Labsii Yeroo Ariifachiisaa | ulaagaa seera idil-addunyaa fi haala Itoophiyaa:
Labsii Yeroo Ariifachiisaa | ulaagaa seera idil-addunyaa fi haala Itoophiyaa:
Mirgoonni namoomaa dirqama kabajamuu, eegamuu fi guutamuu qaba. Mirgoonni namoomaa haalota addaan kabajamuu, eegamuu fi guutamuu irraa yeroo murtaawaf maqamuu [derogated] ni danda'a. Keewwanni 93 Heera Federaalaa 'Waa'ee labsii yeroo ariifachiisaa' jechuun tumeera. Akkaataa seera idil-addunyaa mirgoota namoomatti, labsiin yeroo ariifachiisaa haalota lama guutee labsama; haala lubbama [exigent condition] biyyaa balaa irra buusu fi tarkaanfii haalota sana too'achuuf fudhatamu. Labsiin yeroo ariifachiisaa haalota irratti tarkaanfin fudhatamu madaalawaa ta'uu too'achuuf labsama. Haalonni kunneen Waadaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa, keewwata 4, kan Itoophiyaan raggaasifte keessatti labsameera. Waadan kun akka seera biyyaatti lakkaawama, sadarkaan isaas dhimmoota mirgoota namooma ilaalchisee sadarkaa Heeraa oli, Heera Federaalaa keewwattoota 9(4) fi 13(2).
Ulaagaawwan keewwata 4 Waadaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa fi haala labsiin ariifachisaa biyya keenyaa itti labsamu haa ilaallu:
• Lolli yookin haalonni biroo waliigala argamsa 'biyyattii' sardu jiraachuu qabu. Jechi 'biyya' jedhu jala haa sararamu. Sirna biyyaa keessatti, mootummaan qaama biyyaa keessaa isa tokko malee biyya miti. Biyyi mootummaa oli. Haalli waliigalaa argamsa mootummaa sardu argamsa biyyaa hin sardu. Mootummaan Itoophiyaa, ADWUIn muddamuun biyya Itoophiyaa hin muddu. Yeroo ammaa, qaama sirna biyyaa kan ta'e Saboonni, Sablammoonni fi Uummanni Itoophiyaa gaaffii walqixxummaa, dimokraasii, hiree ofii ofiin murteeffachuu, kabaja sirna federaalizimii fi kkf gaafachaa jiru. Gaaffiin mirgaa biyya hin sardu. Haalota kana keessa dhalatan immoo seera idileetin hoogganuun ni danda'ama.
• Haalonni ariifachiisan yoo jiraatan labsamuu qabu. Haalonni labsii ariifachiisaa hordofsiisan yoo jiraatan ifatti qaama seera baasun labsamuu qaba. Labsiin haalota ariifachiisaa hordofsiisan fi labsiin yeroo ariifachiisaa garagara. Itoophiyaatti garuu labsii yeroo ariifachiisaa, labsii mirgoota namoomaa mulqantu labsama.
• Tarkaanfin fudhatamu haala barbaadameen ol darbuu hin qabu. Haalonni barbaadaman beekamanii tarkaanfin haala kana fiduuf fudhatamu madalawaa ta'uu qaba. Tarkaanfiin fudhatamu haaloo ta'uu hin qabu.
• Tarkaanfin fudhatamu dirqamoota idil-addunyaa biroo wajjin deemuu qaba. Murtii seeraa malee adabii lubbuu, gochaa reebichaa farra namummaa, dirqisiisanii nama dhoksuu, yakka sanyii balleessuu, fi kkf irraa bilisa ta'uun tasuma mirgoota hin maqamne [non-derogable rights, notstandsfest] dha. Itoophiyaatti garuu labsiin yeroo ariifachiisaa gochaawwan dhorkaman kanneen raawwachuuf heeyyama addaa baafatu. Gochaawwan kunneen yakkoota idil-addunyaati.
• Labsiin yeroo ariifachisaa loogawaa ta'uu hin qabu. Labsiin yeroo ariifachiisaa biyyaaf sadarkaa biyyaatti labsama, yookin hin labsamu. Tarkaanfiwwan fudhataman sanyii, bifa, koorniyaa, qooqa, amantii yookin madda hawaasummaa irraa loogiwwan maddan irratti kan hundaa'an ta'uu hin qaban. Labsiin yeroo ariifachiisaa loogii kan uumu yammuu ta'e jalqabuma labsamuu hin qabu. Itoophiyaatti immoo labsiin yeroo ariifachiisaa maqaa, qooqa, sanyii fi kkf bu'uureffachuun hojii irra oola.
• Garagalchi labsii yeroo ariifachiisaa Muummicha Barreessaa Mootummoota Gamtoomanii fi Biyyoota Miseensota Waadaa kanaa hunda ga'uu qaba. Itoophiyaa keessatti immoo labsiin yeroo ariifachiisaa lammiilee biyyaaf illee ifa osoo hin ta'in fooddaa cufaan labsama.
Ulaagaawwan Waadicha irratti caqafaman ida'ama waliini ti. Ulaagaan tokko yoo hin guutamne, labsii yeroo ariifachiisaa seerawaa hin ta'u. Caalatti, mulqi, sarbamni fi mulqamni mirgoota namoomaa akka jiru ibsa.
Comments
Post a Comment