ABBAAN BIYYAA FINFINNEE OROMOO DHA. FINFINNEEN HANDHUURA
Kutaa 1FAA
Bu’uura Heera mootummaa Federaalaawa Dimokiraataawa Itoophiyaa kwt. 2 tiin daangaan Itoophiyaa daangaalee miseensoota Federeeshinii kan hammate ta’ee isa waliigaltee idil-addunyaatiin murtaa’ee dha. Sirna federaalaa keessatti akkata uumamiinsa miseensota Federeeshinii ilaalchisee ogeessonni akkas jedhu”in case of multicultural federations, the territories are designed on the basis of major diversities that define a certain society; such federations presuppose the existence of a territorially grouped diversity”. Biyya keenyattis Daangaan miseensoota Federeeshinii bu’uura ulaagaawwan kwt. 46(2) Heerichaatiin kan murtaa’uu dha. Ulaagaawwan kunniin haala qubsuma ummataa, afaan, eenyummaa fi eeyyama ummataati.
Miseensoota Federeeshinaa bu’uura kanaan daangaan isaanii addaan bahe keessaa tokko Naannoo OROMIYAA akka ta’e tumaa lwt. 47(1) Heerichaa irraa ni hubatama. Labsii Lak. 46/1994
Labsii Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan Bara 1994 Fooyya’ee Raggasuuf bahe Kwt. 2(1) kan Daangaa Oromiyaa kaayu jalatti Naannoon Oromiyaa: Qubsuma lafa wal qabate, kan uummanni Oromootiifi uummatoonni Oromiyaa keessa jiraachuu filatan kan birootiis irra qubatan ta’ee; Kaabaan -Naannoo Affaariifi Naannoo Amaaraatiin, Kibbaan - Naannoo Uummatoota Kibba Itoophiyaatiifi Keeniyaadhaan,Bahaan - Naannoo Sumaaleetiiniifi Lixaan- Naannoo Benishaangul Gumuz, Naannoo Gaambellaafi Sudaaniin kan daangeffamuu dha. Bu’uura tumaa Heera Oromiyaa kanaatiin Finfinneen Daangaa Oromiyaa sanuu Hadhuura isii irratti akka argamtu ni hubatama. Kanaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa daangaa isaa keessatti aangoo fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu fi ofiin of bulchuu (Territorial autonomy also called “home rule”)ni qaba jechuu dha. Bu’uura kanaan Oromiyaan lafa isaa irratti angoo seera baasuu fi raawwachiisuu (have legislative and executive powers entrenched by constitution)Heeraan direere ni qabdi jechuu dha. Kanaaf teessumni lafaa ykn daangaan bu’uura hojiiwwan siyaasaa kamiyyuu (territory becomes the basis for political action) akka ta’e barbaachisaa dha. Finfinneen lafa Oromiyaati yoo jenne OROMIYAAN lafa isaa kana irratti aangoo siyaasaa fi seera kamiiyyuu baasuuf aangoo ni qabdi jechuu dha.
Mootummaa Federaalaa mootummaa naannoleetiin.ijaarame. naannoleen mootummaa kana ijaaran sagal qofa akka ta’an HMFDRI Kwt. 47(1) Heerichaa irraa ni hubatama. Bu’uura kanaan FINFINNEEN naannoo akka hin ta’in ifaa dha. Kanaaf FINFINNEEN Akkuma Naqqamtee, Dirreedhawaa, shashamannee, yaa'abelloo, Jimmaa, Adaamaa, Jimmaa, Danbidolloo, shanbuu, amboo. Ciroo, harar, Baalee Roobee, Bulee Horaa fi Nageellee Booranaa, Mattuu, Baddallee, Gimbii fi Asallaa magaalota mootummaq naannoo Oromiyaa ijaaraanii dha. Mootummaa Oromiyaa bifa kanaan ijaarametu naannolee biraa waliin mootummaa federaalaa ijaare.
Oromoon Abbaa Biyyummaa Finfinnee kan gaafatuuf sababa mirga seenaa Finfinnee irratti qabuufi( because of historical rights over Finfine) dha. Yeroo yaadachuu hin danda'amnee irraa kaasee hanga roorroon lafa isaa irraa buqqa'uutti lafa Finfinnee jedhamtu irra eenyuunuu dura jiraataa kan ture saba Oromooti (the original settlers of Finfine were the Oromo Historical evidences witness that as early as 1909; the total number of Oromos in Finfine was more than 25000 representing the majority of the residents of the town. kanaaf sabni oromoo abbaa biyyaa duriiti (indigenous peoples )ti jechuu dha. Mirga guddaa ummanni akkanaa lafa isaa humnaan irraa fudhatamte irratti qabu keessaa tokkoo fi murteessaan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuti. Kanaaf bu'uura kanaanis ummanni kun Finfinnee irratti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ni qaba jechuu dha. Heerri mootummaa inumaa daangaa tokko malee hanga fottoquutti kan eeyyamuu dha. ). Kanaaf FINFINNEEN bu’uura kanaanis qaama Oromiyaa ta’uun isii hin mamsiisu.
Bu’uura HMFDRI kwt. 50(1) tiin Mootummaan Federaalaawaa Dimokiraataawa Ripaablika Itoophiyaa mootummaa Federaalaa fi mootummaalee naannoleetiin kan caaseffamee dha. Bu’uura kwt. 50(4) tiin Naannoleen akka mootummaa naannoottii fi sadarkaalee bulchiinsaa gadi aanaa kan birootiin gurmaa’uu ni danda’u. Ummanni kallattiin akka hirmaachuu danda’uuf aangoon gahaan qaamolee bulchiinsaa gadi aanaa ta’aniif kennamuu akka qabu tumaa Heeraa kana irraa ni hubatama. Sadarkaawwan Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Heera MNO Labsii Lak. 46/1994 Kwt. 45 jalatti ibsameera. Bu’uura kanaan Naannichi Naannoodhaan, Godinaan, Aanaadhaaniifi Gandaan kan caaseffameedha. Haa ta’u malee, Caffeen Oromiyaa barbaachisaa ta’uusaa yemmuu itti amanu sadarkaa bulchiinsaa kan biroo caasessuu ni danda’a. Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee akkauma magaalaalee birootti caasessuudhaan magaalaa muummee Naannichaas godhatee jira.
Sirna mootummaa federaalaa tiin aangoon mootummaa federaalaa fi mootummaalee naannoo jidduutti heeraan qoodama. A federal system is a form of state based on a federal arrangement that provides legislative and executive powers in a constitutionally defined pattern between the centre and the component units. HMFDRI kwt. 50(8) tiin aangoon mootummaalee Federaala fi Naannoolee jidduu Heerichaan akka qoodame; Naannoleen aangoo mootummaa federaalaa kabajuu akka qaban; mootummaan Federaalaaf aangoo mootummaa naannolee kabajuu akka qabu tumameera. Mootummaaleen lameenuu qaama seera baaftuu, seera hiikuu fi seera raawwachiisuuti ni qabu. Bu’uura kanaan aangoon mootummaa Federaalaa HMFDRI kwt. 51 jalatti tarreeffamee jira. Mootummaan Federaalaa aangoowwan isaa kwt. 51 jalatti tarreeffaman keessaa bakka bu’ummaan naannoleef kennuu akka danda’u kwt. 50(9) jalatti tumameera. Aangoofi hojiileen Heera Mootummaa Rippaablika Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa keessatti addaan baafamanii Mootummaa Federaalaatiif yookiin Mootummaa Federaalaafi Mootummaa Naannichaatiif waliin kennamaniin ala jiran kamiyyuu, kan Mootummaa Naannoolee akka ta’e HMFDRI kwt. 52(1) jalatti tumameera. Dabalataanis dhimmoonni aangoo naannoolee jalatti kufan HMFDRI kwt. 52(2) jalatti tarreeffameera. MOOTUMMAAN NAANNOO OROMIYAA bu’uura aangoo HMFDRI tiin qoodameef kanaan Heera ofii tumachuudhaan mootummaa ofii ijaaratee jira. Heera mootummaa Naannoo Oromiyaa kwt. 47 jalatti aangoowwan naannoo OROMIYAA tarreeffamaniiru.
Kanaaf Ummanni Oromoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuutiin Naannoo Oromiyaa gaafa hundeeffate sana magaalaa Finfinnees murteeffate. Finfinneen Hadhuura OROMIYAA ta’uu irraa kan ka’e labsii Lak. 94/1997 Labsii Heera Fooyya’aa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak. 46/1994 Bara 1994 Bahe Fooyyessuuf Bahe kwt. 2(3) jalatti MAGAALAAN MUUMMITTIIN OROMIYAA FINFINNEEDHA jechuun Magaalattiin akka magaalaa MUUMMEE NAANNICHAA taate ifatti labseera. FINFINNEEN daangaanis ta'u caaseffama mootummaa naannoo oromiyaa keessaa waan taateef abbaan biyyaa FINFINNEE Oromoo dha.
Kanaaf akkuma magaalota sadarkaa 1ffaa Oromiyaa kanneen biraa ittgaafatamummaan magaalaa FINFINNEE naannoo oromiyaatiif malee Mootummaa Federaalaatiifii miti. Finfinnee irratti aangoon seera baasuu, seera raawwachiisuu fi abbaa seerummaa ykn seera hiikuu kan mootummaa naannoo Oromiyaati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa aangoowwan Heera Federaalaa fi Heera Mootummaa Naannoo isaatiin argate kanneen hundumaa FINFINNEE irratti hojiirraa oolchuuf aangoo fi mirga ni qaba. Bu’uura kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa Finfinnee irratti aangoowwan magaalaa Finfinnee caasessuu,; maammata, tarsiimoofi karoora misooma diinagdeefi hawaasummaa baasuu fi raawwachiisuu, Chaartaraa fi seerota adda addaa Magaalichaaf baasuu fi raawwachiisuu ; lafaafi qabeenya uumamaa magaalichaa bulchuu; Humna poolisii Naannichaatiin nagaafi tasgabbii magaalichaa eeguu; madda galii Naannichaaf murtaa’erratti fi Galii manneeniifi qabeenyota biroo magaalaa Finfinneetti gibiraafi ashuura biraa murteessuuf walitti ni qabuu; fi akkasumas dhaabbattoota abbummaa bulchiinsa magaalichaa jala jiranirratti gibira bu’aa daldalaa, gibira hojii, ashuura gurgurtaafi eeksaayizii murteessuu fi walitti ni qabuu ni qaba.
Kanaan Walqabatee Gaaffiiwwan Waliigalaa Wixinee Labsii Dantaa Addaa Oromiyaan FINFINNEE irraa argachuu qabdu ilaallatu Deebii Argachuu Qaban:-
Finfinnee irratti aangoon seera baasuu, seera raawwachiisuu fi abbaa seerummaa ykn seera hiikuu kan mootummaa naannoo Oromiyaati yoo jenne, Mootummaan federaalaa heera osoo hin cabsin Finfinnee irratti seera baasuu, raawwachiisuu fi dhimmoota naannoo jalatti kufan aangoo abbaa seerummaatiin ilaaluu ni danda’aa?
Hin danda’u yoo jedhame Chaartarii magaalaa Finfinnee( fkn 361/95) fi Dirree Dhawaa Mootummaan Federaalaa aangoo seera baasuu bu’uura Heeraa qabu Oromiyaa irraa fudhachuun baase akkamitti ilaallama?
FINFINNEE irratti seera baasuun dhimmoota aangoo mootummaa Federaalaati jedhamanii Heera mootummaa Federaalaa kwt.51 fi 55 jalatti tarreeffaman jalatti ni kufaa? Hin kufu yoo ta'e magaaluma naannoo irratti Mootummaan Federaalaa seera baasuun Sirna federaalizimii hin diiguu?
Dhimmoonni Finfinnee fi Dirree Dhawaa keessatti uumaman dhimma Federaalaati jedhamanii akkamitti manneen murtii Federaalaatiin ilaallamuu danda’u? Labsiin 25/88 fi kan isa fooyyessan aangoo abbaa seerummaa Oromiyaa irraa fudhate hoo?
Labsii Heera Mootummaa Naannoo OromiyaaLak. 46/1994 Kwt. 5 Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaati; kan barreeffamus qubee Afaan Oromootiin ta’a. Afaan hojii Finfinnee afaan Amaaraa ta'uun ifatti Heericha hin diiguu? kun hoo fedaraalizimii irratti balaa hin fiduu?
Kutaa 2ffaa jalatti gaaffiiwwan bu’uuraa Heera mootummaa Federaalaa Kwt. 49 walqabatan ilaaluuf kan yaallu ta’a.
HORAA BULAA DEEBANAA
Comments
Post a Comment