OROMOON SIRNOOTA MALEE SABOOTA IRRAA JIBBA HIN QABU.
Oromoon saba guddaa gaafa Afrikkaa qofa osoo hin taane guutuu addunyaatiif saba hangafaa tahuun wal nama hin mamsiisu. Hunda daran ammoo wanti saba kana adda godhu yoo jiraate gaarummaa, gara laafummaa, mataa isaarra nama jaalachuu, duuyda bal'inaa fi obsa qabaachuu isaa daran qoree fi qoorraas danda'ee sabaaf sablammii qorii takkatti waliin nyaachuu danda'uu isaati. Sabni kun saba naamusa qabu, saba eenyuuf illee jibba hin qabne tahuun ganama irraa keessoo dhiigaaf lafee isaatti galmeeffamee kan waliin uumame tahullee, baroota dheeraaf garuu dhugaan isaa kun dabee, inniis dhugaa fi ragaa isaatiis dhabee, maqaan isaa maqee maqaan haalaa fi amalaa, uumaa fi uumama isaa waliin wal hin simne, moggaasa eenyummaa isaatiin wal hin himne yoo itti moggaafamullee, yoo ittiin yaamamullee obseetuma cal'isee, hidhii ciniinnatee sirnootatti qabsaawaa hanga arraa gahe. Qabsoo maqaa isaa kan xurree irraa maqee fi cilee gurraatti warroonni saba kanaaf jibba qaban itti haqe firraa dhiquu fi firraa haquuf osoo saba biraa hin tuqin sirna isa miidhee fi gabrummaa jalatti isa hidhe diiguuf kaleessaas qabsaawaa ture, arraas cichee qabsaawaa jira, fuula duraas hanga walaba bahutti qabsoo isaa daran finiinsuun itti fufa.
Sabni Oromoo kun saba hayyummaa fi gamnummaan guuttee irraan baleeyxee ifiif mitii ambaafuu geessu, saba obsi isaa gowwaa fakkeesse, gara laafummaan isaa sodaataa fakkeesse, duuyda bal'inni isaa dhamaayyuu fakkeesse tahuus sabni kun saba qaroomaa fi tahuu gannoota dhibbaa fi walakkaa oliif rogoota adda addaan mirkaneessullee cubboonnii fi sobdoonni gaariin isaan himuu hin dandeenye. Hin dandeenyees osoo hin taane dhugaa saba kanaa ibsuu waan hin barbaanneef hunxuxatti dhooysanii kaayan. Jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif ibidda gabrummaa keessatti mudhuraa fi tortoraa turellee qabsoo dhiisee harka maratee guyyaa tokkoof mana hin oolle, dirra lafa kaayee diriirfatee hin bulleesi. Qabsoo kanaan dura qabsaa'aa turettis, kan amma itti jiruu fi fuula duratti godhu keessattiis garuu mirga isaa kan dhabe deebifachuuf malee mirgoota sabootaa fi sab-lammoota biraa qabatamaan sarbuu, darbuu, dhiituu fi dhiibuu dhiisii sa'aa takkaaf niin godha ja'ee sammutti imaammatee hin beeku. Oromoon, eega gaafa lafti isaa Oromiyaan sirna badaa habashootaatiin koloneeffatamtee, qabeenyi hireef hirmaata isaa tahe saamamaa, mirgaa fi eenyummaan isaas dhiitamaa, namummaan isaa gabroomaa turullee sirnaatu na miidhe jechuun sirnicha irratti qabsaa'uu malee saba biraa dhiisii kan sirnoonni buttuun dhiiga dhuuyduu fi foon mogoltuun keessaa bahan sanuu ija hamtuun laalanii hin beekan. Oromoon mirga isaa falmachuuf qabsoo godhu keessatti ilmoo caraa takkattuu bu'ee nama tokkos miidhee hin beeku.
Haa tahuu garuu "Obsa baayy'ate gowwaan sodaa seha" akkuma ja'an san shira gara bal'iinaa fi obsa qabaatiinsaan Oromoon bira dabru mara diinnan isaa kan dur irraa jalqabee hanga quxusuu saanii wayyaaneetti gowwummaa itti fakkaatee shira danuu qabsoo Oromoo sakaaluuf yero yeroon xaxaan. Nutiis shira isaan nuun kuffisuuf daandii qabsoo Oromoo irra labbaa galchan faantoo godhannee irraan tarkaanfachaa as geenye. Ciminni keenya ambaaf hin mul'atu malee, mul'atuus hin dubbatu malee injifannoo gurguddaa galmeessaa jirra. Keessattuu quxisuun koloneeffataa, diinni guddaan Oromoo Wayyaaneen gaafuma biyya Oxoophiyaa tana qabatte irraa jalqabee hanga arraa wayta qabsoo fi warraaqsi Oromoo finiinu cufa diraamaa gosa adda addaa hojjachaa turuun ni yaadatama. Garuu wanti diraamaa wayyaaneen qabsoo Oromoo ittiin laamsheessuuf hojjattu durii hanga ammaa 'Mata Duree' diraamootaa malee qabiyyee fi qadiyyeen keessoo diraamicha guutumatti wal fakkaachuu isaati. Narratti barama jattee shakkuu dhabuun isii doofummaa wayyaanee mul'isullee garuu irra deddeebitee tooftaa fi tarsiimoo wal fakkaataan deemuun isii nama aarsa. Diraamaa wayyaaneen qabsoo Oromoo ittiin laamsheessuuf dalagaa turtee fi ammallee itti jirtu keessaa tokko saboota biraa Oromoo irratti kakaasuun walitti bu'iinsa hamaa uumuu dha.
Gaafa Oromoon mirga isaa falmachuu jalqabu gariin akka waan Oromoon mirga saboota biraa dhiibuuf qabsaawaa jirutti laalan. Garuu ummanni Oromoo eenyu akka tahan namni barana hin galleef waa'een Oromummaa umrii isaa guutuu hin galtuuf. Barana ummanni Oromoo shira wayyaanee fi kittillayyoo isii Abdi Illeen xaxameen ummanni Oromoo kuma dhibbaa ol naannoo Soomaalee tan mootummaa Xoophiyaa jalatti heeraa, alaabaa, mootummaa, tarsiimoo, lammummaa fi qajeelfama tokkoon bulan keessaa saniifuu lafa Oromiyaa tan duraniis shiruma wayyaaneetiin cittee dachuma isaanii irraa buqqaafamanii Oromiyaa keessatti facaafamanii jiran. Hunda osoo nagayumaan fidanii nuuf facaasanii irra wayyaa ture. Dubartoota keenya daa'imaa hanga manguddootti haala suukaneessaan gudeedaman. Gudeedamanii nagayaan gad hin lakkifne. Ibiddaan qaama gugguban, sibiilaan qaamaa fi nafa saala isaanii cicciranii, kaaniis ajjeessan. Haadhaaf ilmoo malqa addaan facaasanii gara jabummaan garaa waa dhale boochisan. Jaarsa ajjeessanii haadha manaa itti taphatan. Hedduu tuman, akka malee reeban, guyyaa meeqaaf garaa agabuu manneen hidhaa keessatti ugguranii waan ilmi namaa namaa miti bineensa gaaraa irrattuu hin raawwanne irratti raawwatan. Qabeenya umrii isaanii guutuu horatan irraa harka duwwaa laqaaqamanii fuudhamuun akka shiftaatti darbaman. Maaliif akkana gootan? ja'anii eenyullee hin gaafanne. Inumaatuu kallattii qalbii isaanii bakka takkatti deebisuun ummata qabeenya isaanii irraa harka duwwaa baafaman kana deebisanii qubsiisuuf deeggarsa walitti qabuu finiinsuu malee namni kana nu godhan, san nu godhan ja'ee daqiiqaa tokko maalayaanii irratti hin gubne.
Lafti irraa buqqaafaman kun Saudi Arabiyaa, Suudaan, Yaman, ykn biyyoota biroo osoo hin taane, Naannoo Soomaalee Xoophiyaa keessaahi. Biyyi yeroo hedduu namoota seeraan ala biyyattii isaanii keessatti yoo argamte firraa nama darbitu Saudi Arabiyaa faa turte. Takkaa ammoo akka Naannoon Soomaalee tan Abdi Illeen hogganamtu tanatti tahe biyya ambaattuu mudatee hin beeku. Wanti nama dhibu ammoo shira kana harka caalu kan wayyaaneen xaxame haa jannuu malee warri Soomaalees fedhii ummata kana buqqaasuu qabaachuu isaanii agarra. Osoo fedhii akkasii qabaachu baatanii manguddoonni, jaarsooliin, abboottiin amantii, dura bu'oonnii gosootaa, hayyoonni, bakka bu'oonni hawaasa fi kkf marti eessa turan? Naannoo Soomaalee keessaa namni tokko kan shira kana mormu akkamitti dhabame? Waanuma fedhellee haa tahuu garuu shirri hamaan hangana gahu irratti raawwatameellee ummanni Oromoo gonkuma Soomaalee Oromiyaa keessa jirtu ija keessa laalee hin beeku. Ifiif ija keessa laaluu dhiisii kashlabbootaa fi ergamtoota wayyaanee kan akka waan Oromoon gocha hamaa Soomaloota irratti fudhatanii fakkeessuun shoorarkaa uumuuf bobbaafaman mara sakatta'anii, faana bu'anii shira hammeenya isaan raawwachuuf ka'an meeqa qabanii harkaa fashaleessan. Manguddoonni, abboottiin amantaa, abboottiin gadaa, qeerroo fi hawaasni Oromoo marti akka jerjeraan garii fi ergamaan garii tarkaanfii diinummaa akka hin fudhanne Soomaaloota Oromiyaa keessaa jiraatan, daldalatan eegaa turan, hanga ammaas waardiyaa tahanii eegaa jiran. Hanga ammaattiis sabni biraa kan sababa kanaan wal qabatee qeensi irraa caphe, baalli irraa bu'e hin jiru. Duriis Oromoo bineensa nama nyaatu fakkeessanii sammuu namayyuu keessatti kalaquuf yaala turan. Wayyaaneeniis eega aangoo biyyattii dhunfattee hanga arraa tooftaa jijjiirraa roga hedduun itti moggaasanii yaada afaanfaajjeessaa turan. Arraas ittuma jiran. Kana tahuus sabni Oromoo guyyaa tokkolleef shira itti xaxamaa ture kanaaf qabsoon injifachuun ala jibbaa fi tuffi warroonni gariin qabaniif kana xiiqii fi kulkaan baafachuu fi kafalachuuf takkaa hin yaalle. Kanaaf, warroonni maqaa cubbuu Oromotti maxansanii qabsoo Oromoo xureeysuu fi xiqqeessuun haa dhaabbatu. Yoo Oromoon qabsoo finiinsu mara warra Itoophiyaa diiguuf qindaawee sochoo'u jechuun maraatu, akka Oromoo waan biyya diigduu taatee.
Walumagalatti, Oromiyaan akkuma beekkamu Soomaalee qofa osoo hin tahin sabaa fi sab-lammii biyya Oxoophiyaa ja'amtu tana keessatti argamu maraaf duuyda bal'aa nyaachisee isaan qubsu, obaasee dheebuu baasu tahuun ifa galeessa. Saba Xoophiyaa keessa jiru 85 ol irraa kan Oromiyaa keessa hin jirre jechuuf natti ulfaata. Akka seenaan himuttiis kanuma dhugoomsa. Haa tahuu garuu waggaa dhibbaa fi soddamaa oliif sabni danuun saba Oromoo waliin Oromiyaa irra osoo xurii qeensaa irraa hin kaasin waliin jaalalaa fi kabajaan jiraachaa turan. Osoo sabni Oromoo utubaa nagayaa fi gaaddisa dadaa tahee saboota badii irratti raawwataniis tahee, kan nagayumaan itti dhufan kanaas inni tolaaf dadaan waliin jiraachuuf hayyamaa tahuu baatee isaaniis nagayaan jiraachuu hin danda'an turan. Arraas wayta ammaa kan wayyaaneen saboota mara Oromoo waliin walitti buusuuf mudhii hidhattee maraachutti jirtu kanaas Oromoon saba kamiyyuu maxxanfatanii jaalaluma kaleessaa saniin waliin jiraachaa jiran. Haqaa fi dhugaa Oromoon qabu, kabajaa fi ulfinni eenyuuf illee laatee waggaa dheeraaf waliin jiraataa jiruu, warri arra akka waan Oromoon jibba saboota biraaf qabuu fakkeessanii kalaquu barbaadan kun eessaa dhufan? Murni Oromoo fi saboota biraa waliin dha'uun siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuu barbaadan illeen haa godhanii. Duuba warri Oromoo waliin jaarraa tokkoo fi walakkaaf jiraate kan gaarummaa, arjummaa, jaalalaa fi kabaja saba kanaa beeku faan akkamitti dharoota Oromoo irratti afuufamuu fi maqa balleessi akkanaa fudhatanii amanu? Oromoon gaafa mirga isaa falmatu mara, kan namaa tuquuf osoo hin taane gaafa haqa isaa barbaaddachuu qofaaf warraaqsa isaa finiinsu mara ija jibbaatiin maaliif laalama? "Nama dhiiga si obaase aanan obaasi!" ja'ee kan hamtuu fi shira irratti raawwatuullee tolumaa fi dadaan bira dabree waliin jiraachaa as gahan. Shira osoo inni arkuus tahee hin agarre kan irratti raawwatamu mara "Takkaa duraa fixaa, takkaa du'aa fixa" ja'ee goolabee bira dabruu beeka Oromoon. Lafuma isaa irratti kan inni namatti hin maqne, warrumma itti dhufu kanaan osoo miidhamuu dachii tahee obsaan jiraachaa ture ittiis jira. Kanaaf, yoo warroota uumamaan jibbaa fi balfa saba kanaa qaban tahe malee haqa isaan qaban kan dhooysu waan jiru natti hin fakkaatu. Sabni lafa isaa saamanii waggaa 150 oliif warruma isa saame san waliin nagayumaan jiraatu addunyaarra eessa jira? Namni kana hunda hin amanin barana hoo, kan shirri tamana hin qabne Naannoo Soomaaleetiin saba kana irratti wayta raawwatamu inni ammoo nagaya biyyatti eeguu fi mirga isaa falmachuma jira. Saba tokkollee itti bu'ee hin beeku. Sabni hangana obsu eessa jiraree? Oromoon kan falmachaa turee fi jiruus sirnoota malee sabootaa miti. Jibbi keenya sirnootaa malee sabootaa miti. Hundafuu namni barana kabajaa, naamusa, jaalala, hayyummaa, dhiirummaa, qarooma, ulfina, obsa fi eenyummaa Oromoo hin barin yoomillee hin baru.
"Sirna dulloomaa mara qabsoo keenyaan ni diigna!"
Onk. 2017
Comments
Post a Comment