Sabboonummaan dantaa Oromoo ni daangessaa?

Sabboonummaan dantaa Oromoo ni daangessaa?

                                                       
Jawar Mohammed


Sabboonummaan dantaa Oromoo ni daangessaa?
Falmiin dhimma sabboonummaa Oromoo ni xiqqeessa jedhu moo'amnaan gara ni daangeessaatti ce'amee jira. Kunis sabbonummaan ummata keenya sadarkaa Oromiyaa bira dabree akka Itoophiyaafi Afrikaa akka hin yaadne daangeessa qabxii jedhutu ka'aa jira. Kunis yaada hanqina hubannaa theory fi seenaa sabboonummaa biyyootaafi ummata gargaraa keessatti calaqqisiisee qabaachuu dhaburraa dhufa.

Akkuma tibbana jechaa turre sabboonummaan yaadaafi miira ummata eenyummaa, aadaa, seenaafi rakkoo waloo qabu tokko waliin sochoosuun dantaa siyaas-diinagdeefi aadaa ofii ittiin galma ga'aniidha ( Ideology for mobilization of a collective). Haaluma kanaan sabboonummaan sadarkaa sadihitti saba takkaahuu biyya tokko fayyaduu danda'a. Kan duraa ummanni aadaan, afaan, eenyummaanifi diinagdeedhaan cunqurfame roorroo san jalaa bahuuf itti fayyadamuu danda'a (resistance nationalism). Kanaan sabboonummaa hiree murteeffannaa ( self determination) jechuunii dandeeny. Amala sabboonummaa kanaa bal'inaan waan mari'achaa turreef hedduu jechuun hin barbaachisu.
Kan lammaaffaa sabni tokko erga bilisummaa goonfatee booddee tokkummaa eegsisuuf, misoomatti ummata hamilchiisuuf, diina ofirraa eguuf kkf faaydaa guddaa kennuu danda’a. Kana jechuun sabbonummaan ideology siyaasaa qabsoo ( resistance nationalim) qofa osoo hin taane siyaasaa bulchiinsaa ( governance politics keessatti madda hamileefi miira ummata sochoosuu guddaa ta’ee fayyaduu danda’a.

Kan kan sadaffaa ummanni takkaahuu biyyi cunqursaa jalaa bahee walabummaa isaa goonfate tokko dantaa siyaasaafi diinagdee isaa daangaa ofii bira cehaa warra biraa biratti babal'ifachuu yoo barbaades sabboonummaatti fayyadamuu danda'a. Kanaan expansionist / Imperialistic nationalism jechuunii dandeenya. Fakkeenyaaf biyyoonni Awurooppaa hedduun dura sabboonummaatti fayyadamanii erga of bilisoomsanii booddee (ykn warri duraanuu walabummaa qabu) yeroo dantaa diinagdee isaanii gara Ameerikaa Kibbaa, Afrikaafi Eeshiyaa babal'ifachuu barbaadan sabboonummaatti fayyadaman. Fakkeenyaaf loltuun biyyoota san koloneeffatuuf ergan ' dantaa biyya abbaa keetiitifi ummata keetiif wareegami’ jedhamee amansiifameeti ergamaa ture. Barsiisaanis ta'ii bulchaan ergamus qaroomina biyya keetii addunyaa waliin gahi jedhameeti ( civilizing mission). Numa birattuu loltuun Tigree sabboonummaan guutamee biyya isaa erga bilisoomsee booda, Oromiyaa dhufee kan du'aa tureefis dantaa saba kiyyaan eegsisa jedheetumaa beekaa. Biyyoota Lixaatti Impeeriyaalizimiin waraanaa faashinni dabree kan aadaa ( cultural imperialism) yeroo bakka bu'us ideology isaa ammas sabboonummaadha. BBC'n sabboonummaa Britain oofa, Hoolywood kan Ameerikaa. Fakkeenyaaf BBC World kan sabbonummaa biyyootaafi saba biraa qeeqaa oolu, waluma cinatti aadaa, seenaa, qaroomina aadaa isaanii akkasumas jabina waraana isaanii faarsaa oolu. Holywood ammoo ol’aantummaa Ameerikaa addunyaa addunyaa irratti jaare. Addunyaa irratti aadaan ASmeerikaa sammuu dargaggota addunyaa akka koloneeffatu dandeessise. Bu’urri ( core) BBC ta’ee Hollywood sabbonummaa biyyoota isaaniiti.

Qabxiin ani kaasuu barbaade, warri amma Oromoon bilisoomtee Itoophiyaa bulchuutu nuun mala jedhaniifis sabboonummaan Oromoo faaydaa malee miidhaa hin qabu. Inumaatuu ummata isaanii ( core constituency) yoo sabboonummaadhaan cimsanii of duuba hiriirsan malee Itoophiyaa gubbatti aangoo sabatiinsa ( sustainable) qabu dhuunfatanii turuun hin danda'amu. Sirna federaalaa keessatti Oromiyaan haqa ishiin maltu akka argattu yoo kan feenu ta’es ummata Oromoon tokkummaa isaa cimsate qabaachuun dirqama. Sabboonummaa cimaa malee tokkummaan jabaan hin jiraatu. Warri sadarkaa gaanfa Afrikaa takkaahuu ardii san guututti Oromoo olbaasuu hawwaniifis sabboonummaan humna ta’aaf. Dantaa diinagdee saba keenyaa daangaa biyyattiitii alatti dagaagsuufis sabboonummaan bu'uura milkaa'inaati.

Kana yoon jedhu sabboonummaan itti biyya bilisoomsanii, sirna siyaasaafi diinaggee gaarii utubanii, san booda dantaa itti babal'ifatan akki itti dhiheeffamu tokko jechuu miti. Hamma tokko jijjiiruu ( modify) barbaachisa. Jijjiiramni godhamu garuu sabboonummaa adeemsa qabsoo bilisummaa (resistance politics) keessatti itti fayyadaman xiqqeessuufi busheessuun osoo hin himata ( narrative) haaraya itti dabaluudhaani. Sabboonummaa gaafa qabsoo itti fayyadamne busheessuu, faalleessuufi xiqqeessuun sabboonummaa bulkchiinsaatifi dantaa babal'ifannaatiif fayyadamuu barbaannu bu’uura irraa ka’u dhoowwata. Kana jechuun har’a Oromiyaa dhuunfachuu bira dabarree Itoophiyaa bulchuu qabna yoo jedhames, sabbonummaa asiin nu geesse faallessuun, humna nu buusee lama nu dhabsiisa. Oromiyaas Itoophiyaas. Akkuma biddeenni har’a tolchinu raacitii isa kaleessaatin alatti tole jedhee bukaayee yoo olchinu ija hin baafne, sabboonummaa Oromiyaa ittin jaarre gatnee, Itoophiyaa mirgiifi dantaan Oromoo keessatti eeggamu jaaruun waan hin danda’amneedha.

Wanniin nama keenya akeekkachiisuu barbaadu qeeqa sabboonummaa irratti hayyoonnifi hogganoonni siyaasaa biyya keenyaafi gama Lixaa dhiheessan yeroo mara dantaa isaanii tarkaanfachiisuuf kan akeekeedha. Fakkeenyaaf yeroo tokko Itoophiyaadhaa ‘constitutional patriotism’ kan hayyichi beekkamaan Jurgon Habermas jedhamu barreessitu ta’e yaadni jedhu qabsoo Oromoo keessaan biqilee ture. Yaadni sun fagoorraa yoo laaltu nama hawwata. Yoo itti dhihaattee hayyuun kun dantaa eenyuu tarkaanfachiisuuf yaada san dhiheesse, miidiyaaleen Lixaas maalif dhaadheessan yoo jettee gaafatte waa heddu agarta. Hawaasa ( constituency) namni sun keessaa baheefi fayyadu barbaadu beekuu qabna. Sadarkaan siyaasaa hawaasa isaa eeysa geesse? Ammas tanuma qabsoo ( resistance) keessa jirti moo gara bulchiinsaafi babal’ifannaa ceete? Waa’ee sabboonummaan orma biraa yoo qeequ kan saba ofii hoo maalif irra dabre? Sabboonummaan saba isaatiif biyya jaartee misoomsite ummata biraatif akkamiin hamtuu jedhamte? Haaluma kanaan kaleessa pirazidantiin Faransaay haasaa Kongrasii Ameerikaatti godheen sabbonummaa hedduu balaaleffate. Dhugaan garuu yeroo sabboonummaa biyyoota biraa balaaleffatu kanatti biyya isaa keessatti imaammata sabboonummaa Faransaay finiinsan dalaga. Fakkeenyaaf aadaa Faransaayitu faalama jechuun aadaafi amantiin baqattootaa akka cunqurfamuufi kan Faransaayiin liqimfamuus imaammata assimiliation jedhamu hordofa.

Hubadhaa, sabboonummaan gonkumaa rakkoo hin qabu jechuu miti. Sabboonummaan qabsoo bilisummaatis ta’ee bulchiinsaafi dantaa babal’ifannaa armaan olitti dhihaate yoo itti gaafatamummaadhaafi tarsiimoon hin maskamne miidhaa qabaata. Saboota oollaatiin walitti bu’uu, walwaraansa uumuu fi kkf karaa saaquu mala. Kana ammoo ideology hundatu qaba. Fakkeenyaaf soshaalizimiin walqixxummaan haqaa lammiilee biyya tokkoo jidduutti akka uumamu fayyada. Yoo bifa madaalawaan deemamuu baate ammoo nama hunda wal qixxeessuu dhiisee hunda isaa hiyyoomsa. Kaapitalizimiin waldorgommii cimaa lammiileefi kubbaaniyyaalee jidduutti uumuudhaan diinagdee saffisaan guddisuufi qaroomina teeknolojii saffisiisuuf shoora guddaa taphate. Heeraafi seera gabaa bilisaatin maskamee ( regulated) deemuu baannaan garuu biyya gartuun muraasni duroominaan quufanii haqqisan, kan ummanni wayyabaa hiyyummaa keessatti hafu godha.

Kanaafuu sabboonummaas sirnaan itti fayyadamuun faaydaa isaa guddisaa badii fiduu malu hambisuun ni danda’ama. Sabboonummaan Oromoo ammoo hundeen isaa sirna Gadaa kan bu’uurri finna, nagaafi walqixxummaa ta’e irraa waan dhufeef amaloota sabboonummaa badaa ta’an hin muldhisu. Fakkeenyaaf waggoota afran qabsoon itti finiine kana keessatti silaa akka olola diinni oofutiifi sodaa hayyootuma keenyaatiinuu Oromoon saboota biraan walitti bu’ee wal fixa ture. Amma wanni qabatamaan agarre, saboota biroo dhiisi sabni Tigree kan jeneraalonni isaanii nu fixaa jiranuu hin tuqamne. Lolli daangaatis yoo taate weera jeneraalonni Wayyaanee harka Abdi Illeetin Oromiyaatti banan malee kan sabboonummaan Oromoo saba ollaa isaatin walitti buusee miti. Sabboonummaan Oromoo amaloota ( characteristics) hamaaf saaxilan badaa hin qabu. Akka hin uumamneef ammoo tarsiimoon maskamuudhaan dhoorkuu malee sabboonummaa dimshaashaan busheessutti deemuun fala miti.


Dhumarratti obboleeyyan keenya kan gaafiin Oromoo biyyuma Itoophiyaa sirreessudhaan deebi’a jedhanii abdatan, sabboonummaan Oromoo dagaaguun walabummaa Oromiyaatti geessa jedhanii akka sodaatan nan hubadha. Itoophiyaa Oromoof taatu jaaruuf jecha sabboonummaa Oromoo ukkaamsuufi busheessuuf yaaluun walabummaa Oromiyaa yoo saffisaan dhalche malee hin hanqisu. Sabboonummaan malaan qabame akka galaanaa lola’ee ooyruu obaasa. Ukkamsamnaan garuu bishaan sun kuurii cabsee dhoo’uun karaa abbaan ooyruu hin barbaadinitti dhangala’uu qofa osoo hin taane ooyruu dhiqee balleessuu mala. Kanaafuu fedhima Itoophiyaa saba hundaaf walqixa taate uumuuf qabdanuu argachuuf sabboonummaa tooftaaan kunuunsaa deemutu wayya. Itoophiyaa haaraya jaaruf Oromummaas ta’ee sabboonummaa booddeessuun hin barbaachisu. Namni Oromoo Itoophiyaaf yaalu fala Oromummaafi Itoophiyummaa ittiin wal fudhachiisee deemuun ummachuu qaba malee sabbonummaa Oromoo tuqnaan ni kasaara. 


Yaa Oromoo, akkuman amma dura jedhe sabboonummaan ammatti gaaza qabsoo teenyaati. Gaafa bilisoomne ammoo xaa’oo misooma Oromiyaati. Kunuunfadhaa, guddifadhaa, tarsiimoon itti fayyadamaa!



 

Comments