Filannoon Maalif?

     
       Add caption
Filannoon Maalif?
                                                                                         
    
                                                Jawar Mohammed



Filannoon Maalif?
Dhimmoota tibbana irra deddeebidhaan ka’aa jiran keessaa tokko dhimma filannooti. Anis Filannoo ilaalchisee irra deddeebidhaan barbaachisummaa isaa dubbataa turee jira. Dhimmi kunimmoo filannoon namoota tokko tokko akka dallansiisaa jiru hubadheera. Sodaan namoota kanneenii naaf gala. Dura garuu mee ammatti waa’ee filannoo haasayuufi itti qophaayuun maaliif barbaachise kan jedhurratti qabxii muraasa kaayeen yaada namootaatiif deebii dhiheessa.

Filannootti qophaayuun maalif barbaachise?
A) Kaayyoon Guddaan Qabsoo ummata Oromoo mirga abbaa biyyummaa gootuu goonfachuudha. Kun ammoo waan sadi hammata. Qe’eefi qabeenya isaa irratti abbummaafi fayyadamummaa mirkaneeffachuu, eenyummaa ofiin boonaniifi kabajamanii jirachuu, akkasumas, mootummaa ofii filataniin buluudha. Qabsoon tun waggoota 50n dabre keessaa akeeka kana suutuma suuta guuttachaa dhufte. Sadeen kun walfaana adeemu. Qabsoonis galma geesse jechuuf sadan guutamuu qabu. Qabxiilee ijoo asiin olitti eeraman sadeenuu guutumaan guututti dhuhoomaniiru jechuun dandahamuu baatus kan hamma ammaatti qabatamaan guutumaan guututti gara hojiitti hin hiikamin mootummaa ofii filataniin buluudha. Mootummaa ofii filataniin buluuf ammoo filannoon dirqama ta’a. Maarree erga sirna abbaa irraa kuffifnee booda sirna dimokraasiin bakka buusuun akeeka qabsooti. Sirni dimokraasii ammoo filannnoon alatti hin yaadamu.

B) Yeroo ammaatti yaaddoon Ummanni keenya qabu tokko dhaabbileen siyaasaa maqaa saba kanaan socho’an heddummachuudha. Murnoonni kun gara dhaabbilee ciccimoo muraasaatti akka dhufan hawwii lammiilee hedduuti. Filannoon immoo tooftaa siyaasa murnaa ittiin too’atan ( factional management) keessaa isa tokkoodha. Bu’ureessitoota Ameerikaa keessaa tokko kan ta’e James Madison, akka jedhetti hawaasa tokko keessaa murnoonni siyaasaa ( factions) bahuun waan hin oolle. Murnummaa dhabamsiisuun hin danda’amu, falli jiru tooftaa ittiin too’annu uumuudha. (The CAUSES of faction cannot be removed ... relief is only to be sought in the means of controlling its EFFECTS~James Madison, Federalist # 10) Tooftaalee miidhaa murnummaan fidu ittin hirdhifnu keessaa ammoo tokko filannoo yeroo yeroon geggeeffamuudha. Filannoon yaadaafi fedhiin murnootaa gabaa irra oolee hawaasa biratti akka madaalamu godha. Murnii kamiiyyuu filannoo moo’achuu waan barbaaduuf qophii filannoof godhamu keessatti humna ofii jabeeffachuu qaba. Wantoota humna akka jabeeffatu gargaaran keessaa tokko murnoota biroo waliin tumsa uummachuu/ walitti baquudha. Maarree nutis rakkoo baay’achuu murnootaa kana kan nurraa furu keessaa tokko filannootti deemuudha. Filannoon bifa lamaan nu gargaara. Kan duraa akkuman sila jedhe qophii filannoof godhamu keessatti humna horatanii moo’achuuf jecha murnoonni walitti makamuun lakkoofsi ni hir’ata. Kan lammataa, murna biraa waliin tumsa uummachuufis ta’ee deeggarsa baldhifachuuf eejjannoofi haasawa siyaasaa ofii gara jidduutti dhiibuuf ( moderating rhetoric) dirqamu. Waliigalatti qophiin filannoof godhamu rakkoo baay’achuu murnootaa kanaafis fala ta’a jedheen yaada.

C) Yeroo ammaatti Oromiyaa keessatti caasaan bulchiinsa godinaa, aanaafi gandaa laamshayee jira. Yeroo ammaatti godinoota heddu keessatti bulchiinsi fudhatama, amanamummaa, dandeetittiifi humna ummata ittiin too’atu qabu hin jiru. Ummanni Rabbiin waliin ofumaaf walbulchaa jira. Ummanni bulchiinsa mootummaa Oromiyaa gubbaatti O/ Lammaafi Abiy laalaa of jajjabeessa malee caasaan isaanii gara jalaa jiru rakkoo hamaa keessa akka jiru sirriitti beeku. Rakkoo laamshawuu bulchiinsaa kana furuuf O/Lammaa Magarsaa maqaa haaromsaatiin wagggota lamaan dabre kana yoo xiqqaate yeroo shan jijjirama hoggansa ( reshuffle) godhee jira. Ciminni bulchiinsaa garuu hammaataa malee fooyya’aa hin dhufne. Hubadhaa, OPDO fi Lammaan bulchiinsi kun akka fooyya’u dhugumaan barbaadan, garuu hin dandeenye. Maaliif? Nama haaraya kan dandeettiifi muuxannoo haaraya qabu, kan ummata birattis fudhatama qabu baay’ina barbaadamuun muuduu hin dandeenye. Qondaaluma aanaa ykn godina tokkotti laafinaafi hannaan kaafametu bakka biraatti muudamaa jira. Maalif? Sababni tokko aadaa dhaabaa sanii keessatti hoggansa tokko yeroof kaafta malee dhabama hin gootu. Kan biraa dhaaba san keessa murnoonni ( caasaa jedhaniin isaan) garagaraa waan jiruuf madaala eeguuf jecha achuma garagaggalchaa oolu. Kan sadaffaa ammoo bulchiinsa shamee kukkufaa jirutti kana waan arguuf namni dhaabaan ala jiru itti galuu hin fedhu. Fakkeenyaaf tibba dabre Qeerroowwan kumaatamaan Adaamaatti leenjisanii turan. Kan tole jedhee bulchiinsatti makame garuu qubaan lakkaayama.
Filannoon akkamiin kana furuu danda’a?
Yaadadhaa filannoon dura godhamu kan gandaafi aanaatii. Filannoon kun silaa barana Caamsaa 2018 godhamuu qaba ture gara Caamsaa 2019 jijjiramee jira. Filannoo kanarratti OPDOn hoggansa sadarkaa sanitti jiru kan ummanni jibbe harcaaftee haaraya akka kaadhimtu dhiibbaa itti uuma, hirees banaaf. Paartiin tokko kaadhimamaa tokko galmeessisuu dura miseensa dhaabaafi ummata filataanun madaalchisa ( candidate vetting). Adeemsi kun ammoo Lammaan warra ummanni jibbe akka ofirraa harcaasuuf kan ummata biratti fudhatama wayyaa qabuun akka bakka buusu haala mijeessaaf. Haaluma walfakkaatuun, qophiin filannoo, paartileen mormitootaas Finfinnerraa ibsa ejjannoon qabsaa’uu irraa bahanii caasaa isaanii gara gaditti akka diriirsan, kaadhimamtoota ummata biratti fudhatama qaban akka dhiheeffatan isaan dirqisiisa. Maarree qophiin filannoo paartiin biyya bulchaa jiruufi kan mormituus kaadhimatoota wayyaa qaban akka dhiheessan hiree bana. OPDOnis yoo moo’ate qondaalonni haarayni taaytaa qabatan kan duriirraa fooyyee ta’u. Dhaabni mormituus yoo moo’ate warra san duraarra kan fooyyee qabu ta’a. Garuu ammoo gara filannaatti deemuu baannan laamsha’uun bulchiinsa gara gadii ( sub-state failure) amma muldhatu kun gara biyya diiguutti ( failed state) akka nama ceesisu beekuun barbaachisaadha. Bulchiinsa Oromiyaa laamsha’e kana deebisanii ijaaruun ol’aantummaan seeraa akka jiraatu, tajaajilli bulchiinsaa sirnaan akka kennamu yoo kan barbaannu ta’u dhimma filannoo moggatti dhiibuu osoo hin taane ajandaa jiddu galeessaa gochuutu barbaachisa.

D) Dargaggeessi Oromoo waggoota afran dabre tooftaafi tarsiimoo mootummaa ittin laamshessu baratee jira. Amma ammoo dandeetti, beekkumsaafi sabboonummaa san sirna dimokraatawaafi tasbaggaawaa uumuutti naanneessu qaba. Dargaggeessi kun firii carraaqqiifi aarsaa waggoota dabranii arguu barbaada. Firii san arguuf ammas jijjirama godhamaa jiru halaalaa laalee harka dhawuu osoo hin taane suduudaan hirmaachuu barbaada. Dargaggeessi kun hedduun isaa barnoota sadarkaa ol’aanaa fixus carraa hojii hin arganne. Jijjiramni dhufu hiree hojii akka uumuuf barbaada. Jijjirama garasitti geessu keessatti hirmaachuu qaba. Hirmaannaalee kana dhoowwamee fuuldureen isaa ifa ta’uufi baannaan humniifi qalbiin daraggeessaa cal jettee waan hin teenyeef madda rakkoo ta’uu mala. Karaan muuxannoo sirna diiguuf horate kana garaa jaarutti ittiin jijjirru, kan adeemsa jijjiramaa keessatti akka hirmaatu karaa bannuuf, paartilee siyaasaa keessatti akka hammatamu godhuniidha. Qophiin filannoof godhamu dargaggeessi kun duula ummata dammaqsuu, jaarrachuu, kaadhimatoota filachuu, duula na filadhaa paartilee keessatti akka hirmaatu hiree kennaaf. Qophiin filannoo kun dargaggeessi keenya kallattiin jijjirama siyaasaa keessatti waan hirmaatuuf miira abbummaa ( sense of ownership) kennaaf. Kun ammoo abdii itti horee badii irraa akka of eegu, firii qabsoo isaa sanis kallattiin sassaabatee karaa irra akka kaayyatu godha. Oromiyaaf ammoo humni sirna abbaa irree diige, sirna dimokraasii amansiisaa ta’e keessatti akka hirmaatuuf carraa kennaaf. Kanaafuu filannootti deemuun rakkoo baay’ina dargaggeessaa ( youth buldge) waliin wal qabatee dhufu kan biyya daaquu danda’us ofirraa maqsuuf nu gargaara.

Amma gara yaaddoo warra dhimmi filannoo akka hin dubbatamne barbaadanittin deebi’a.
1) Waa’ee filannoo dubbachuuf yeroon isaa ammaa miti:- yaadni kun amma biyyi jeequmsa keessa waan jirtuuf fuulleeffannaan keenya hundi biyya tasgabbeessuu irratti ta’uu qaba; Xiyyeeffannana keenya Wayyaanee duute gadi fageessinee awwaaluu irratti ta’u qaba kan jedhuudha. Sirriidha. Waa’ee filannoo haasayuun tasgabbii waaraa ( sustainable peace) uumuuf akkasumas injifannoon amma argame kun akka hidda gadi fageeffatuuf fayyada. Hubadhaa, ani har’uma ol ka’amee filannoon haa godhamu jechaa hin jiru. . Garuu filannoonn yoom godhama, seera filannoo akkamiin fooyyeessina, bulchiinsa boordii filannoo akkamiin jijjirra kan jedhurratti paartii biyya bulchuufi mormituu jidduutti mariin saffisaan eegaluu qaba. Mariin akkasii biyyaafi ummataaf kallattii itti deemnu ifa gochuun qalbii ummataa tasgabbeessuu bira dabree mormitoonnis jijjirama godhamaa jiru keessatti hirmaannaa akka qabaatan; toltuufi hamtuu jirtuuf mootummaa qofatti quba qabuun hafee akka itti abbooman dirqisiisa. Hubadhaa, yeroon cehuumsaa gabaabaadha. Biyyi cehumsa keessa jirtu yeroo muraasaa keessatti gara tokkotti citti. Cuhumai kuni immoo yookii gara dimokraasii ykn gara sirna abbaa irree ta’a. Haala Itoophiyaan amma keessa jirtuun carraan jiru takkaa dimokraasii dhugoomsudha ykn immoo adda faca’uufi wal waraanudha. Gara dimokraasiifi tasgabbiitti akka ceenu yoo barbaadame sa’aafi daqiiqaa hunda fayyadamuu qabna. Mariin dhimma filannoo akkuma Muummichi Ministeeraa haaraan taaytaa qabteen eegaluu qaba ture. Gana kanaan baay’ee harkifannaatu mul’ata.

2) Filannoo dura mariin haa godhamu:- yaadni biraa ammoo filannotti seenuu dura mariin hogganoota siyaasaa haa godhamu kan jedhuudha. Kunis sirriidha. Wantoota hogganoonni siyaasaa mari’atan ijoon biyya akkamiin bulchina, taaytaa siyaasaa akkamiin qooddannaafi kkf dha. Yoo hoggansi ol’aanaan ofumaa mari’atee hirmaannaa ummataatiin alatti aangoo ka seera dhabeessaan haa qircatuu jenne malee, biyya bulchuufi aangoo dhuunfachuufis filannoon dirqama. Kanaafuu marii godhamu keessaa ajandaan guddaan kan ta’uu qabu filannoodha.

3) Filannotti seenuu dura murnoonni tokko haa ta’an: Kunis hawwii gaariidha. Garuu murnoonni waggoota meeqaaf cicciramaa turan har’a lafumaa ka’anii tokko hin ta’an. Dhiibbaafi faaydaa ( incentive and pressure) garasitti isaan geessu qabaachuu isaan barbaachisa. Akkuma armaan olitti tuqame qophiin filannoo yeroo eegalu moo’achuuf jecha gara ejjannoo isaanii laaffisuu, tumsa uumufii walitti baquutti deemu. Kuni immoo hedduminaa isaaniis xinneessuun yaaddoo ummanni gara kanaan qabus hir’isuu keessatti gahee guddaa qaba;

4) Hoggansi jijiiramaa nuuf ta’eera amma maaf filannoo barbaanna: Hoggansi Abiy Ahmadiifi Lammaa Magarsaa waan gaarii dalagaa akka jiruufi deeggarsa guddaa akka qabu ifa. Haa ta’u malee bulchiinsi isaanii bulchiinsa ummataan filamee miti. Bulchiinsa filannoo hatameen ijaarame akka ta’e beekamaadha. Isaanumaafis ta’u filannoo gaggeessuun kan ammaa caalaa humna guutuun akka socho’aniif deeggarsa ummataa ( popular support) kana gara deeggarsa filannoo ( electoral mandate) jijjiruun hidda ofii gadi fageeffachuuf isaan dandeessisa. Hamma san hin godhinitti of shakkaafi shakkamaa deemu. Gaafa deeggarsa filannoo argatan ammoo kana caalaa dalaguu danda’u. Hubadhaa warri har’a harka dhahuuf hedduun lafa jala itti qophaayaa jira. Gaafa dogongora tokko isaan hojjatan lafaa itti ka’a. Mootummaa hin filamin waan ta’aniif saaxilamoo ( vulnerable) dha. Dabalataan ammoo hoggansi ammaa kun waan ummataaf waadaa galaa jiru kana bakkaan gahuuf jijjirama heeraafi seeraa tokko tokko barbaachisa. Bakka paarlaamaan filannoo bilisaatiin filame hin jirretti heeraaf seera jijjiruu hin danda’an. Waliigalatti gara filannotti qajeeluun hoggansa ammaa kana ni fayyada malee hin miidhu. Hoggansi kun sirna parliamentarian keessa waan jirruuf ni moo’amu shakkiin jedhus jira. Dhugaadha. Ammoo abjuu sodaatanii hirriba hin dhaban. Gara filannoo qajeeluun tooftaafi tumsa injifannoof isaan geessu akka malatan dirqisiisa. Filannoo dhiisanii deemna jechuun gaafa deeggarsi hoomachaa ( euphoria) kun dhume fonqolchamutti isaan geessa.

5) Filannootti yoo seenne ormi nu moo’a, aangoo dhiigaan arganne kana dhabna:- yaaddoon kunis naaf gala. Garuu ammoo sirna abbaa irree Wayyaanee buufnee keenya jaaruuf deemna moo? Wayyaaneedhaan afaan qawweetiin nu hin bulchitu jennee kuffifnee saba biraa afaan qawweetin bulchuu yaada qabnaa laata? Natti hin fakkaatu. Yoo hawwines gadaan sirna abbaa irree Itoophiyaatti dhumateefi jira. Ceekun/ duguggurruun ummata biyya sanii amma booda sirna akkasii hin baadhatu. Ummanni Oromoo, saboonni biroos ta’ee hawaasni addunyaa hoggansi Oromoo biyya Itoophiya san gara dimokraasii dhugaatti ceesisee, tasgabbeessee daandii misoomaarraa akka kaayu nurraa eega. Kana jechuun gara dimokraasiitti cehuun dirqama. Gara dimokraasii cehuuf ammoo filannoon dirqama. Erga filannoon waan hin oollee taatee, itti baha ( result) isaa sodaannee harkifachuu osoo hin taane akkamiin moo’anna kan jedhurratti tarsiimoofi jaarmayaan cimuu nu feesisa. Gaafa filannoon gahe tarsiimoofi jaarmayaan injifachuu kan dandeenyu ammoo ammumarraa dhiimma adeemsa, seerafi bulchiinsa filannoo ajandaa guddaa goonee mari’achuufi karaa saaquu yoo eegalleedha. Hogganoonni Oromoo dururraa kaasee dimokraasii dhugaa keessatti sabni Oromoo waan moo’atu malee waan dhabu hin qabu jechuun beekamu. Kun dhugaadha. Dimokraasii keessatti yoo tarsiimoon masakamnee jabaannee hojjanne qooda keenya hin dhabnu. Yoo lafarra harkifanne garuu, yeroon deemuun isaa hin oolu, filannoon dhufuun hin oolu, osoo hin qophaayin itti seennee salphanna.
Waliigalatti filannoof ammarraa qophaayuufi filannicha kan nagayaa, bilissaa, haqa qabeessaafi dorgommii qabu gochuun akeeka qabsoo Oromoo kan ummanni mootummaa ofii filataniin buluu san galmaan gahuudha. Sirna mootummaa Oromiyaa laamshayee jiru deebisanii jaaruun ol’aantummaan seeraa akka deebi’u, nageenyi waaraa akka jiraatu, kennisii tajaajilaa bulchiinsaa akka saffisuufi, daandii misoomaaarra biyya keenya akka qajeelchinuuf murteessadha. Paartilee faffaca’an kana walitti sassaabuun afaanfajjii hirdhisuuf nu fayyada. Filannoof godhamu dargaggeessa baroota dabran keessatti muuxannoo sirna mootummaa diiguu horate kana kara sirna dimokraasii jaarutti akka jijjiramuufi hirmaatu hiree banee rakkoo dhufuu malu maqsa.
Hubadhaa
,ani filannoon gaafa akkanaa haa ta’u jechaa hin jiru. Gaafa filannoon ta’uu qabu dabalatee dhimmoonni seera filannoo sirreessuu, hoggansa bulchiinsa filannoo jijjiruu irratti mariin paartilee hunda hirmaachise saffisaan eegaluu qaba. Akka amma lafa kaayametti Caamsaa 2019 filannoo aanaafi gandaatu jira. Caamsaaa 2020 filannoo biyyoolessaatu jira. Paartiin gariin itti qophaayaa jira. Gariin qubaayyuu hin qabu. ( Fkn Walgahiin dhaabbatummaa OPDO ji’a dabre taa’e dhimmi mari’ate guddaan filnnoowwan kana akkamitti moo’achuun akka danda’amuudha. ,KFOnis qophaayaa jira). Yeroon filannoo lafa kaayamee jiru kun ni jijjirama moo akkuma karooraatti itti fufa? Kun ifa ta’uu qaba. Yoo kan jijjiramus taate ammumarraa murteessanii guyyaa haaraya saniif qophaayuu barbaachisa. Yoo kan jijjiramus ta’e paartiin biyya bulchu kophaa isaatti godhuu hin ta’u. Mariifi waliigaltee paartilee hundaatiin ta’uun dirqama. Amma booda dhimma biyyaa irratti EPRDF kophatti murteessuuf fudhatamas humnas hin qabu. Wanni biraa jala muramuu qabu, naannoo biraas yoo dhiifne, Oromiyaa keessatti amma booda ummata doorsisuuniifi korojoo hatuun filannoo moo’achuun hin danda’amu. Kana Qeerroon itti hin dhiisu. Maarree filannoon qabsoo tana goolabuuf, siyaasaa wal laaqee jiru kana xaliilchuuf, biyya tasgabbeessuuf waan akkan barbaachisaati. Waan hin oollesi. Ammumarraa itti qophaayuun rakkoolee yeroo duula filannootifi filannoo booda dhufuu malan ofirraa hambisuuf nu gargaara. Mataa maruu dhiisaa dafaa itti seenaan gorsa ani paartii biyya bulchuufi moormitootaafis kennuudha.
Galatoomaa.
Jawar Mohammed 
Adooleessa 11, 2018



                                                                          

Comments