama 'taraa' kamiinuu tuqamiin sirrii miti. Akkaataan Lammaan jaratti dubbataa kan maqaa waajira isaatifi gulantaa Abbootii gadaa hin madaalle kan tuffii of keessaa qabu ture. Akkuma warri dhaggeeffattan ragaa baataan Abbootiin Gadaa hundi isaanii ulfina isaaf godhanii akkuma aadaatti kabajaa waajira pirazidantiitin malu dursanii ibsuun gaafii dhiheessa turan. Inni garuu deebii isaa keessatti akka jarri kun walaaloo ta'aniitti itti gadi haasayaa ture. Akka waan isa malee Abbootiin Gadaa waan Oromiyaafi Oromoon keessa jirtu quba hin qabneetti, akka waan isaan oduu qofaan oofamaniitti dhiheessaa ture. Dhugaan jiru garuu Abbootiin Gadaa kun waan hawaasa keessatti ija isaanitiin arganiifi gurra isaanitin ummatarraa dhagayan kaasaa turan. Wanni isaan dubbatan tokkos soba miti. Inumaatuu yeroo ammaatti hawaasni keenya qaamni mootummaa rakkoo isaa irraa dhagayu waan dhabameef iyyata isaa gara Abbootii Gadaa geessaa jira. Dhimmuma daangaa kanarratti manguddonni Booranaa, Baalee, Harargee Finfinnee dhufanii qondaala isaan dubbisu yeroo dhabanitti kan krra baneefi rakkoo isaanii dhaggeeffatee abdii kenneef Gumii Abbootii Gadaati. Kanaafu Abbootin Gadaa waan jechaa jiran kana takkaa ijaan arkan ykn ammoo rraba ummata isaanii irraa dhagayan malee akka Lammaan yaadutti miidiyaa irraa hin dhageenye. Akkuma irraa dhageenyu jarri kun waan dubbatanis akka itti dubbatanis ni beekan. Hogganni siyaasaa tuffachuu dhiisee qalbiin osoo dhaggeeffatee waa heddu irraa barata. Abbootii Gadaa kana hamilee cabsanii caldhisiisuuf jecha xiqqeessurra ulfeefatanii ofitti qabuun Lammaafis ta'ee qondaalota biroof faaydaa guddaa qaba. Yeroo biyyi xaxaa siyaasaa keessa gale ummanni mootummaa hin amanne kanatti Abbootiin Gadaa, qondaalotaafi ummata jiddutti riqicha ta'uu danda'u. Qondaalonni mootummaas ta'ee kan mormituu, hayyonnis ta'ee Qeerroon, Abbootii Gadaa keenyatti yoo dubbatan ulfina sirna kabajamaa kanaan maluun waliin ta'uu qaba. 'Sa'a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsaa' san yaadadhaa!!
- Dubbachuu duratti haqa ( fact) lafarra jiru addaan baafadhu. Wannin pirazidantoota Oromiyaa garagaraa irraa hubadhe waan Oromiyaa keessa guyya guyyaan ta'u takkaa odeeffannoo hin qaban ykn odeeffannoon dogongoraatu itti kennama. Fakkeenyaa Lammaan walgahii ardaa jilaa kanarrtti Liyyu Poolisiin ummata Harargee fixaa jirtu soba guyyaadhuma jedhu san magaalaa Mi'eessoo walakkaatti nama lama ajjeefte. Guyyaa itti aanu nama 8 ajjeefte. Toran san duraa araddaalee baadiyyaa keessatti nama lama galaafatte. Maarree Lammaan gaaga'ma kana quba hin qabu moo Ardaa Jilaa taa'ee Abbootii Gadaatti sobaa ture? Kanumaan walqabatee araddaalee naannoo Soomalee irraa gara Oromiyaa deebifne jedhee inni dubbates sirri miti. Araddaaleen inni maqaa dhaye durumaanuu Oromiyaa jalatti bulaa kan turaniidha. Kanaafuu akka Itti gaafatamaa hojii raaw'achiiftuu mootummaa Oromiyaatti ( Chief Executive Officer), waan Oromiyaa keessa jiru odeeffannoo qabatamaa ( raw facts) guyya guyyaan argachuun, murtiin dabarsus ta'ee deebiin kennu achirratti hundaa'uu qaba. Hubadhaa, gadaan sobanii dubbii jala dabran erga dabartee bubbuletee jirti.
- Ummanni haasayaafi waadaa Lammaa akka gaaritti simatee akka ture waan hin haalamne. Haasaafi waadaa qofaan yeroo dheeraaf ummata bulchuun hin danda'amu. Ummanni keenya amma haasaafi waadaa dhagayuu osoo hin taane tarkaanfii qabatamaa qofa arguu barbaada. Dhimma daangaa ni furra amma booda Oromoon hin du'u jettan ji'a Eblaa keessa. Dhimmi daangaa ammas hin furamne, Oromoonis guyyama guyyaan loltuu Abdi Ileetin ajjeefamaa jira. Dhimma Finfinnee ni furra jettan. Wixinee laaqamaa san dhiheessitanii erga ummanni isin harkatte busheessee booda ummata mari'achiifna jettanii turtan. Achumaan lafa keessanii caldhiftan. Ormii garuu irratti of qopheessaa jira. Paarlaamaan ji'a takka booda hojitti deebi'a. Ummataafi hayyoota Oromoo akkasumas Caffee Oromiyaa osoo hin mariisisin labsii Finfinnee guutitti dabarsee kennu san paarlaamaan yoo dabarse balaa biyya san diigutu uumamuuf deema. Waliigalatti yeroon haasayaafi waadaaf kenname dhumee jira. Yeroofi hireen dalagaan agarsiisuuf qabdanis saffisaan fiigaa jira. Nu warra ajandaalee kana ol kaasee dubbatu akka diinaatti laaluu dhiisaa. Osoo itti beektanii akka hin maarshii qabattanii hin mugneef isin dammaqsuu yaalaa jirra.aati. Kanaafuu, gorsa gabaabaa armaan gadii kanan kennuu barbaada.
- Abbootiin Gadaa abbootii saba kanaati. Kabajaan isaanii pirazidaantii Oromiyaatiin dhiisi nama 'taraa' kamiinuu tuqamuun sirrii miti. Akkaataan Lammaan jaratti dubbataa kan maqaa waajira isaatiifi gulantaa Abbootii gadaa hin madaalle, kan tuffii of keessaa qabu ture. Akkuma warri dhaggeeffattan ragaa baatan Abbootiin Gadaa hundi isaanii ulfina isaaf godhanii akkuma aadaatti kabajaa waajjira pirazidaantiitiif malu dursanii ibsuun gaaffii dhiheessaa turan. Inni garuu deebii isaa keessatti akka jarri kun wal'aaloo ta'anitti itti gadi haasa'aa ture. Akka waan isa malee Abbootiin Gadaa waan Oromiyaafi Oromoon keessa jirtu quba hin qabneetti, akka waan isaan oduu qofaan oofamaniitti dhiheessaa ture. Dhugaan jiru garuu Abbootiin Gadaa kun waan hawaasa keessatti ija isaanitiin arganiifi gurra isaaniitin uummatarraa dhagayan kaasaa turan. Wanti isaan dubbatan tokkos soba miti. Inumaatuu yeroo ammaatti hawaasni keenya qaama mootummaa keessaa nama rakkoo isaanii itti himatan waan dhabaniif iyyata isaanii gara Abbootii Gadaa geessaa jiru. Dhimmuma daangaa kanarratti maanguddoonni Booranaa, Baalee, Harargee Finfinnee dhufanii qondaala isaan dubbisu yeroo dhabanitti kan karaa baneefi rakkoo isaanii dhaggeeffatee abdii kenneef Gumii Abbootii Gadaati. Kanaafuu, Abbootiin Gadaa waan jechaa jiran kana takkaa ijaan argan yookaan immoo arraba uummata isaanii irraa dhaga'an malee akka Lammaan yaadutti miidiyaa irraa hin dhageenye. Akkuma irraa dhageenyu jarri kun waan dubbatanis akka itti dubbatanis ni beekan. Hoogganni siyaasaa tuffachuu dhiisee qalbiin osoo dhaggeeffatee waa hedduu irraa barata. Abbootii Gadaa kana hamilee cabsanii caldhisiisuuf jecha xiqqeessurraa ulfeeffatanii ofitti qabuun Lammaafis ta'ee qondaalota biroof faayidaa guddaa qaba. Yeroo biyyi xaxaa siyaasaa keessa gale uummanni mootummaa hinamanne kanatti Abbootiin Gadaa, qondaalotaafi uummata jidduutti riqicha ta'uu danda'u. Qondaalonni mootummaas ta'ee kan mormituu, hayyonnis ta'ee Qeerroon, Abbootii Gadaa keenyatti yoo dubbatan ulfina sirna kabajamaa kanaan maluun waliin ta'uu qaba. 'Sabbaa abbaan gaafa cabse urmi ija jaamsaa' san irraanfachuu hin qabnu.
- Dubbachuun duratti haqa ( fact) lafarra jiru addaan baafadhu. Wanti ani pirazidasntota Oromiyaa garaagaraa irraa hubadhe waan Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan ta'u takkaa odeeffannoo hin qaban yookaan odeeffannoon dogongoraatu itti kennama. Fakkeenyaa Lammaan walgahii ardaa jilaa kanarrtti Liyyuu Poolisiin ummata Harargee fixaa jirtu soba guyyaadhuma jedhu san magaalaa Mi'eessoo walakkaatti nama lama ajjeefte. Guyyaa itti aanu nama 8 ajjeefte. Tobran san dura araddaalee baadiyaa keessatti nama lama galaafatte. Maarree Lammaan gaaga'ama kana quba hin qabumoo Ardaa Jilaa taa'ee Abbootii Gadaatti sobaa ture? Kanumaan walqabatee araddaalee naannoo Soomalee irraa gara Oromiyaa deebifne jedhee inni dubbates sirrii miti. Araddaaleen inni maqaa dhaye durumaanuu Oromiyaa jalatti bulaa kan turaniidha. Kanaafuu, akka itti gaafatamaa hojii raawwachiiftuu mootummaa Oromiyaatti ( Chief Executive Officer), waan Oromiyaa keessa jiru odeeffannoo qabatamaa ( raw facts) guyya guyyaan argachuun, murtiin dabarsus ta'ee deebiin kennu achirratti hundaa'uu qaba. Hubadhaa, gadaan sobanii dubbii jala dabran erga dabartee bubbultee jirti.
- Ummanni haasayaafi waadaa Lammaa akka gaariitti simatee akka ture waan hin haalamne. Haasaafi waadaa qofaan yeroo dheeraaf uummata bulchuun hin danda'amu. Ummanni keenya amma haasaafi waadaa dhaga'uu osoo hin taanee tarkaanfii qabatamaa qofa arguu barbaada. Dhimma daangaa ni furra ammaa booda Oromoon hin du'u jettan ji'a Eblaa keessa. Dhimmi daangaa ammas hin furamne, Oromoonis guyyuma guyyaan loltuu Abdi Ileetiin ajjeefamaa jira. Dhimma Finfinnee ni furra jettan. Wixinee laaqamaa san dhiheessitanii erga uummanni isin harkatti busheessee booda uummata mari'achiifna jettanii turtan. Achumaan lafa keessanii caldhiftan. Ormi garuu irratti of qopheessaa jira. Paarlaamaan ji'a tokko booda hojiitti deebi'a. Uummataafi hayyoota Oromoo akkasumas Caffee Oromiyaa osoo hin mariisisin labsii Finfinnee guutuutti dabarsee kennu san paarlaamaan yoo dabarse balaa biyya san diigutu uumamuuf deema. Waliigalatti yeroon haasayaafi waadaaf kenname dhumee jira. Yeroofi hireen dalagaan agarsiisuuf qabdanis saffisaan fiigaa jira.
Comments
Post a Comment