Jeequmsa Oromiyaa irraa Kasaaraa malee faaydaan Argamu tokkos hin jiru!

Jeequmsa Oromiyaa irraa Kasaaraa malee faaydaan  Argamu tokkos hin jiru! 
                                                                                                                                                                                                                                                                          
Jawar Mohammed         

                                         - Jeequmsa tibbana Lixa Oromiyaatti uumame ilaalchisee OPDOfi warri biroos yakka uumame kanaaf itti gaafatamummaa ABO Shaneetti quba qabaa turan. Jeequmsa kana isaan haa uumaniifi dhiisan guututti adda bahuu baatus ibsi ejjannoo isaan baasaa turaniifi wantoonni miidiyaaleen isaanii irratti maxxanfaman warra hokkara kaaseefi warra isaanitti quba qabaa jiruuf karaa saaquun ifa gala. Namoonni karaa cufan, nama saamaniifi ajjeefaman yeroo qabaman WBO/ABOtu nu erge jechaa turan. Kanaafuu murni kun yoo waan kana keessaa harka hin qabaanne ibsoota shira Wayyaanotaaf karaa saaqu irraa of qusachuu qabu. Kuni yeroo duraatii miti. Ajjeechaa Irreechaa booda ibsa murna kanarraa bahetti Wayyaaneen akkam akka fayyadamtee waraana ishii alabaa qabsiiftee nama keenya fixxe ni yaadanna. Badii tokko irra deddeebi'aa ooluun sirrii miti.
- OPDOn jeequmsa Lixa Oromiyaa kana keessaa akka itti gaafatamummaa hin qabneetti of dhiheessuu hin dandeessu. Bulchiisa aanaafi godinaa hattootaan guuttee ummata biratti amanamummaa dhabuutu ol'aantummaa seeraa akka burkutaa’u taasise. Erga jeequmsi uumamees akka ummanni hifatuuf jecha poolisiin, waraannifi bulchiinsi caldhisee ilaalaa ture. Kuni ummata deebisanii harkatti galfachuuf shira godhameedha. Dirqamni mootummaa kamuu nageenya lammiilee eeguudha. Magaalaa poolisiifi waraanni keessa guute keessatti iyyaalli nama ajjeesuun bulchiinsiifi dameen nageenya dirqama isaa bahuu dadhabuu ykn diduu agarsiisa. Ummanni mootummaadhaan seeraan ala mirga na hin sarbinaa jedhe malee nageenya biyyaa hin eegsisinaa hin jenne.
- OPDOfi dabballoonni ishii dhimma kanarratti ibsi isaan kennaa jiran akka qaama mootummaa naannoofi federaala bulchuutti osoo hin taane akka murna morkii seeneettiidha. Adeemsi isaanoo kuni Olola moofaa sodaa (phobia) isaan maqaa ABO jedhurraa qaban kan dhagayaa guddanne nu yaadachiisuudha. Namoonni dhiheenya kana isaanitti makamanii aangoo qabatan ammoo akkuma kaleessaa san waan ilaalcha dhuunfaa isaanii dhiheessuu danda'an itti fakkaata. Namni tokko gaafa taaytaa mootummaa qabaterraa kaasee bakka bu'aa mootummaa saniiti. Jechiifi gochi isaa hundi kan dhuunfaa osoo hin taane ejjannoo mootummaa akka calaqqisutti fudhatama. Naamusaaf dirqama qondaala mootummaa irraa eeggamuun of dhiheessuu qabu. Kanaaf dabballonnis ta'ee qondaalonni OPDO ilaalcha dhuunfaa murna tokkoof qabaniifi loogii paartii isaanii calaqqisuu dhiisuun akka mootummaatti dhimmota ilaaluufi dhaabbachuu qabuudha. Jechiifi gochi isaanii mootummaadhuma san daran tuffachiisee amanamimmaa dhabsiisee jeequmsa jajjabeessa malee faaydaa biraa hin qabu.
- Murnoonni siyaasaa biyya baqaa turan hedduun galanii jiran. Muraasni garuu hin galle. ABOn Shanee warra hin galin keessaa isa tokko. Galuudhaaf Qaamni sadaffaa bakka jirutti mari'achuu feena jedhaniiru. An akka xiinxala kiyyaatti qaamni sadaffaa waan barbaachisu natti fakkaatuu baatus; erga jedhanii qaama sadaffaan sun dhihaatee haaldureen isaanii haa dhihaatu. Mariin haa godhamu. Gara dirree siyaasaa nagayaa haa seenan.Maqaan ABO jedhu har'as ummata keessatti kabajaa akka qabu kan haalu hin jiru. Kanaaf ABO Shanees ta'ee murnoonni biroo maqaa kana qaban jaalala ummanni qabuuf san gara deeggarsa filannootti jijjiruuf akka paartitti of ijaarutu isaan baasa. San gochuuf haalduree qabna yoo jedhan dhiheeffachuun mootummaa waliin mari'achuu qabu. Garuu ammoo jeequmsatti seenuun isaanifis sabaafis faaydaa hin qabu. Jeequmsa kaasuun ummata biratti akka nuffaman ( backlash) godha ( kana immoo qabatamaan arguu eegallees jirra). Adeemsi akkasii kun Diinaaf karra saaqudhaan injifannoo hanga ammaa argame gaaga'a. Kanaaf waan dhaaba sanis ta'e saba miidhu irraa of qusachuun barbaachisaadha. Morka xixinnoo keessaa seenudhaan Political capital maqaa ABO jedhu waliin dhufu of jalaa qisaasuun adeemsa sirrii miti.
- Ilmaan Oromoo hidhattanii naannawa san sochootan kan qawwee akka kaaftanii bosona seentan isin godhe xiiqii gabrummaatifi hawwii bilisummaa saba keessaniif qabdan akka ta’e shakkiin hin jiru. Kayyoon isin kaataniif kabajamaadha. Maqaan WBO isin itti sochootan maqaa dhiiga gootota isin dura dabraniin barraayeedha. Kanaafuu tarkaanfiin fudhattan kamiiyyuu kan kaayyoo isiniifi warri isin duraa lubbuu aarsaa godhuuf gadi baataniif kan xureessu akka hin taane of eeggannoo cimaa gochuu qabdan. Ilmaan Oromoo saba isaaniitiif jecha bosona galan durirraa kaasee shirri itti dalagamaa kaayyoo isaanii galmaan akka hin geenye fashalsiifamaa ture. Baroota 1990moota keessa dirree Bahaafi Lixaa keessatti waan ta’e angafoota keessan irraa baradhaa. Wayyaaneen WBO dharaafi kijibaa ijaarudhaan ykn ammoo kanuma dhugaa san luuxee seenuudhaan tarkaanfii ummata madeesse hojjachaa turte. Kun ammoo baroota san osoo humna guddaa qabnuu qabsoo gama hidhannootin godhamtu fashaleessee qabsoon kurna lamaaf laamshessee dhaabas bakka heddutti gargar qoqqoode. Riphee lolaa tokkoof bosonni isaa ummata. Ummatni dahoo aduu jalaa itti gaaddisa taa’udha. Harbuu firii irraa nyaatudha. Qoraan waa ittin bilcheeffatu. Bosona san waan gaaga’aa raaw’annaan dura kan miidhamu riphee lolaa san ta’uun beekkamuu qaba. Haala amma jiruun bakka jiranitti naamusaan of ijaaruu malee sochiin waraanaa hin barbaachisu. Eenyu waraantu? Poolisii Oromiyaa gara ummataa gorte moo? Rayyaan ittisa biyyaa ofiifu raata’ee waan godhu wallaalee kanamoo?. Jeneraalonni Wayyaanee tarkaanfii jijjiramaa fudhatamaa jiru fashalsuuf bakka hundaa lolli akka eegalu fedhu. Isinis tuttuquun kanatti isin galchuu fedhan. Lolli sun injifannoo amma akka biyyaatti argame miidhuu qofa osoo hin taane isiniifis gaaga’ama guddaa fiduu mala. Kanaafuu amma obsuu barbaachisa. Akka amma abdataa jirutti biyyattii gara dimokraasitti ceesisuu irratti hoggansi siyaasaa taaytaa harkaa qabuufi mormitoonni yoo waliigalan ilmaan Oromoo hidhatanii qabsaa’aa turan takkaa hidhannoo isaaniitin gara Poolisii Oromiyaafi waraana biyyaatti makamu, loltummaan itti fufuu yoo hin barbaanne ammoo haalli siyaasaafi diinagdee keessatti akka fedha isaaniitti hirmaatan ni mijeeffama. Kun hundi ta’uuf ammoo ammatti tasgabbii uumuun hoggansi siyaasaa qalbii takkaan mari’atee waliigalteerra akka gahuuf barbaachisaadha.
- Akka ani hordofee laaletti waraanni biyyattii jeequmsa kana caldhisee ilaalaa ture. Bakka gariitti ammoo jajjabeessaatuu ture. Maalif? Akka duritti akka fedhanitti nama ajjeesuu hin dandeessan waan jedhamaniif, 'nuufi tarkaanfii humna keenyaa malee nageenyi hin jiru' ergaa jedhu Mummicha Ministeeraafi ummataaf dabarsuu barbaadu. Seer - dhabdummaan babal'atee Mummichi Ministeeraa tarkaanfii barbaaddan fudhadhaa biyyuma tasgabbeessaa akka jedhu fedhan. Ummannis jeequmsaafi seerdhablummaa irra roorroodhuma waraanaa san nuuf wayya akka jedhan barbaadu. Hubadhaa, uumamumaan ummanni bilisummaafi nageenya bakka tokkotti barbaada. Nageenyaafi fi bilisummaa keessaa tokko filadhu yoo jetteen nageenya filata. Humni waraanaa biyyoota heddutti xiinsammuu ummataa kanatti dhimma bahee jijjirama yeroo fashalsu argaa turre. Biyya keenyattis santu yaalamaa jira.
Waliigalatti abbaan fedhes haa godhu sababnis waan fedhe haa ta'u yeroo ammaatti jeequmsi Oromiyaas ta'ee iddoo biraatti uumamu kan fayyadu Wayyaanota qofa akka ta’e sirriitti hubatamuu qaba. Murni siyaasaa Oromoo tokkos jeequmsa uumamuun malu kamirraahuu faaydaan irraa argatu hin jiru. Ummata keenya kan waggoota afuriif osoo adddan hin kutin qabsoo hadhaawaa godhaa tureefis tasgabbiif nageenyi amma uumamaa jiru kuni murteessaadha. Ummanni keenya haara galfataa jijjiirama dhufaa jiru lafa qabsiisuuf godhuu dhiisnee jeequmsa faaydaa hin qabneen burjaaja’a uumun namaafi Rabbiin birattis adeemsa sirrii miti. Kan alagaan kallattii Bahaafi Kibbaatiin guyyaa guyyaadhaan nama keenya ajjeeftu hanqate ofumaaf nama keenya ajjeesuun waan tasuma fudhatama hin qabneedha. Gochi akkanaa hatattamaan dhaabbachuu qaba. Ummataafi Qeerroo keenyas akkuma kanaan dura gochawwan qabsoo ummataa laamshessan qindoominaaf milkiidhaan fashalsaa ture kanas dammaqinaaf aritiidhaan dhaamsuufi hoongeessuu qaba. Murnootni siyaasaa keenyas yeroo ammaa kanatti sirriitti of ijaaraa waliin mari’achaa adeemuu malee waan tasgabbii ummata keenyaa goolufi adeemsa cehumsaa gara dimokraasiitti godhamu danquun isaanirraa hin eegamu. Bakka kana gahuuf lubbuu gootota meeqaa gabbarre. Bakka amma jirru bilisummaa guutuu ta’uu baatuus tabba guddaa gara fuulduraatti fugugaachuuf ni gargaaruudha. Tabba kanarratti tarsiimoon masakamuu baannee tapha ijoolletti seennaan qilee keessaa bahuu hin dandeenyetti kufna. Nu haa baraaru!

Comments