HMFDRI kwt. 49(2) jalatti waraabbii afaan Ingiliiziitiin “ The residents of Addis Ababa shall have a full measure of self-government.
HMFDRI kwt. 49(2) jalatti waraabbii afaan Ingiliiziitiin “ The residents of Addis Ababa shall have a full measure of self-government.
KUTAA 3FFAA
…KAN ITTI FUFE
HMFDRI kwt. 49(2) jalatti waraabbii afaan Ingiliiziitiin “ The residents of Addis Ababa shall have a full measure of self-government. Particulars shall be determined by law” jechuun tumame. Waraabbii Afaan Amaaraatiin “ የአዲስ ከተማ አስተዳደር ራሱን በራሱ የማስተዳደር ሙሉ ስልጣን ይኖረዋል፡፡ ዝርዝሩ በሕግ ይወሰናል” jechuun tumame. Bu’uura kanaan warraabbii afaan Ingiliiziitiin” Jiraattonni magaalaa Finfinnee ofiin of bulchuuf aangoo guutuu ni qabu. Tarreeffamni isaa seeraan murtaa’a”.Waraabbii afaan Amaaraatiin immoo” Bulchiinsi magaalaa Finfinnee……..” jechuun aangoo kana kan qabu jiraattota osoo hin ta’in Bulchiinsa magaalichaa akka ta’e ibsa. Kanaaf gaaffiin kanaan walqabatee ka’u abbaan biyyaa magaalaa Finfinnee Oromoo dha, Finfinneen tan Oromiyaati, Finfinnee irratti aangoo seera baasuu, raawwachiisuu fi hiikuu kan qabu mootummaa naannoo Oromiyaa yoo jenne, tumaan kun mirga abbaa biyyuummaa ummata Oromoo ni hanbisaa?ni daangessaa? Itti waamama magaalittiin Oromiyaaf qabdu hoo ni hanbisaa? Hin hanbisu yoo jenne hiikkoon isaa maali?
Namni magaalaa FINFINNEE keessa jiraatu kamiiyyuu Naannoo Oromiyaa keessa jiraachaa akka jiru beekuu qaba. Lafti jiraattonni magaalaa mirga ofiin of bulchuu irratti kennameef naannoo Oromiyaa keessa kan jiruu dha. Naannoo Oromiyaa immoo Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ummata Oromoo mirkaneessuuf kan hundeeffamee dha. Kanaaf FINFINNEE magaalaa bu’aa hiree ofii ofiin murteeffachuu ummata Oromoo (the self-determination right of the Oromo nation) akka taate ifaa dha. Heerichi magaaluma kana keessa namoota jiraataniif mirga of bulchuu(the self-governance right) kan kenneef. Naannoon Oromiyaa mirga Hiree ofii ofiin murteeffachuu ummata Oromoo heera keessatti caqafame hojiirra oolchuuf kan ijaarame waan ta’eef mootummaan naannoo Oromiyaa adda dureen naannoo kana keessatti ittigaafatamummaa afaan, aadaa, seenaa, fi duudhaa ummata Oromoo dagaagsuu fi dhalootaaf dabarsuu ni qabaata. Finfinnee Lafa Oromoo ummata Oromoo wajjiin walitti hidhatiinsa guddaa qabaachaa turte ta’us gara afaanii fi aadaatiin haalli isaa jijjiiramee jira. jiraattonni magaalaa Finfinnee akka bulchan tumamuun isaa haala kana yaada keessa galchuun yoo ta’e malee jiraattoonni magaalaa Finfinnee mirga ofiin of bulchuu jiraattoonni magaalaalee Oromiyaa kanneen biraa qaban irraa garaagarummaan qabu hin jiru.
Ogeessonni tokko tokko mirga ofiin of bulchuu ilaalchisee”A real autonomy must comprise the right to set out its own laws, in both forms, as an exclusive domain or as a concurrent domain within a legal framework set by the central state” jechuun ibsu. Ibsa kana irraa angoon of danda’uu ykn ofiin of bulchuu inni dhugaan seera ofii baafachuun kan mirkanaa’u akka ta’e ni hubatama. Akkuma kutaalee darban keessatti ilaaluuf yaaletti aangoon mootummaa federaalaa mootummaa federaalaa fi naannoo jidduutti qofa kan qoodamee dha. Kanaaf aangoon bifa kamiinuu magaalaa Finfinneetiif heera keessatti tarreeffame hin jiru. Local self-governance presupposes administering one’s own matter in one’s own locality and proportional participation in the regional and federal matter. Dhimmoonni bulchiinsi magaalichaa (self-matters) eenyufa’i? Dhimma naannootiin ala ta’uu ni danda’aa? Aangoo fi hojiilee dhimmoota kanneen raawwachuuf bulchiinsi magaalichaa qabu maal fa’a? Qabeenya akkamii fayadamuuf ykn bulchuuf mirga ykn aangoo qaba? Hojii bulchiinsaatiif maddi maallaqaa bulchiinsa magaalichaa eessarraa dhufa? Gaaffiiwwan kanneen HMFDRI bu’uureffachuun yoo xiinxalinu jiraattoota ta’e bulchiinsi magaalichaa mirga ofiin of bulchuu addaa kan magaalaaleen Oromiyaa kanneen biraa qabaniin adda ta’e akka hin qabne ni hubatama.
HMFDRI magaalaa Finfinnee ta’e magaalaa biraa naannoo kamiiyyuu keessa jiraatan ilaalchisee aangoo fi gahee hojii isaan(powers and responsibilities)qaban hion tarreessine. HMFDRI jalatti maddoonni galii (revenue sources) Magaalaa FINFINNEEf ta’ee magaalota biyyattii kamiiyyuuf addatti kennames hin jiru. Kanaan aangoo sadarkaalee bulchiinsaa gadi aanaan qabaatan kamiiyyuu kan maddu seerota bulchiinsa naanoo irraa ta’a jechuu dha. Kun immoo bulchiinsonni gadi aanaan kunniin kan itti waamaman mootummaalee naannoleetiif ta’uun isaa ragaa kan barbaaduu miti. Kanaaf aangoon magaalaan FINFINNEE qabaachuu qabdu kamiiyyuu ykn mirgi of bulchuu jiraattoonni magaalichaa qaban kamiiyyuu Heeraa fi Seera caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa baasuun kan murtaa’u waan ta’eef itti waamamani magaalaa Finfinnee Oromiyaaf ta’a jechuu dha. Ofiin of bulchuu jiraattoota magaalittii ittiwaamama kana hafaa kan godhuu miti. Osoo akka ibsame ta’ee ittiwaamamni isii federaalaaf jedhamee hin tumamu ture. Kanaaf gama kanaanis Ofiin of bulchuu jiraattoota magaalittii mirga abbaabiyyummaa ummanni Oromoo magaalitti irratti qabu kan hanbisuu miti. Garuu immoo hin dhiphisu jechuu koo miti.
HMFDRI kwt. 49(4) jalatti jiraattonni Finfinne bu’uura tumaalee Heera kanaatiin, mana mare bakka bu’oota ummataatti bakka bu’ummaa ni qabaatu jechuun tumameera. Waraabbii afaan Ingiliffaatiin” Residents of Addis Ababa shall in accordance with the provisions of this Constitution, be represented in the House of Peoples' Representatives” jechuun tumame. Waraabbii Afaan Amaaraatiin “ የአዲስ ከተማ ነዋሪዎች በዚህ ሕገ መንግስት በተደነገገዉ መሠረት በፌዴራሉ ሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ይወከላሉ” jechuun tumame. Haalli kun biyyoota biraa keessatti sadarkaa biyyoolessatti bakka bu’iinsa siyaasaa( Political representation at the national level) jechuun beekama. Akkasitti ibsuun ni danda’ama.
….Regardless of its geographical and demographic size some should be entitled to representation in the central parliament (to be ensured through specific constituencies or exceptions from the electoral laws for ethnic minorities.
Kanaaf mana mare bakka bu’ootaatti jiraattonni magaalaa Finfinnee bakka bu’iinsa akka qabaatan ibsamuun isaa jiraattonni kunniin Naannoo Oromiyaa keessa jiraatanitti akka murna xiqqaatti ilaaluun murtee siyaasaa taasifame malee mirga abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabdu kan hanbisuu miti.
Heerri mootummaa ifatti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu fi abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu kan mirkaneessu ta’uu osoo jiru akkaataa magaalaan tun qabatamaan ittiin bulaa jirtu irratti jijjiiramni bu’uura Heeraa hin qabne baay’een taasifameera. Bu’uura Heeraatiin FINFINNEEN teessoo mootummaa Federaalaa qofa taatee osoo jirtu faallaa heeraa mootummaan federaalaa aangoo bu’uura heeraa hin qabneen seeraa irratti baasaa, raawwachiisaa fi hiikaa tureera. Kanaaf tumaalee heeraa armaan olitti ibsaman hanga tokko kan dhiphisan ta’ullee mirga abbaa biyyummaa Oromoo hafaa kan godhanii miti.
HORAA BULAA DEEBANAA
Comments
Post a Comment