Seenaa gabaabaa Kantiibaa magaalaa Shaashamannee Aadde Xayibaa Hasan

Seenaa gabaabaa Kantiibaa magaalaa Shaashamannee Aadde Xayibaa Hasan

                  
Hawi - Anole

Teyiba Hassan
Filannoo bara 2005 (1997) irratti Paartiin Siyaasaa Qinijjit ADWUI garmalee sochoosee ilkees irraa buqqisee ture. ADWUIn yeroo sana qophii cimaa godheera, kan anaan dorgomee na injifatu hin jiru jedhee xinnaatus biyyattii Dimokraasidhaaf banuu isaatiin hammam Uummatichi akka isa jibbu bareera. Tarsiimoo hamtuu Muummichi Ministeeraa yeroo sanaa Obboo Mallas Zeenaawii milkooftee warri Qinijjitis adda faffaca’ee daaraa bubbeen fuute ta’an. Yeroo sana irraa eegalee Mallas ijaaf harka isaa Oromoorraa kaasee xiyyeeffannaa isaa Amaararratti godhe. Oromiyaa immoo jaala qabsoo isaa Jeneraal Abbaa Duulaa Gammadaatti amaanaa kennate. Abbaan Duulaatis bilisummaadhaan Oromiyaa hogganuu eegale. Waggoota muraasa keessattis tarsiimoo garagaraa baafachuudhaan wantoota gaarii hojjachuudhaan Uummata biratti fudhatama argachuu eegale. Tarsiimoolee inni ittiin socho’aa ture keessaa tokko DHDUO dargaggomsufii hayyoomsuu ture. Tarsiimoo kana gara hojiitti hiikudhaafis xiyyeeffannaan isaa dhaabbilee barnoota ol’aanoo irratti ture.

Haaluma tarsiimoo sanaatiin Yunivarsitiiwwan Hunda keessatti Qindeessitoota DHDUO ( dallaa keessattiifii alattis) ramaduudhaan barattoota Oromoo gara miseensummaatti akka hawwatan godhuu eegale. Hamma hojiin kun bal’inaan eegale sanattuu barattoota Oromoo biratti DHDUOn akka gantuu, hattuufi ergamtuutti ilaalamaa ture. Tarsiimoon kuni akka fiixa bahuuf karoorri lafa kaawame garuu salphaa hin turre. Karroora lafa kaawwaman keessaa tokkoffaan Ramaddii Hojiiti. Inni lammaffaam immoo ganna ganna walgahii isaanii irratti hirmaachudhaan qarshii hedduu argachuudha. Barataadhaaf isaan kunneen waan ijoo turan. Kanumaaf suuta suutaan barattoonni waljalaa luqqa’aa gara miseensummaa DHDUOtti dhufuu eegalan. Adeemsi kuni hamma DHDUOn Dhukkuba Daddarbaa Uummata Oromoo jedhamee waamamu tokko gaye.

Yeroon dhukkubichi akka belbela ibiddaa faca’u sana Anaafii Aaddee Xayyibaa Hasan Yunivarsitii keessa turre. Wanti adda nu godhu tokko yoo jiraate Yunivarsitiin ani itti barachaa ture Haramaayaa ta’uu isaafii kan isheen itti barachaa turte Goondar ta’uu isaa qofa. Aaddee Xayibaan Yunivarsitii Gondarittan baradha jettee guyyaa tokkos akka yaaddee hin turre waanuma wal nama shakkisiisu hin qabu. Jireenya ishee keessaattis hanga guyyaa barumsaaf riqicha Abbaay qaxxaamurte sanatti jireenyi ishee waaggoota murtaa’aniifis ta’u handhuura Uummata Amaaraa sana keessa ni ta’a jettee waan yaaddes natti hin fakkaatu.

Isheedhaaf garuu Oromiyaarraa fagaachuunshee daran Oromummaa ishee akka cimsattuuf carraa addaa baneef malee Oromummaashee irraa hin mulqine. Yeroo muraasa keessatti muummeen ishee ( Sooshiyookoojiin)nis ta’ee eddoon isheen geette hundi foolii Oromummaa nama hawwaduun akka guutamu goote. Akka namoonni qaamaan sirriitti ishee beekan dubbatanitti eddoo isheen geesse hundatti Oromummaatu calaqqisa, Oromummaatu leellisa, sabatu boona. Yeroos biiftuu calaqqistuu Oromummaa Yunivarsitii Goondar turte. Isheef Oromummaan jireenya isheeti, boontuu Oromoo sabboonummaan lafee keessa seene akka taate hundatu beeka. Miidhaginni Uumamaa Rabbiin kenneef immoo daran eenyumayyuu biratti akka jaalatamtu kan godhe ture.

Hammuma fedhe miseensummaan DHDUO akka dhibee qufaa saffisaan daddarbaa turus yeroo sana, haaluma sana keessattuu Miseensa DHDUO ta’uun Uummata Oromoo ganuudha, Oromummaa ofirraa mulqanii gatuudha. Namni miseensa isaanii ta’e hunda biratti tuffatama. Kan miseensa isaanii ta’es kana waan beekuuf dhokateet akka namni hin arginetti luuxee waajjira DHDUO qunnama. Namni tokko isa arge taanaan akka balfaatti ofirraa maqfama. Hagasuma, Oromummaansaas gaafas biyyoo lixxi ( Adaduma Namni isaanitti makamu dabalaa adeemaa tureen miirrifi ilaalchi akkasii garuu xinnaachaa dhufee ture). Inumaa dubbiin faallaa adeemtee namni miseensummaa DHDUO fudhachuu dide akka farra biyyaa, farra nageenyaafi farra dimokraasii ta’eetitti ilaalamuı eegalees ture. Haalli suni immoo Sabboontota akka Xayibaatiif gaarii hin turre. Haa ta’u malee sodaas ta’ee faaydaa isheetiif jecha DHDUO hin mil’anne ~ sabboonummaa ishees hin tuffachiisne. Osoo eejjannoo ishee kanarraa hin sosso’in hamma waggaa sadaffaa geesse.

Eebbifamuudhaaf baatiin muraasni yeroo ishee hafu wanti isheen hin eegin tokko uumame. Innis akkana ture ~ tasuma osoo isiin itti hin yaadin qindeessittoonni DHDUO dallaa sana keessa jiran waamanii, har’aan achi ati Miseensa keenya adda dureedha jedhaniinii maqaa ishee DHDUO qabsooftuu hangafa jechuudhaan tokkoffaarratti ishee galmeessanii leenjiidhaaf gara Adaamaatti dabarsan. Ijoolleen yeroo sana dallaadhaan alaafii keessaa DHDUO qindeessaa turan keessoon ishee miseensummaa isaanii akka hin fudhanne haa beekan malee ejjannoof sabboonummaan Oromummaa ishee qisaasamee akka bilaashatti hin hafne ijoollee cinqamtu turte. Sababa sabboonummaa ishees gufuum akka ishee hin arganne warra sodaatan turan. Ijoolleen suni namoota akka ishee dirqiidhumaan maqaa galmeessanii gara waajjira jiddugaleessaatti erguu isaanii ijoolleen morman hedduu turan. Kanneen komii dhiyeessan ijoollee fedhii dhuunfaa isaanii kabajiifachuuf waggoota sadiihiifi sanii oliif waajjira DHDUOtti deddebi’aa turaniidha.

Akkuma eebbifamtee xinnooshee bubbulteen waamicha miseensota DHDUtiif godhameen leenjii warraaqsa dimokraasummaatiif gara Adaamaa imalte. Yeroo sana warri DHDUO waajjira jiddu galeessaa irraa qindeessaa ture Obboo Aaddisuu Araggaafaa, Obboo Zalaalam Jamaanah faa turan. Sabboontuu akka Xayibaa Hasan gara miseensummaatti fiduu isaaniitiif qindeessitoota Yunivarsitii Goondar galateeffatan. Akkuma leenjicha xumurteen Finfinneetti hojii eegalte, ergasiis itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartii Magaalaa Sabbataa taatee muudamte. Eddoo sanarra waggoota afuriif erga hojjatteem booda gara Caffee Oromiyaatti Olguddachuudhaan jalqabarratti waggaa tokkoof itti aantuu, ergasii immoo Itti Gaafatamtuu Dhimma Dubartoota Oromiyaa taatee Muudamte. Eddoon suni yeroo dheeraadhaaf Aangoftuu DHDUO Aaddee Sa’idaa Kadiirin kan qabame ta’uu isaatifii muuxannoof gahumsi ishees ol’aanaa sila tureef eddoo sanaa Sa’idaa kaasanii Xayibaa ramaduun namoota tokko tokkoof kan liqimfame hin turre. Ta’us waajjiricharra nama yeroo dheeraaf ture dabalataan irra tursiisuurra nama haaraa, ilaalchafi humna hoo’aa qabu ramadamuun kan isaan gammachiises hedduu turan.

Eebbifamtee yeroo gabaabaa keessatti aangoo ol’aanaa kanarra erga baateen booda jijjiirama akkamii waajjiricha keessatti fiddi laata kan jedhu nama hedduu biratti kan hawwiidhaan eegame ture. Ta’us garuu aangoo sanarra bubbuluudhaaf carraa osoo hin argatin Qilleensi waajjira Pirezidaantiitti bubbisee Jeneraal Abbaa Duulaa Gammadaa Jaal/ Alamaayyoo Atoomsaatiin geeddare Aaddee Xayibaa Hasanis eddoo sanaa kaasudhaaf yeroo itti hin fudhanne. Carraan ganamaan argattetti fayyadamuudhaaf hiree gahaa osoo hin argatin aangoo irraa kaafamtee. Sana booda eeddoo kamirra akka hojjachaa turte sirriiti hin beeku ( Ekspartii taatee biiroodhuma sana keessa hojjachaa akka turte nan shakka). Barumsa Maastarsii barachaa akka turtes nan yaada.

Erga Prezidaantiin Jijjiiramaa Obboo Lammaa Magarsaa gara aangoo dhufee as Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee ta’uudhaan muudamte. Yeroo gabaabaa keessattis waan kanaan dura kantiibaan magaalatti hedduun sodaachaa ture sodaa tokko maleen itti seentee maandhee hannaa dhiiga Oromoo xuuxudhaaf ijaarame diiguu eegalte. Diina lammii ajjeesee akka dur laphee dhiibee bashannanuuf karoorfate jilbiiffachiistee murteef dhiyeessitee murtee haqaa argachiiste. Hojii ishee kanaanis qaamota hedduu, keessumattuu Uummata Oromoo irraa jaalalaafi kabajaa guddaa argatte.

Walumaagalatti seenaan gabaabaan Aaddee Xayibaa Hasan kana fakkaata. Kaleessas sabboontuu, har’as sabboontuu, borus sabboontuu sabaa akka taatu abdiin kan koo guddaadha. Dhumarratti seenaa dhugaadhaan na bira gahe tokko isiniif haa qoodee nagaa isinitti dhaammadhuu::))

~ Akkuman gubbaatti jedhe yeroo keenya sana nama dallaa keessatti waa’ee DHDUO waan gaarii dubbatu sabboontonni yeroo itti eeggatanii dhukee irraa kaasaa turan. Achuma Yunivarsitii Goondaritti guyyaa tokko saboontonni Oromoo mucaa miseensummaa DHDUOtiin of jaju, kan basaastota wayyaaneetiiff ergamee ijoollee keenya maqaa xureessee egeree isaaniitti gufuu ta’aa ture tokko qaban. Gorsas laataniifii gocha isaa kanarraa akka qusatu itti himan. Inni garuu sirrumatti cuuphameera sila ta’eef gorsa isaanii sana tuffatee ijoollee sana doorsisuuf kajeele. Ergasii sabboontonni kuni mala malanii, guyyaa tokko gamtaadhaan qabanii tumanii, lafarra gangalchanii dhukkee irraa kaasan. Mucichi garuu kan harka kennu hin turre. Eddoo itti tumamee suutuma oljedhee ~ Duras beeka ture, Gooftaa Iyyasuus akka sirriitti na jaallatu har’uman sirriitti addaan baafadhe jedhee ture. Maali jennaan? Ammaan achi DhDUOn aarsaa ani kanfale kana gatii keessa galchuudhaan ramaddii miidhagaa naaf laachunshee hin oolugaa jedhe jedhama:             

Comments