Hoggansi OPDO maalif LYM kaasuu hin barbaanne?
Hoggansi OPDO maalif LYM kaasuu hin barbaanne?
LYM ni kaasan jennee osoo abdannuu torban dabre keessa walgahii Adaamaafi bakkoot biraatti godhame irratti barbaachisummaa labsii kanaatu dabballootatti himamaa ture. Hoggansi ol'aanaan OPDO durumarraa labsii kana paartilee EPRDF biroo waliin guututti deeggaruu isaa ni yaadatama. Kanarraa ka'uun jarri kun LYM kana tursuuf fedhii akka qaban jala murree dubbachuu dandeenya. Sababani isaanii maali laata?
1) Caasaan isaanii jidduugaleessaafi gara gadii takkaahuu tarkaanfii Qeerrootiin barbadaayeera ykn ammoo sirnicha ganee ummatatti makameera. Kanaafuu LYM kanaan humna waraanaatiin fayyadamanii caasaa san deeffatanii jaaruu barbaadan. Kun abshaalummaadha. Nama isaan mormu komaand poosiitti eeran qabsiisuun ukkaamsu. Garagalanii nuu miti komaandi poostiidha jechuun komii jalaa of baasu. Kana jechuun hanga komaandi poostiifi Qeerroon wal atakaaranuu OPDO deebitee of jaaruu feeti.
2) Akeekni OPDOn labsii kana tursuu feetuuf kan lammataa OFC/KFOn akka ummata keessa socho'ee of jaaree jabaatee filannoo itti aanuuf hin qophoofne sakaaluudha. LYM kun paartileen mormitootaa akka walgahii hin yaamne, ummata hin jaarree dhoorga. OPDOn filannoo itti aanuuf qophaayaa jirti. Filannoo dhugaa kan walaba ta'eefi paartiin cimaan isanin dorgomuuf humna horate keessatti ni moo'amna jedhanii sodaatu. Kanaafuu LYM warra gaafa filannoo isaaniin falmuu danda'u sun akka of hin jaarree ugguree laamshessee tursiisa. Guyya filannootiif ji'oonni muraasni yennaa hafu fakkeessuudhaaf akka socho'an hayyamanii moo'achuu fedhu. Hubadhaa, filannoon gandaa, aanaafii namootaa Caffeefi paarlaamaa federaalaa keessaa hirdhatan itti guutanii silaa Caamsaa kana ta'a. Filannoo kanatti ni moo'amna jedhanii waan sodaataniif LYM sababeeffachuun bara dhufutti dabarsan. Gaafa LYM kun ka'utti filannoon sun dhihaatee jira. KFOn keessattu sadarkaa aanaafii gandaatti sirritti of jaaruuf yeroo hin qabaatu. Kun ammoo OPDOn moo'adhe akka jettuuf hiree kennaaf. Yaadadhaa KGG OPDO paartilee mormitootaa biyya jiraniifi kan alaa hunda waliin hojjanna jettee erga ibsa baaftee ji'a 4 ta'aa jira. Hanga ammaa garuu paartii biyya jirus ta'ee kan alaa waliin haasaa sirna tokko akka hin eegalin mirkaneeffadheera. Akkuma KFO amma LYM laamshessitee erga filannoo jala gahamee fakkeessuuf gadi lakkiftuu, warra ala jiraniis filannoof jiini muraasi erga hafee galaa jechuuniif deemu.
Kun waan OPDOn tooftaa OPDOn baafattee ittiin socho'aa jirtuudha. Garuu yaada isaanis ummata keenyas miidhuudha. Paartiin cimaan Oromiyaa keessatti jiraachuun OPDO Wayyaanota biratti gatii dhabsiisa malee hin jabeessu. Kabaja har'a EPRDF keessatti argatte kana kan horatte sababa Qeerroon humna cimaa ta'ee as baheefi. KFO laaffisuun OPDO osoo hin taane TPLF deebitee akka cimtu godha. Akkasumas LYM kaasuun dirree dimokraasii bal'isanii fedhiin ummataa fincila irraa gara paartii ijaarameetiin akka deemu gochuun tasgabbii OPDOn waywaataafii ooltuuf murteessaadha. Dirreen dimokraasii dhiphatee paartileen laamshayanii turraan ummanni ammas sadarkaa hawaasaa ( civic society) tti hoggansa sochii Qeerrootiin qabsoo isaa itti fufuu malee filmaata biraa dhaba. Waliigalatti LYM deeggaruudhaan tarsiimoon OPDOn hordofaa jirtu, dogongoroota MM hojjataa jiruun walitti dabalamee, kan ishiifi ummata Oromoo bifa haaraan walitti buusee, Wayyaanetti lubbuu horuudha. waan kana ta'eef hoggansi OPDO ofii jedhee qalbii horachuun LYM safisaan akka kaasu gorsina.
Comments
Post a Comment