HUBACHIISA! Yeroo ammaa kanatti Wayyaaneen bifa dandeessu hundaan Oromiyaa keessatti jeequmsa uumaa jirti.
HUBACHIISA!
Yeroo ammaa kanatti Wayyaaneen bifa dandeessu hundaan Oromiyaa keessatti jeequmsa uumaa jirti.
Yeroo ammaa kanatti Wayyaaneen bifa dandeessu hundaan Oromiyaa keessatti jeequmsa uumaa jirti. Jeequmsa kana uumuun ishii immoo tooftaan nuti itti fayyadamnu tooftaa haleeluu ( offensive approach) osoo hin ta’in tooftaa ofirraa ittisuu ( defensive approach) akka ta’uu nu gootee jirti. Kanaafuu nutis saffisaan ajandaa jijjiirudhaan gara dhibbaa ishiitti uumuu (offensive) deemuutu nurraa eegama.
Ajandaalee saffisaan itti deebi'uu qabnu keessaan kanneen ijoo ta’an asii gaditti eermaniiru;
A) Dhimma Finfinnee:- Labsiin qaamota hedduudhaan balaaleffatame sun paarlamaa bara dabree irraa bulfamuun isaa ni yaadatama. Amma paarlaamaan walgahee jira. Kanaafuu labsiin fooyya'e suni ammarratti dhihaachuu qaba. Kanaaf immoo akkuma dura jennee labsiin fooyya'ee Caffee Oromiyaa, Uummataafi hayyootaan irratti mari'atamuutu irra ture. Haata’u malee mariin suni Hanga ammaa hin godhamne. Kanaafuu amma saffisaan itti deebi'amuun wixineen bilchaatee Caffee Oromiyaan raggaasifamee paarlaamaa federaalaaf dhihaachuu qaba. Hubadhaa maddi rakkoo keenyaafi biyya sanii hundi Finfinneedha. Finfinnee ajandaa jidduu galeessaa qabsoo keenyaa gochuun qalbiifi humni keenya akka waaltahuu gargaara, dhiibbaan goonus handhuuraafi sammuu sirnichaa irratti akka ta'u godha;
B ) Dhimma Hidhamtoota Siyaasaa- Ilmaan Oromoo kumaatamaan badii tokko malee mirga saba isaanitiif waan dubbatan qofaaf manneen hidhaa biyya sanii keessatti gidirfamaa jiru. Kanaaf 1) Mootummaan naannoo Oromiyaa hidhamtoota siyaasaa too'annaa isaa ( under its regional jurisdiction) jala jiran saffisaan gadi lakkisuu qaba. 2) Ummannifi MNO waliin ta'uun dhimma hidhamtoota siyaasaa kana ajandaa guddaa gochuudhaan keessaafi alaanis dhiibbaa uumuu qabna;
C) Dhimmaa Uummata keenya Naannoo Soomaaleetii buqqa’ee - gargaarsi hamma ammaa Uummata keenya Soomaalee irraa buqqa’aniif godhamaa jiru dhugatti sabni Oromoo hammam akka waliif nahu kan agarsiisedha. Hojiin gara MNOtiin dalagames hamma barbaadamuufi quubsaa ta'uu baatus kan xinneeffamee ilaalamuu miti. Hojiin guddaanifi xiyyeeffannaa ol’aanaa barbaadu garuu kan amma boodaati. Ummanni kun kana caalaa mooraa baqannaa keessatti haala amma jiru kanaan walirratti tuulamee turuu hin danda'u. Daa'imman barachuu qaban. haawwaniifi abbootin hojitti deebi'uun jiruu isaanii diigame deebisaanii ijaarachuun hirkattummaa irraa bahuu qaban. Kanaafu qorannaan bakka isaan qubsiisuuf mijaatuu adda baasuuf godhamaa jiru saffisaan xumuramee gamasitti geeffamuu qabu. Dabalataanis qabeenya isaanii naannoo soomaletti dhiisanii / saamamanii biraa dhufan haalli ittin deeffatan seeraan argamuu qaba. Kana hunda gochuuf koree qindeessituu amma jiru jalatti qaamni ogeessota irraa hundeeffame, kan Uummata kana bifa itti fufiinsa qabuun qubachiisuufi gargaaru dhaabbachuu qaba. Kanumaan wal qabatee rakkoon barattoota Yunivarsitii jigjigaafi Qabri Dahaaris ariitiin furamuu qaba;
D) Dhimma Jimaa- Sababni Abdi Illey fi jeneraalonni Wayyaanee gama hundaan lola nutti baananiif tokko daldala jimaa irratti ol'aantummaa qaban tursiisuufi. Kun yoomiyyuu akka hin taane Uummanni tokkummaadhaan itti agarsiisee jira. Kanaafuu MNO, daldaltoonnifi qonnaan bultoonni waliigaluun daldaltoota Jabuutii, Somaliland, Somalia fi naannoo Somaalee wajiin waliigaltee dantaa keenya kabajchiisurra gahuu qabu;
E) Dhimma saamicha Albuudaafi lafa Oromiyaa - qabsoon saamicha lafaafi albuudaa Oromiyaa hambisuuf godhamu jabaatee itti fufuu qaba. Hojiin lafa maqaa invastimantiitiin saamame deebisiisuu cimee itti fufuu qaba. lafti deebi'u ammoo bifa qorannoo irratti hundaayeen dargaggeeyyiif hiramu qaba. Akkasumas kontiraannii lafa albuudaa dhaabbileen gariin seeraan ala fudhachuun osoo Oromiyaafi Oromoo hin fayyadne saamaa jiran akka hin haaromsiifamne godhamuu qaba. Yookin immoo bifa haarayaan waliigaltee Uummataafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa fayyadu mallatteessisuu ykn ammoo irraa fuudhuu qabna;
Walumaagalatti Dhimmoonni kunneen ajandaalee ijoo Uummata Oromoo tokko godhan keessaa muraasaafi injifannoon isaanirratti argamu sabaafi biyya keenyaaf bu'aa guddaa kan qabuudha. Qabsoon teenyas diina ofirraa dhoorkuu ( defensive approach) qofarratti tan bu’uurofte osoo hin ta’in diina ofirraa dhahuu ( offensive approach) tti geeddaruuf nu fayyada. Kana godhuun keenya immoo humni keenya isa duriirra daran akka dabaluuf nu gargaara. Yeroo ajandaalee kanneen tarkaanfachiisnu garuu karoora diinni sabaaf sablammiilee biroo waliin walitti nu buusuf lafa kaawwate akka hin milkoofnef of eeggannoofi bilchina ol’aanaadhaan tahuu qaba.
Comments
Post a Comment