Heeraan Alummaa Labsii Muddamaa fi Gahee MNO/OPDO

Heeraan Alummaa Labsii Muddamaa fi Gahee MNO/OPDO

                                                          Husen Tura

                                                     

Heeraan Alummaa Labsii Muddamaa fi Gahee MNO/OPDO


Wayyaaneen labsii yeroo muddamaa ji'a 6f turu labsitee jirti. Labsiin kun humna waraanaa Wayyaaneetiif aangoo waan fedhan ittiin raawwatan kennaaf. Aangoon mootummaa siivilii ni daangeffama. 
Mirgoonni dhala namaa ni ugguramu. Sarbamiinsi mirga namaa ni hammaata. Hidhaa fi ajjeechaan bifa haarawwan ummatatti deebiti.
Akkaataa heera mootummaa Itoophiyaa keewwata 93 tiin labsiin yeroo muddamaa kan labsamu yoo biyyi weeraramte, yoo heeraa fi seerri garmalee cabee fi humna idileetiin tooyachuun kan hin dandaámne yoo ta'e (a break down of law and order which endangers the Constitutional order and which cannot be controlled by the regular law enforcement agencies and personnel), ykn yoo balaan uumamaa hamaan dhalate, ykn yoo dhibeen saffisaan tatamsa'u uumamee dha.

Wantoota armaan olitti eeraman keessaa Labsii Muddamaa kanaaf sababa jettee kan wayyaaneen dhiheessite cabiinsa seeraa garmaleeti. Akka jarri jettutti humni tikaa idilee fi mootummaan siivilii cabiinsa seeraa naannoo isaanii keessatti too'achuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, rakkinichi humna Poolisii Oromiyaa fi MNO tii oli jechaa jiran. Kuni garuu soba.

1) Rakkoon nageenyaa Labsii Yeroo Muddamaatiif sababa ta'u Oromiyaa keessatti hin uumamne. Lagannaa gabaa taasisuu fi hiriira bahuu dabalatee mormiin karaa nagaatiin gaggeeffamu mirga lammiileeef heera mootummaatiin kabajameedha. Ummanni Oromoo naamusaa fi seera eegee karaa nagayaatiin qabsaa'aa jira. Mirga hiree ofiin murteeffachuu mirkaneessuuf qabsaa'uun yakka miti. Mirga ofiitti fayyadamuun waraana namarri labsiisuu hin qabu ture.

2) Mormiin Oromiyaa keessatti godhame humna tikaa Oromiyaa fi MNO tii ol hin turre. Poolisiin Oromiyaa aantummaa ummataa ol'aanaa agarsiisuun ummata hiriiraaf bahe eegaa turee jira. Qondaaltonni MNO sadarkaa sadarkaan jiranis ummata tasgabeessanii osoo rakkoon nageenyaa hin uumamin ummanni akka nagayaan gara manasaatti galu taasisaa turanii jiru. Kuni immoo gahee heeraa fi seeraan mootummaa kam irraayyuu eegamuudha.
Labsiin Waraanaa kun sa'aatii 48 keessatti Mana Marii Bakka Bu'óota Ummataatiif dhihaatee sagalee 2/3 dhaan yoo deeggarame qofa hojiirra oola. Yoo paarlaamaan boqonnaarra jiraate ammoo guyyoota 15 keessatti paarlaamaaf dhihaachuu qaba.
Labsii kana hojiirra ooluun adda dureen MNO miidha. Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee qondaaltonni OPDO aantummaa ummataa muldhisan hidhamuu ykn ajjeefamuu danda'u. Hooggantoonni poolisii Oromiyaas rukutamuu malu; Yoo xiqqaate Poolisiin Oromiyaa gaachana ummataa ta'ee akka duritti hojjachuu hin danda'u. OBN diigamuu danda'a (yoo xiqqaate ni ukkaamfama).
Dhugaadha, qabsoon Oromoo finiintee jirti. Kuni immoo diina muddamsiisee jira. Haa ta'u malee, adaduma diinni muddamteen maqaa seeraafi heera kabachiisuutiin waraana ummatarratti labsuun seeraan ala. Labsiin waraanaa kun Wayyaanee qofa fayyada. Humna waan feete ittiin raawwatu kennaaf. Diinaaf humna kana kennuun immoo harkuma ofiitiin of balleessuu ta'a. Labsii kana eeyyamuun akka diinni ilmaan Oromoo hidhu, dararu, fi ajjeesu eeyyamuu jechuudha.

Wayyaaneenn Labsii Yeroo Muddamaa kana wayita paarlaamaan boqonnaarra jiru labsite. Yoo xiqqaate guyyoota 15f hojiirra oolchuu feeti. Haa ta'u malee, af-yaa'iin paarlaamaa ariitiin walgahii waamee labsii kana fudhatama dhabsiisuu qaba. Miseensonni paarlaamaa OPDO hundi sagalee tokkoon yoo morman labsiin kun kufaa ta'a. Guyyoota 15 miti guyyaa tokkoof hojiirra oolchuun balaa hamaa waan fiduuf, yoo Abbaan Duulaa walgahii paarlaamaa dafee waamuu baate, miseensonni biroo osoo oolanii hin bulin akka walgahiin hatattamaa dhimma kanarratti waamamu gaaffachuu qabu.

Caasaan MNO fi OPDO sadarkaa sadarkaan jiran akka Labsiin kun hojiirra hin oolle godhuu qabu. Hundaa ol aantummaan ummataa amma MNO irraa muldhatu cimee itti fufuu qaba. Dargaggoonni keenna lammata humnoota waraanaa federaalaatiif dabarfamanii gonkumaa kennamuu hin qaban.

Labsiin shiraa kun yoo hojiirra oole, kan waraana ummata Oromoo irratti labse Wayyaanee osoo hin taane OPDO akka ta'e ragaa nuuf ta'a. Gooftaan OPDO ummata Oromoo ta'uu ykn dhiisuu kan itti mirkanaa'u ta'a.

Comments