Ibsa lagannaa gabaa Oromiyaa yeroodhaaf dhaabuu ilaalchisee kenname
Qeerroo Oromiyaa
Guraandhala. 13, 2018
Milkiiwwan sochii Qeerroo Oromoon durfamuu keessaa inni tokko walta’insa paartii biyya bulchuu- ADWUI kan DhDUOnis miseensa itti taate gidduutti babbaqaqinsa dhugaa uumuudha.
Sochiin Oromoo Qeerroon durfamu jabaachu hubachuun DhDUOnis namoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa yeroo dhiyoo fuulduratti bayan waliin sochii kanatti makamuufi gara uummata Oromoo goruuf fedhii agarsiiste.
Sochiin kunis kadhannaa hoggantoota DhDUO haaraaf gurra kennuun sochii diddaa yeroo murtayeef dhaabuun komiifi fedhii Oromoo Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif dhiyeessaa tureera.
Haata’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaa gochoota muldhatoo uummata Oromootti abdii horan haga tokko qofa agarsiisuun sochiilee isaa dhaabuun ergamtu gar-tokkee murna ABUT (TPLF) ta’ee argame.
Keessuma erga murni ABUT walgayiilee koree hojii raawwachiiftu kan ofiifi kan ADWUI raawwatee as sochii Qeerroo kana quncaarsuufi dhaamsuf ergamni ifa ta’e Mootummaa Naannoo Orimiyaatti waan kenname fakkaata.
Murni wayyaanees MNO ergama kana qaamatti fudhachuu erga mirkaneeffatee booda tuffii isaa agarsiisuuf kallattii sochii Qeerroo kana ittiin toyatu jijjiirate. Murruuqqiin Calanqootti, Ambotti, Garba Gurraachaatti, Waldiyaattiifi dhiyeenya kana ammoo kaampii buqqaatotaa Hammarreessaatti raawwatan kallattii isaan itti deeman ifatti ragaa bayeera.
Yeroo tuffiin murna wayyaanee hammaatetti dadhabbiifii lallaafinsi MNO agarsiise sochiin kun kallatti jijjirrachu mala shakkii jedhu uumuun afuuraa sochii kanaafi hoggansa Qeerroo xiiqii guddaa keessa galche.
Ajjeechaafi hidhaan akka dhaabbatuu akkasumas Baqqalaa Garbaafaa dabalatee hidhamtootni siyaasa Oromoo marti akka hiikaman mootummichaaf waamichi yeroo dheeraa dhiyaachaa ture.
Wayyaaneen lallaafinsa MNO kanaan onnattee tuffii ishee daran agarsiisuuf hidhamtoota siyaasa gadhiisuu diduurra darbee, Obbo Baqqalaa Garbaa balaa dhiibbaan dhiigaa hamaan fidurraan kan ka’e agartuun isaa jaamuu akka malu ogeessoonni fayyaa akeekkachiisanis yaalii hatattamaa isa barbaachisu dhorkitee turte.
Yeroo kanatti egaa Qeerroon sochiisaa mootummaa abbaa hirree adunyaa cimtuu hundeen raase deebise calqabuuf kan murteesse.
Torbee kana diddaa namusa qabeessa - lagannaa gabaa uummata Oromoo miliyoonotaan lakkayamu hirmaachise waamuuf murteesse.
Waamichi gabaa lagannaa kun Guraandhala 12, 2018 guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamuuf waamamee.
Laguu kana keessatti:
Mootummichi lagannaan gabaa kun hundeesa akka raasu waan beekuuf battaluma waamichi kun godhametti Baqqalaa Garbaafi hidhamtoota siyaasaa biroo hiikuuf murteessuun lagannaan gabaa kun akka haqamuuf kadhate. Yeroo Qeerroon kadhaa mootummichaaf deebii deebisuuf maryatutti waraanni wayyaanee kaampii buqqaatota Oromoo naannoo Somaaleerra dhufanii keessatti murruuqqii raawwatte. Gochi waraana wayyaanee kun kadhaa kamiyyuu ija gaariin ilaaluun sirrii akka hin taane waan agarsiiseef uummata Oromoo mara miira aarii keessa galchuun inumayyuu karoora laganna gabaaf beenzina ta’e.
Iddoo mootummichi sodaatee qunnamtii interneeti mara cufetti Oromoon bahaa dhihaa, kaabaa kibbaa wal ta’uun diddaa naamusa dinqisiifamuun koroorffatee galmaan gaye.
Laguun gabaa kun impoortiifi eksipoorti akkasumas gabaa naannoole maraa ugguruun dinagdee sirnichaa gatantarseera. Mootummaa qobaa isaa dinagdee biyyattii dhuunfateef kuni kasaaraa guddaa ture. Kanaaf hardha hoggantoota KFO Baqqalaa Garbaafi waahillan isaa 6 hiikuuf dirqameera.
Kun kan ta’e Qeerroon diddaa isaa deebisee finiinsuun gaaffilee ifaafi kallattawaa mootummichi deebisuu qabu qabate sochiitti deebi’uuf murteessuu isaatiini.
Hoggantoota KFO 7 injifannoon erga hiiksiseen booda Qeerroofi Qarreen haala laguun kun itti deemu malu xiinxaleera.
Xinxala kanarratti hundaayuun laguun guyyaa boruu (roobii) akka dhaabbatuufi guyyaa hafte kana hoggantoota injifannoon hidhaa bayan simachuuf, daandii fi magaalota sochiin guyyoota lamaan darbe keessatti ta’e mara qulqulleessuuf akka oolu murteesseera.
Qindeessitionni Qeerroo diddaafi lagannaa gabaa namusa cululuqaafi injifannoo addaan xumurame kanaarratti lammiilee hirmaatan maraaf kabajaa fi dinqisiifanno guddaa akka qabu ibsuu barbaada.
Bilusummaan Uummata Oromoof, Bilisummaan uummattoota Itoophiyaa maraaf.
Qeerroo Oromiyaa
Guraandhala. 13, 2018
Comments
Post a Comment